Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii:-Bittaa Baaloonii caalbaasii Ifaan Gaafa Guyyaa 10/07/2018 Baasuun isaa ni beekama. Haata'u malee Dorgomaan tokko illee waan hin dhihaanneef dorgommicha marsaa 2ffaaf baasuu barbaade.

Description

Beeksisa Caalbaasii 2ffaa

Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii:-Bittaa Baaloonii caalbaasii Ifaan Gaafa Guyyaa 10/07/2018 Baasuun isaa ni beekama. Haata'u malee Dorgomaan tokko illee waan hin dhihaanneef dorgommicha marsaa 2ffaaf baasuu barbaade. Kanaafuu, dhaabbileen Meeshaa kana dhiheessuuf fedhii fi gahumsa qabdan ulaagaa armaan gadii irratti hundaa'uun dorgomuu dandeessu.

  1. Dorgomtootni hayyama daldalaa haareffame ykn haaraa kan qaban; gibira kan kaffalanii fi lakkoofsa kaffaltii taaksii (TIN) kan qabanii fi galmaa'an; akkasumas kaffaltoota Taaksii dabalata Qabeenyaa (VAT) galmaa'aa ta'uu isaanii kan ittiin mirkanaa'u ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
  2. Unkaan sanada caalbaasii kan qophaa'e yoo ta'u; guyyaa sanadni caalbaasii kun Gaazexaa irratti bahee eegalee hanga 21/08/2018tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Showa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4ffaa Lakk.20tti Yookiin Biiroo Adaamaatti Kutaa Faaynaansii Lakk 087tti argamuun sanada caalbaasichaaf qopha'e Qarshii hin deebine 300(Dhibba sadii) kaffaluun bitattanii guuttanii galchuun isin irraa eegama.
  3. Unkaan caalbaasichaa Invilooppiiwwan Afuriin:- Wixinee/pirooppoozaala teeknika ibsu Oorjinaalaa fi Koppii fi Wixinee/proppoozaala maallaqa ibsu Oorjinaalaa fi Koppii isaa poostaa saamsameen dhiyaachuu qaba.
  4. Caalbaasichi bakka dorgomtootni/bakka buutootni seeraa argamanitti, guyyaa 21/08/2018 sa'aatii 4:00tti cufamee guyyuma kana ganama keessaa sa'aatii 4:30tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Showa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4ffaa Lakk. 20tti ni banama.
  5. Dorgomtootni hundi sanada dorgommii guutanii guyyaa 21/08/2018 galchuu qabu.
  6. Dorgomtootni wabii kabachiisa caalbaasichaatiif CPO Qarshii 100,000 (kuma dhibba tokkoo)dhaan qabsiisuu qabdu.
  7. Bittaa Baaloonii Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetworkiidhaafi.
  8.  Qaamni caalbaasicha mo'ate, mo'achuun isaanii akkuma ibsameen, haaluma waliigalteetiin hojii isaa eegaluu qaba.
  9. OBN filannoo biroo yoo argate; caalbaasicha guutummaanis ta'ee gamisaan haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataatiif lakk. Bilbilaa: 022-112-21-73/011-554-16-23 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeessu.

Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii


Tender details

  • Deadline: 2026-04-29
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-04-29 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetworkii
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published: Apr 14, 2026
  • Posted at: 2026-04-14T13:51:19.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders