Ijaarsaa Sheedii horiin jala dhaabbatanii nyaatanii Godina Shawaa Lixaatti, Yuuniyeennii WHGQB Amboo furdifaman,bakka horii Aannanii keessaa oolanii fi dallaa Magaalaa Gudar keessatti ijaarsisuuf, Magalaa Amboo keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan Wal-Dor

Description

Beeksisa Caalbaasii

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Marsaa 1faa Lakk.Caalbaasii 001/2018

Ijaarsaa Sheedii horiin jala dhaabbatanii nyaatanii Godina Shawaa Lixaatti, Yuuniyeennii WHGQB Amboo furdifaman,bakka horii Aannanii keessaa oolanii fi dallaa Magaalaa Gudar keessatti ijaarsisuuf, Magalaa Amboo keessatti dorgomtoota ulaagaa guutan Wal-Dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

1. Yuuniyeennii WHGQB Amboo, bara baajataa 2018tti Sheedii bakka jala dhaabbatanii horiin nyaatanii furdifaman ,bakka horii aannanii keessa oolan fi dallaa, Magaalaa Gudar keessatti hojjachiisuu barbaada.

2. Yuuniyeennii WHGQB Amboo ;kontiraaktaroota gosa waliigalaa ykn kontiraaktaroota ijaarsaa GC-5 qofa ta'an hunda kan hayyama isaanii bara 2018 E.C haaromfame affeeree wal-dorgomsisee hojjachisuu barbaada.

3. Sanadoonni caalbaasii iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun fi kaffaltii hin deebineen Qar 2,000(kuma Lama) beeksisa guyyaa jalqabaa yeroo sa'aatii hojiitti gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahee irraa eegalee hanga dhumaatti Yuuniyeenii WHG Amboo irraa bitamuu ni danda'a. Wiixataa hanga Jimaata yeroo sa'aatii hojitti dorgomaan qarshii 2,000 (Qar.kuma lama) herrega baankii hojii gamtaa Oromiyaa (CBO) Damee Amboo lakk. 1000001566777 tti, galchuun nagahee baankii Yuuniyeenni Ambootti fiduu qaba. Dorgomaan "VAT" fi ragaa galmee TIN, hayyama daldalaa seera qabeessa ta'ee fi ragaa galmee seera qabeessa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa konistiraakshinii Oromiyaa biraa fudhatee galmaa'e iyyata waliin dhiyaachuu qaba.

4. Dorgomtoonni odeeffannoo dabalataa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii, Yuuniyeennii WHG Amboo irraa armaan olitti ibsame irraa argachuu ni danda'u.

5. Dorgomaan ragaa wabummaa kabachiisa caalbaasii kan baankii(Unconditional bank gurantee) Ynk CPO baankiidhaan mirkanaa'e hanga gatii isaa (5%) ta'e maqaa mana hojii abbaa pirojektiin guyyoota kalanderii 120 itti turu dhiyeeffachuu qaba.

6. Caalbaasiin akkaataa hojimaata caalbaasii biyyoolessa banaa labsii bittaa mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha, kunis (Sadarkaa lama: Sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaa dha & lammaffaan. Sadarkaa -madaallii faayinaansii dha).

7. Tuutni sanada caalbaasii afaan Oromoon guutuu ta'e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda'a.kunis, iyyata barreeffamaa, waraqaa ragaa galmee VAT, Ministeera Ijaarsaa ykn Abbaa Taayitaa Ijaarsa Oromiyaa dhiyeessuu irratti ragaa galmee haarom fame, waraqaa ragaa galmee daldalaa haaromfame, hayyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmee kaffalaa gibiraa fi gibira Qulqulleessuun Biiroo Galii Oromiyaa Ykn ERCA irraa fi EGP keessatti galmaa'uun teessoo armaan gaditti ibsamee fi kaffaltii hin deebine Qar. Itoophiyaa 2000 (kuma lama) Herrega baankii armaan olitti ibsametti galchuun nagahee baankii gara Yuuniyeennii WHGQBAmbootti fiduudhaan hanga guyyaa 21fatti, guyyaa beeksisa jalqabaa gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee sa'aatii hojiitti ragaalee caqafaman dhiyeeffachuun galmaa'uu danda'a.

8. Dhiycessuu fi baniinsa caalbaasii

a. Yeroon xumuraa caalbaasii (gahumsa teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda'ee) dhiyaatu, guyyaa hojii 22 sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00tti guyyaa jalqaba gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti beeksise irraa eegalee ta'a. Guyyaan (22)n guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.

b. Orijinaalli fi waraabbiin sanadoota gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti "Orijinaal fi waraabbii sanadoota gahumsa tecknikaa" jedhamee mallatteeffame keessatti kan kaa'amuu fi envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "KOREEN CAALBAASII IRRATTI QOFA BANAMU" jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta'u, Wabii Caalbaasii qofatti saamsuun sanada teeknikaa orijinaala waliin ni kaa'ama.

C. Orijinaalli fi kooppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame "Orijinaal fi Koppii Sanadoota Dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffame yoo ta'u, envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba.

d. Sanadni Lamaanuu Piropozaala Teeknikaa fi Faayinaansii Envelope haadha tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u,envelope alaa kun teessoo dhiyaannaa fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka jirutti qofa banamuu kan qabu ta'uu qaba kan Koree caalbaasii".

e. Chaappaa,mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba.

f. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegam

g. Sanadni ulaagaa guutu guyyaa jalqabaa beeksisni bahe irraa eegalee, guyyaa 22 biyya keessaa sa'aatii 8:00tti deebi'ee guyyuma sana sa'aatii 8:30tti ni banama. Guyyaan 22aa guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a.

h. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee kan turuu fi saanduqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka odiitarri ykn qaamni maamilichi hayyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessiin faayinaansii(S)dorgomtoota gahumsa qaban beeksisee banamutti ni qabata.

i. Koreen maamilaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaban, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, Dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e, sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisaa teeknikaa isa xiqqaa sanada caalbaasii irratti hiamatame galmaan gahuu dhabuu isaati.

j. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teeknikaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta'an qofatu guyyaa faayinaansiin isaa banama. Faayinaansiin banamee dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (i. e Ulaaga guutuu qabaachuu qaba osoo hin banamin ni deebi'a). Maamilichi guyyaa fi sa'aatii faayinaansiin banamu dorgomtootaaf ni ibsa.

k. Sanada sobaa fi yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf yaaliin yoo godhame caalbaasicha akka kuffisu ni taasisa.

i. Maamilichi"Sanada Gahumsa Teeknikaa"""Sanada Dhiyeessii Faayinaansii" envelopskeessatti dogoggoraan Kaa'amu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan diduu fi itti gaafatamummaa hin fudhatu.

9. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a

10. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii365(Dhibba saddii jaatamii shaniif) ta'een kan xumuramu ta'a & haalli mijataan yoo jiraate (baajata guutuu qabaachuu) maamilichi guyyaa hojiin xumuramu xiqqeessuu ni danda'a.

11. Kontiraaktaroota hojii harkaa qaban adeemsi hojii fiizikaalaa %80 ol guutuu ta'uu fi ragaan Maamila pirojektootaa irraa walitti qabamuu qaba.

12. Yuuniyeennii WHG Amboo caalbaasii kana gar tokkeen ykn hunda fudhachuu ykn diduudhaaf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataaf:- Bilbila:- 0112609842 ykn 0112363399

Yuuniveennii WHGQB Amboo


Tender details

  • Deadline: 2026-05-18
  • Bid closing time: 14:30
  • Bid closing (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Bid opening: 2026-05-18 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shawaa Lixaa, Yuuniyeenii Waldaa hojii Gamtaa Qonnaan Amboo
  • Bid bond: 5%
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published: Apr 23, 2026
  • Posted at: 2026-04-24T10:12:54.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders