Waajjira Maallaqaa Aanaa Agaarfaa misooma koolidarii Magaalaa Agaarfaa keessatti dorgomtoota gahumsa qaban dorgomsisee hojjachisuu barbaada.
Description
Caalbaasii Ifaa Marsa 3ffaa
Waajjira Maallaqa Godina Baaleetti, Waajjira Maallaqaa Aanaa Agaarfaatti Caalbaasii ifaa kontiraaktaroota sadarkaa GC/RC-5 FI isaa ol(Above) qaban mana Qopheessaa Magaalaa Agaarfaa piroojektii misooma koolidarii Magaalaa Agaarfaa keessatti dorgomtoota gahumsa qaban dorgomsisee hojjachisuu barbaada. Kanaafuu dorgomtonni gahumsa qaban ijaarsa piroojecktii misooma koolidarii Magaalaa Agaarfaa dhaabbilee hojii ijaarsaa irratti bobbaatan ulaagaalee armaan gaditti guuttan dorgomuu dandeettu. Kanaafuu
1. Kontraaktara hayyama ijaarsaa walii gala sadarkaa 5( Shanaffaa) fi isaa ol ijaarsa daandii sadarkaa 5 (shanaffaa) kan qabuu fi kan bara 2018tiif kan haaroomse
2. Hayyama hojii daldalaa kallattiin qabuu fi kan bara 2018tiif haaromsame
3. Waraqaa raga qulqullummaa gibira mootummaa kan bara 2017 kan dhiyeefachuu danda'u
4. Waraqaa ragaa dhiheessummaa lakkoofsa Tin, Vat galmaa'aa kan ta'ee fi dhiheessuu kan danda'u.
5. Dorgomtonni guyyaa beeksifni kun bahe irraa kaasee sanada caalbaasicha qarshii hin deebine 2000( kuma lama) Waajjira Mallaqaa Aanaa Agaarfaa irraa bitachuu ni dandeettan
6. Dorgomtonni yeroo sanada caalbaasii bitachuuf dhuftan ragaalee hayyama hojii daldalaa, hayyama gahumsaa, Ijaarsa, Tin, Vat, waraqaa raga qulqullummaa gibiraa fi dhiyeessummaa qabatanii argamuu qabdu. Akkasuma daawwannaa iddoo hojii gochuudhaan xalayaa Mana Qopheessaa Magaalaa Agaarfaa irraa dhiyeefachuun dirqama haadhoo
7. Sanada dorgommiif dhiyaatan sanada haadhoo (original) sanada Teknikaalaa fi Faayinaanshaalaa mallattaa'e,chaappeffame fi wabummaa kabachiisa caalbaasii Qarshii 500,000 (Kuma dhibba Shan) kophaa kophaatti Invilooppii 3( Sadiin) saamsuun maqaa kontratara maqaa piroojektarichaa fi
8. Sanadoota warabbii (copy) teknikaalaa addaatti kan fi Faayinaanshaalaa adda Invilooppii keeessa galchuun sanada warrabbii haadhoo tokko keessa galchuun poostaa gubbaaa fikeessattis maqaa kontraaktara piroojectii fi mallattaa'uun chaappeefamuun samsamuu qaba.
9. Sanadni dorgommii caalbaasii banamu guyyaa walitti aanan 21 qilleensarra turuun guyyaa 22ffaa sa'aatii 3:30tti saamsamee guyyama kana sa'aatii 4:00tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera jiraniitti kan banamu ta'a. dorgomtonni guyyaa kanatti sanadoota hayyama hojii (legal Licence) orginaala harkatti qabattanii dhiyaachuu qabdu
10. Waajjirichi filannoo addaa yoo argate caalbaasicha guutuu guututti ykn gartokkeen haquu ni danda'a.
Hubachisa kontiraaktaroonni yommuu dorgommiif dhiyaatu ragaawwan dirqama guutamuu qaban (must meet criteria) haadhoo (orginal) harkatti qabatee argamuu gaba.
Waajjira Maallaqaa Aanaa Agaarfaa
Tender details
- Deadline: 2026-05-21
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 3:30tti
- Bid opening: 2026-05-21 10:00
- Bid opening (note): guyyaa 22ffaa sa,aatti 4:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Agaarfaa
- Bid bond: Qarshii 500,000 (Kuma dhibba Shan)
- Bid document price: qarshii 2000
- Published: Apr 30, 2026
- Posted at: 2026-05-04T07:02:37.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.