Mootummaan Naannoo Oromiyaatti Waajjirrii daandiiwaanii fi loojistiksii Godinaa shawaa Kaabaa Piroojektii Ijaarsa Riiqaalee Aanaa lamaa (Kuyyuu fi H/Aboote) fi Ijaarsa Daandii Aanaa tokko (W/ Jaarsoo) kessatti hojjechisuuf beeksisa caalbaasii ifaa biyyool
Description
Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa yeroo 2ffaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaatti Waajjirrii daandiiwaanii fi loojistiksii Godinaa shawaa Kaabaa Piroojektii Ijaarsa Riiqaalee Aanaa lamaa (Kuyyuu fi H/Aboote) fi Ijaarsa Daandii Aanaa tokko (W/ Jaarsoo) kessatti hojjechisuuf beeksisa caalbaasii ifaa biyyoolessaa baasuun dhaabbilee ijaarsaa ulaagaa sanada caalbaasii keessattii taa'ee guutan dorgomsiisee hojjechisuu baarbaada, Haalumaa kanaan Dorgomtoonni fedhii qaban ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu
1. Dorgomtoonni Abbaa Taayitaa Konistraakshinii oromiyaa ykn Ministeera Konistraakshinii Federaalaa irraa Waraqaa Ragaa Gahumsaa Ogummaa Ijaarsa waliigala/ Ijaarsaa Daandiitiin Sadarkaa 5ffaa (GC/ RC-5) fi isaa ol yeroo turtii caalbaasiichatiif haaromfamee fi ragaalee sanadaa barbaachisoo biroo sirrummaa dorgomaa ibsan kan qabaatan yoo ta'u, kunis of keessatti kan qabatu: -
i.Hayyama daldalaa yeroo caalbaasichaatiif haaromfamee seera qabeessa ta'e gosa daldalaa inni irratti bobba'e kan agarsiisu, Akkasumas Galmee Daldaalaa dhiyyefachu qaba.
ii.Ragaa Taaksii Dabalataa qabeenyaa (VAT)f galmaa'uu isaa agarsiisu Abbaa Taayitaa galiiwwanii irraa
iii.Ragaa qulqullinaa kaffalti taaksii agarsiisu kan Abbaa Taayitaa Galiiwwani irraa kenname hanga guyyaa caalbasiin galutti yeroon turti isaa kan irra hin dabarree ta'uu ibsu.
iv. Waraqaa raga akkaataa seerota bittaa biyyatti keessa jiruun galmee dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaa ibsu fi caalbaasii mootummaa irratti hirmaachuu danda'uu isaa dhiyyefachuu qaba.
2. Dorgomtoonni ulaagaa guutan, Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu afaan Oromiffaatiin qophaa'an dorgomtoota fedhii qabaniin kaffaltii hin deebine qaarshii 1000 (kuma tokko), Baankii Sinqeetti maqaa Waajjiira Maallaqaa Go/shawaa Kaabaatiin banameetti kaffaluudhaan guyyaa jalqabaa beeksisni bahe irraa eegalee hanga Guyyaa xumuraatti bituun ni danda'aama.
3. Caalbaasiin kun guyyaa beeksisnii kun bahee irraa eegalee guyyoota hojii walittii aanaan 21f qillensaa irra ergaa olee booda guyyaa 22ffaa SYD dhiyaatu bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan seera qabeessa ta'ee argameettii sa'aatii 8:00ttii cufamee guyyumaa kanaa sa'aatii 8:30 tti Waajjiraa maallaqaa Go/ Sha/kaabaattii Kan Banamuu yoo ta'uu, Guyyaan Baninsa Caalbaasii guyyaa hojii yoo ta'uu baatee Guyyaa hojii ittii aanuttii kan banamu ta'a. Sanadnii Caalbaasii yeroon hin dhiyaannee fudhatama hin qabu.
4. Madaalliin sadarkaa lamatti kan raawwatamu yoo ta'u, dursa odeeffannoo gahumsaa teeknikaa itti aansee faayinaansii dorgomtoota madaallii gahuumsa teeknikaa darbani ta'aa. SYD faayinaansii dorgomtootaa kan banamuu Waajjiraa Maallaqaa Go/Sha/Kaabaattii madaalliin SYD teeknikaa xumuramuu isaa guyyaa koreen teeknikaa fi raggaasistuu beeksiisee ta'aa.
Odeeffannoo dabalataaf Lakkoofsa Bilbilaa 011 135 3114 ykn 011 135 0095 bilbiluun qulqulleeffachuun ni danda'aama. Teessoo: - Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa,
Magaalaa Fiichee. Waajjira Maallaqaa G/SH/Kaabaa
Tender details
- Deadline: 2026-06-15
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): guyyaa 22ffaa sa'aatii 8:00ttii
- Bid opening: 2026-06-15 14:30
- Bid opening (note): guyyaa 22ffaa sa'aatii 8:30ttii
- Region: Oromia
- Publishing entity: Magaalaa Fiichee Waajjira Maallagaa G/Sh/Kaabaa
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published: May 21, 2026
- Posted at: 2026-05-22T09:03:46.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.