Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii ijaarsa Istuudiyoo Giddu Gala Aadaa Oromootiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee hojjechisuu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii

Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii ijaarsa Istuudiyoo Giddu Gala Aadaa Oromootiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee hojjechisuu barbaada. Kanaafuu dhaabbileen ijaarsa kana raawwachuuf fedhii fi gahumsa qabdan ulaagaa armaan gadii irratti hundaa'uun dorgomuu dandeessu,

1. Dorgomtoota hayyama daldalaa haareffame ykn haaraa kan qaban; gibira kan kaffalan fi lakkoofsa kaffaltii taaksii (TIN) kan qaban fi galmaa'an; akkasumas kaffaltoota dabalata taaksii (VAT) ta' uu isaanii kan ittiin mirkanaa'u ragaa dhiyeessuu kan danda'an.

2. Unkaan sanada caalbaasii Afaan Oromootin kan qophaa'e yoo ta'u; guyyaa sanadni caalbaasii kun Gaazeexaa irratti bahe irraa eegalee hanga 10/10/2018tti guyyaa hojii mootummaa ganama sa'atii 2:30 irraa hanga galgala 11:00tti akkasumas sanbata duraa sa'aatii 2:30 irraa hangaa 6:00 tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Shawaa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4faa Lakk.20 tti dabalataan OBN Giddu galeessaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Boolee Ganda Dhaddacha Araaraa lakka 087tti argamuun maallaqa hin deebine qarshii 500.00 (dhibba shan) gofa kaffaluun sanada caalbaasiif qophaa'e bitachuu dandeessu.

 3. Unkaan caalbaasichaa Invilooppiiwwan Afuriin:- Wixinee/ pirooppoozaala teeknika ibsu Oorijinaalaa fi Koppii fi Wixinee/ proppoozaala maallaqa ibsu Oorijinaalaa fi Koppii isaa poostaa saamsameen hanga guyyaa 10/10/2018tti ganama sa'atii 4:00tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Showaa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4ffaa Lakk. 20 tti dhiyaachuun saanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabdu.

4. Sanadni teeknikaa bakka dorgomtootni/bakka buutootni seeraa argamanitti, guyyaa 10/10/2018tti sa'aatii 4:00tti cufamee guyyuma kana ganama keessaa sa'aatii 4:30tti damee waajjira keenya Finfinnee Boolee Shawaa Suuppar Maarkeetii fuula dura Appartamaa jiru darbii 4ffaa Lakk .20 tti ni banama.

5. Dorgomtootni wabii kabachiisa caalbaasichaatiif; qarshii 250,000.00 (kuma dhibba lamaaf kuma shantama) CPO dhaan qabsiisuu qabdu.

6. Ijaarsi Istuudiyoo kun kan itti raawwatamu; Mooraa Gidduu Gala Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinnee naannoo Addabaabayii Masqalaa bakka ijaarsa Isuudiyoo kanaaf qophaa'eetti kan hojjetamu ta'a.

7. Qaamni caalbaasicha moo'ate, moo'achuun isaanii akkuma ibsameen, haaluma waliigalteetiin ijaarsa kana xumuree kan dhiyeessu ta'uu qaba.

8. Dhaabbanni keenya filannoo biroo yoo argate: caalbaasicha gutummaanis ta'ee gamisaan haquuf mirga qaba.

Odeeffannoo dabalataatiif lakk. bilbilaa 022-112-2173/ 011-
554-1623 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeessu.
Oromiyaa Biroodkaastingi Neetworkii (OBN)


Tender details

  • Deadline: 2026-06-17
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-06-17 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetworkii
  • Bid bond: Qarshii 250,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published: May 27, 2026
  • Posted at: 2026-05-28T07:54:53.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders