Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa bara baajataa 2018 A.L.H Idileen Ijaarsa pirojektii Misooma Koriidarii Caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1ffaa
Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa bara baajataa 2018 A.L.H Idileen Ijaarsa pirojektii Misooma Koriidarii Caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada.
Bu'uuruma kanaan Kontiraakterri Sadarkaa RC-2/GC-3 fi isaa olii hayyama ijaarsaa 2018 haaromsiisee fi Hayyama isaa Abbaa Taayitaa konistiraakshinii Itoophiyaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa irraa VAT fi TIN galmaayanii fi muuxannoo kallattii misooma koriidarii irratti ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an
|
Maqaa Pirojektii
|
Iddoo itti argamu
|
Muuxannoo Kallattii
|
Kabajachiisa Caalbaasii (CPO) |
Galii waggaa isa guddaa (Peak Annual turnover) |
|
Ijaarsa pirojektii Misooma koriiderii Magaalaa Warqaa
|
Magaalaa Warqaa
|
Misooma Koriiderii Qarshii 350,000,000 fi isaa oli
|
1,500,000
|
185,000,000
|
Ulaagaa armaan gaditti ibsaman hordofuun Caalbaasicha akka qooddattan affeeramtanii jirtu.
1. Ijaarsa Sadarkaa RC-2/GC-3 fi isaa olii fi beekamtii qabanii fi Hayyama bara 2018 Haarome dhiyeeffachuu danda'an.
2. Gibira Mootummaa kan kaffale, kanfaluu Ragaa waajjjira galii Itti kanfale irraa bifa xaalayaa barreeffamaan dhiyeessuu kan danda'u.
3. Dorgomtootni tarreeffama dhiyeessitootaa (supply List/furtu system) keessatti galmaa'uu isaani waraqaa ragaa qabaachuu qabu.
4. Dorgomtoonni Caalbaasichaa Galmaa'aa lakk. TIN fi VAT kan galmaa'ee fi kanaafis Ragaa dhiyeessuu kan danda'u.
5. Dorgomtoonni Guyyaa Beeksifni kun bahe guyyoota Hojii Mootummaa hunda Sa'aatii hojii Mootummaa Sanada Caalbaasichaa guutuu Qarshii hin deebine 1000.00 (Kuma Tokko) qofa kaffaluun Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwan Aanaa Nansaboo irraa bitachuu ni dandeettu.
6. Dokumeentiin galu irraa fi keessatti wantootni guutamuu qaban seeraa fi qulqullina, fuula hunda irratti guutamuu yoo baate, mallattoo, chaappaa fi saamsamuun odeeffannoo guutuu qabachuu qabu.
7. Dorgomaan kamiyyuu Maallaqa Caalbaasicha isaa Kabachiisuu danda'u Qr. 500,000.00 (kuma dhibba shan) Mana Qopheessaa Magaalaa Warqaatiif jechuun bifa "CPO" ykn Wabii baankii haala irratti hin hundoofne "Unconditional bank guarantee" Poostaan Saamsee addatti dokuumantii teknika wajjiin dhiyeessuu qaba.
8. Sanadni caalbaasii hojii irra kan oolu guyyaa caalbaasiin baname irraa kaasee guyyaa 60 (Jahaatamaaf) akkataa QD 21.2 D.
9. Dorgomtootni dhiyaatu dokumantii teeknikaalaa fi gatii kan qabatee poostaa adda addaa jahaa kophaa kophaa saamsuun dhuma irratti poostaa haadhoo teeknikaa fi poostaa haadhoo gatii (Faaynaanshaala orjinaala. waraabbii 1ffaa, waraabbii 2ffaa, Teeknikaalaa orjinaala, Waraabbii Iffaa, waraabbii 2ffaa) postaa lamaan dhiyaachuu qaba. CPO'n saamsamee postaa teeknikaala orjinaala keessa galuu qaba.
10. Kontiraakterri armaan dura hojii qulqullina hin qabne hojjate, hojii addaan kutanii fi kan amma harkaa qabaatan yoo jiraatee fi Galmee Gurraacha Jalatti kan galmaa'e fudhatama hin qabu.
11. Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyaa hojii 21 qilleensa irra turee Guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 4:30 tti cufamee Guyyaama kana sa'aatii 5:00 irratti Waajjira Maallaqaa aanaa Nansaboo tti galee kan banamu ta'a.
12. Waajjirichi filannoo addaa yoo argate caalbaasicha guutummaan guututti haquu ni danda'a.
Lakkoofsa Bilbilaa: 09 10 80 69 68/ 09 10 37 65 99
Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa
Tender details
- Deadline: 2026-06-23
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyaa hojii 21 qilleensa irra turee Guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 4:30 tti
- Bid opening: 2026-06-23 12:00
- Bid opening (note): Caalbaasichi guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyaa hojii 21 qilleensa irra turee Guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 5:00 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa
- Bid bond: Qarshii 500,000.00 (kuma dhibba shan)
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published: May 29, 2026
- Posted at: 2026-05-29T07:49:20.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.