Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii Kellaa Fayyaa Walii Galaa Aanaa S/Canqaa Ganda 11 (Site 11) keessatti dhaabbata Kontiiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa GC3 fi isaa ol ykn BC3 fi isaa ol waajjira Fayyaa
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 2faa
Lakk Addaa Bittaa: :SCI/CIB/WFG/02/2018
Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa Beeksisa Caalbaasii Ifaa hojii ijaarsa piroojektii Kellaa Fayyaa Walii Galaa Aanaa S/Canqaa Ganda 11 (Site 11) keessatti dhaabbata Kontiiraakteroota dhuunfaa Sadarkaa GC3 fi isaa ol ykn BC3 fi isaa ol waajjira Fayyaa Godina Qellem Wallaggaatiif dorgomsiisee Kennuu barbaada.
Ulaagaalee dorgommii akkaataa armaan gadiitiin ta'a.
- Lammummaan isaa Itoopiyaa kan ta'e
- Haayyama Daldalaa haaromee fi Galmeessa Daldaalaa kan qabu
- Waraqaa ragaa TIN fi VAT kan qabu
- Waraqaa gahumsa ogummaa sadarkaa GC3 fi isaa ol ykn BC3 fi isaa ol kanhaaromee/haaraa kan qabu.
- Waraqaa qulqullinaa kaffaltii Gibiraa kan bara 2018 kan dhiyeeffatu.
- Waraqaa ragaa galmee dhiyeessitootaa keesstti galmaayee kan jiru (EGP/FPPA supplier list)
- Adabbii bittaa mootummaa irraa akka hin dhorkamne ragaa kan dhiyeeffatu.
- Walitti bu'insa faayidaa hin mallee argachuu irraa bilisa kan ta'e.
- Caalbaasiin erga banamee booda yaada dorgommii dhiyaatee jijjiiruu,gatii fooyyeessuu fi caalbaasii keessaa of baasuun hin danda'amuu.
- Dorgomaan Dokimantii faayinansiifi teekinikaa Haadhoo poostaa kaakii adda addaan saamsamee dhuma irraatti lamaansaa iddoo tokkootti poostaa tokkoonakkasumas dokimantii faayinaasii fi teekinikaa Waraabbii 1ffaa fi Waraabbii 2ffaa kaakii adda addaan samsamee booda dhuma irratti hunda isaa poostaa guddaa tokkokeessa kabachiisa Caalbaasii waliin ka'aamee gagaan saamsamuun dhiyaachuu qaba. Hubachiisa:dookimantiin faayinaansii tilmaama gatii caccabe (cost break down) wajjin dhiyaachuu qaba.
- Poostaan saamsame hundiisaa erga cuufamee booda chaaphaa dhaabbataan chaapheeffamee mallattoodhaan kan mirkana'ee ta'uu qaba.
- Wabummaa kabachiisa caalbaasii (CPO) ykn Xalayaa Haala irratti hin hundoofne(Un conditional) Qar 300,000 (kuma dhibba sadii) Maqaa Waajjira Fayyaa Godina Qellem Wallaggatiin kan guyyaa 120 ol turu Baankii irraa kan dhiyeeffatu
- Dorgomaan kamiyyuu Bakka Hojii kanaa fi Hojii kanaan wal qababatan (Site Visite) gochuu dirqama.
- Dugda poostaa hundaa irratti :-
- Maqaa piroojektii
- Maqaa Abbaa piroojektii
- Maqaa fi Teessoo kontiraakteraa
- Maqaa Dookimantii Poostichi baatu qabaachuun chaappaa dhaabbatichaan kan mirkana'e ta'uu qaba.
- Guyyaa Sanadi Caalbaasii itti gurguramu guyyaa gaazexaa Addis Zaman irratti maxxanfamee bahee irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 21 sa'a 2:30 hanga 6:30 tii waaree dura, sa'a 8:00 hanga 11:30 waaree booda ta'ee
- Guyyaa sanadni caalbaasii itti deebi'u guyyaa 22ffaa ta'ee guyyichi ayyaana ykn sanbatarra yoo oole guyyaa itti aanu hanga sa'aatii 4:00 waaree duraatti qofa ta'a.
- Guyyaa sanadni caalbaasii itti saaqamu guyyaadhuma 22ffaa tahee sa'aatii 4:30 waaree dura kutaa galma xiqqaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/ Wallaggaa ta'ee bakka dorgomtootnii fi bakka bu'oonni seera qabeessa ta'an argamanii fi taajjabdoonni jiranitti saaqama.
- Iddoon Galmee waajjira maallaqaa G/Q/Wallaggaa ta'ee kutaa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa lakkoofsa 9.
- Waajjirri Filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaa guututti haquu danda'a.
- Bakki Caalbaasiin itti cufamu Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/ Wallaggaa ta'ee bakki itti banamus Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee G/Q/Wallaggaa galma xiqqaatti ta'a.
- Dorgomaan sanada caalbaasii bitachuuf qarshii hin deebine 5,000 (kuma shan) akkawuntii siinqee 1051654201215 kan waajjira maallaqaa G/Q/Wallaggaatti kaffalee nagahee seera qabeessa kan dhiyeessu ta'a.
- Caalbaasii kana dhaabbanni moʻate kaffaltii advance osoo hin eegin maashinii hojii kanaaf barbaachiisuu fi dhiyeessiiwwan hojichaaf barbaachisan hunda site galchuun guyyaa caalbaasii mo'atee eegalee guyyaa kudha shan gidduuti iddoo hojii kanaatti argamuun hojii kana eegaluuf fedha guutuun waliigaltee mallatteessuu kan danda'u ta'uu qaba.
Hub: Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen ykn guutummaatti haquu danda'a.
Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa
Tender details
- Deadline: 2026-06-25
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): 22ffaa tahee sa'aatii 4:00
- Bid opening: 2026-06-25 10:30
- Bid opening (note): 22ffaa tahee sa'aatii 4:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Godina Q/Wallaggaa
- Bid bond: Qarshii 300,000.00
- Bid document price: Qarshii 5000.00
- Published: Jun 04, 2026
- Posted at: 2026-06-04T08:36:41.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.