Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisoo Ijaarsa Mana Kuusaa kontiraaktaroota sadarkaa 5ffaa fi isaa olii waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/certificate of competence/ Ministeera bu'uuraalee Misoomaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshiinii Orom

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Biyyooleessaa

Yuuniyeeniin Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisoo Ijaarsa Mana Kuusaa kontiraaktaroota sadarkaa 5ffaa fi isaa olii waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa/certificate of competence/ Ministeera bu'uuraalee Misoomaa ykn Abbaa Taayitaa Konistiraakshiinii Oromiyaa irraa fudhatan Waldorgomsiisee hojjachiisuu barbaada. Kanaafuu, Dorgomtootni Waraqaa qabanii fi Eeyyama Daldalaa bara 2018 haara'e qabdan dookmantii caalbaasii fudhachuun dorgomuu ni dandeessu.

  1. Waraqaa qulqullinaa Gibira kaffaluusaa ibsu kan Yeroo caalbaasiin kun itti hojjatamutti tajaajiluu danda'u kan dhiyeessu ta'uu qaba.
  2. Herreega isaanii bara, baraan odiitii kan taasisan.
  3. VAT kan galmaa'an ta'uu qaba.
  4. Eeyyama Hojii Daldalaa bara 2018'f haara'e qabaachuu qaba.
  5. Kabachiisa caalbaasii qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan) Xalayaa baankii /Un conditional Bank Guarantee) ykn bifa CPO kan dhiyeeffachuu danda'u.
  6. Dorgomtootni hanga Guyyaa 25/10/2018. A. L. I Guyyaa fi sa'aatii hojii Mootummaatti Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisootti dhiyaattanii dookmantii caalbaasii qarshii 2000 (kuma lama)'n bitaachuu ni dandeessu.
  7. Dorgomtoonni dookmantii caalbaasii fudhattan ragaa barbaachisu guutuun teeknikaa fi dokmantii faayinaanshaalaa kophaa, kophaatti saamsamee dhiyaachuu qaba. Dookmantiin Faayinaansii Orijinaala 1 (tokko) fi koppiin 2 (lama) kophaa, kophaatti saamsuun dhuma irratti poostaa tokkoon saamsamuu qaba. Dookmantii teeknikaas koppii 2 (lama) kophaa, kophaatti kan saamsamee fi Orijiinaala tokkotti poostaa of danda'etti saamsuun, akkasumas poostaawwan sadeen (3'n) iddoo tokkotti poostaa tokkoon (1'n) saamsuun gaafa Guyyaa 25/10/2018 A. L. I Hanga Sa'aatii 8:00tti qabatanii dhufuun yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisootti Sanduuqa kanaaf qophaayetti galchuun guyyuma kana sa'aatii 8:30 irratti sirna baniinsa irratti argamuu ni dandeessu.
  8. Abbaan Piroojektii akkaataa barbaachisummaa isaatti gosa (item) hojii ispeesifikeeshiinii keessa jiru Keessaa muraasa hojjachiisuu dhiisuu ykn itti dabaluuf mirga ni qaba.
  9. Abbaan piroojektii caalbaasii kana walakkaan ykn guutummaan haquuf mirgi isaa kan eegameedha. Akkasumas, Sababa Humnaa ol ta'e kamiyyuu yoo isa qunname caalbaasicha guutuutti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uun isaa beeksifna.
  10. Piroojektichi kan xumuramuu qabu guyyoota kalandarii /walitti aanan 365 (Waggaa tokko) keessattidha.
  11.  Caalbaasichi Ragga'ee kan turu guyyoota 100'f dha.

Lakk. Bilbilaa 0911080003, 0913396208, 0912122971

Tulluu - Boolloo

Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisoo


Tender details

  • Deadline: 2026-07-02
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-07-02 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Yuuniyeenii Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Bachoo- Walisoo
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published: Jun 09, 2026
  • Posted at: 2026-06-09T09:48:01.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders