Godina Wallagga Lixaatti Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGM Gamoo Abbaa darbii B+G+5 (shanii) tajaajila Walmakaatiif oolu Maagaalaa Gimbiitti, baajeta ijaarsaaf qabatee jiruun Caal-baasii ifaa baasee Konteraakteroota sadarka BCI, GC-
Description
Beeksisa Caalbaasii marsaa 2ffaa
Godina Wallagga Lixaatti Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGM Gamoo Abbaa darbii B+G+5 (shanii) tajaajila Walmakaatiif oolu Maagaalaa Gimbiitti, baajeta ijaarsaaf qabatee jiruun Caal-baasii ifaa baasee Konteraakteroota sadarka BCI, GC-2 fi isaa ol qaban Wal-dorgomsiisee ijaarsisuu barbaada. Kanaafuu,kontiraakteroonni sadarkaan isaanii caqafame Ulaagaalee Armaan gaditti caqasame guutanii dhihaachuu qabuu:-
1.waraqaa ragaa Ga'umsa Ogummaa Ministeera Federaalaa irraa ykn Abbaa Taayitaa konistiraakshiinii Oromiyaa irraa bara 2018 haaromfame, heyyama daldalaa bara 2018 haaromfame, Galmeeffama Taaksii Dabalata Qabeenyaa(VAT) kan ta'ee fi waraqaa qulqullina Gibiraa Caal-baasii bara kanaa irratti hirmaachuu kan dandeessisu Waajjira Galiwwanii irraa dhiyeeffachuu qabu.
2.Caal-baasiin kun Seera caal-baasii biyya Itiyoophiyaatiin kan raawwaatamu ta'ee, konteraakteroonni sadarkaan isaanii caqafame heyyama seera-qabeessa qaban hundi itti hirmaachuu danda'u. Dokimentii caal-baasii Afaan Oromoon qophaa'e kana, Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGD guyyaa beeksisi kun Gaazexaatti bahee jalqabee, guyyoota 20f walitti fufee Wiixataa hanga Jimaataatti yeroo hojii Mootummaatti, Qarshii hin deebine qarshii 5000.00( kuma shan) maallaqa callaa kaffaludhaan bitachuu danda'u.
3. Konteraakteroonni raawwii hojii gaarii hin qabnee, yeroo Waliigaltee kennameef keessatti hojii hin xumurin jiranii fi akkaata sagantaa hojii jiruun hojii hin xumurre, xalayaan akeekkachiisaa, Gorsaan ykn Abbaa Taayitaa konistiraakshiniin ykn Abbaa pirojeektiin kan itti barreeffame, yeroo xiinxala calallii tekinikaa kan kufu ta'a.
4.Dorgomtoonni Dokimentii tokko qofa bitatanii, tokko qofa galchuu qabu.
A. Caal-baasiin kun qilleensa irra guyyoota 20f walitti fufee kan turu ta'ee, gaafa guyyaa 21ffaa saa'atii 4:00 tti galee, saa'atii 5:00 irratti cufamee, guyyuma sana saa'atii 8:00 irratti Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGD keessatti ni banama. Guyyaa 21ffaan guyyaa hojii yoo ta'uu baate, guyyaa hojii itti aanutti sa'aatii fi yeroo kaa'ame keessatti galee bakka koreen tekinikaa jiranitti banama. Dorgomaan itti guyya'ee ykn boodatti hafe, kufaa dha. Caal- baasii kanaaf, kabachiisa caal-baasii Qar. ET. 500,000 (kuma dhibba shan) maqaa abbaa pirojecktii CPO qofaan kan galu ta'ee, kan biroon fudhatama hin qabu.
B. Haadhoo, waraabbu tekinikaa fi Kabachiisi caal-baasi qofa qofaatti mallattoo, chaaphaa fi hapheen Cafamee, poostas tokko keessatti saamsamamuu qaba. Poostaan gara alas hunduu, odeeffannoo Sanada caal-baasii irra jiru qabaachun qaba. Maqaa dhaabbata kontiraakteraa, magaa abbas pirojcektii, maqaa pirojektichaa, lakkoofsa addaa bittaa qabaachuu qaba. Bakka koreen tekiinikaa jiranitti "Guyyaa fi saa'atii baniinsa caalbaasii dura banamuu hin qabu" kan jedhu jiraachuu qaba. Hin qabu taanaan, kufaadha.
C. Haadhoo fi waraabbii Dokimentii Maallaqa ittiin dorgomanii gophaa qophaatti qopha'ce, poostaan cufamee, hapheedhaan saamsamamee, dokimentii "HAADHOO" fi "WARAABBIT" jedhu fuula poostaa gara alaa irratti barreessuun saamsamamuu qaba. Akkasumas, odeefannoo barbachiisoo sanda caal-baasii irratti ibsaman kan qabu ta'ee, poostaan lamaanuu (haadhoo fi waraabbii Maallaqaa) poostaa guddaa tokko keessatti hapheen saamsamamuu qaba. Poostichis, barreeffama armaan oli ykn ulaagaalee odeefannoo sanada caal-baasii irra jiru hunda qabaachuu qaba, isaan booda poostaan tekinikaa fi maallaqaa poostaa guddaa tokko keessa galee, hapheen saamsamamee mallattoo, chaaphaa fi odeeffannoo barbaachisoo sanada caalbaasii irratti ibsame kan qabu ta'ce, "Guyyaa fi saa'atii baniinsa caal-baasii dura banamuu hin qabu"jedhu qabachuu mqaba. Odeefannoo sanda caalbaasii irratti ibsaman poostaan hinqabne, kufaa ta'a. Poostaan tekinikaa yeroo banamu poostaan Dokimentii Maallaqaa hanga firiin tekinikaa xumuramee ibsamutti saanduqaa keessatti saamsamamee turuun, guyyaa kaa'ametti banama.
D. koreen tekinikaa karaa seera-qabeessaan ramadaman, dokimentii caal-baasii Afaan Oromoon qophaa'e kana xiinxala calallii jalqabaa, xiinxala tekinikaa fi maallaaqaa (faayinaansii) kan geggeessan yeroo ta'u, dorgomaan xiinxala calallii jalqabaa hin dabarre, xiinxala tekinikaatti hin darbu. Xiinxala tekinikaa kan hin dabarre, dokimentiin maallaqa isaa hin banamu kufaa ta'a.
E. Dokimentiin Maallaqaa, kanneen ulaagaalee calallii jalqabaa fi ulaagaalee tekinikaa darban qofatu banama. Dorgomtoota darban keessaa, gatii gad-aanaatu fudhatama.
F. Dorgomaan Kami iyyuu dokimentii sobaa, kan hin mul'anne, haqaa fi laaqaa kan qabu kan dhiyeesse kufaadha, dorgomaan poostaa akkaata armaan olitti ibsameen ala wal-jala fuudhee galchees ta'ee, kan barbaachisuun ala itti dabalee galche kufaa ta'a.
Abbaan pirojeektii filannoo biraa yoo qabaate, guutuumma: guutuuttis ta'e, gartokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
Odeefannoo dabalataaf Lakk. bilbilaa 0917165827 ykn 0917043124
Godina W/Lixaatti Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGM
Tender details
- Deadline: 2026-07-01
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): guyyaa 21ffaa sa,aatti 5:00tti
- Bid opening: 2026-07-01 14:00
- Bid opening (note): guyyaa 21ffaa sa,aatti 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina W/Lixaatti Yuniyeeniin H/G/Qonnaan Bultoota Maraa Jorgoo Birbir IGM
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 5000.00
- Published: Jun 11, 2026
- Posted at: 2026-06-12T09:57:15.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.