Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajataa 2019' tiif kan oolu nyaata dheedhii Mana Amala Sirreessaatii fi Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan d

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajataa 2019' tiif kan oolu nyaata dheedhii Mana Amala Sirreessaatii fi Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.

Ulaagaalee Qajeelfama Dorgomtootaa:

1. Dorgomaan Hayyama daldalaa seera qabeessa nyaata dheedhii kan qabuu fi heyyama daldalaa bara 2018 akka qajeelfama waajjira daldalaatti kan haaroomse.

2. Dorgomaan Tarreeffama dhiyeesitootaa keessatti kan galmaa'ee jiruu fi galmee Tarreeffama dhiyeessitoota haroomee keessatti galmaa'aa ta'uuf ragaa dhiyeessuu kan danda'an.

3. Ragaa kaffaltii gibira bara 2017 akka qajeelfama A/T/Galiitti dhiheessuu kan danda'u.

4. Dorgomaan Galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaaf (VAT) ykn ToT ragaa dhiheessuu kan danda'u.

5. Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu fudhatama hin qabu.

6. Gatiin meeshaa dhiyaatu Taaksii (VAT) ykn TOT dabalatee guutuu isin irra jiraata.

7. Dorgomaan fuula sanadaa hunda irratti sumuda (stamp) isaanii dhahuun mallatteessuu qaba.

8. Dorgomaan kabachiisa caalbaasiif CPO maallaqa Itoophiyaa Qarshii gatii waliigalaa caalbaasicha irraa 2% jachuunis Qr.30,000 (Qarshii kuma Soddoma) ykn CPO baankiidhaan mirkanaa'e dhiyeessuu qaba.

9. Dorgomaan moo'e meeshaalee moo'atan hanga Man- Kuusa (Istoora) Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum geessuu qaba.

10. Dorgomaan Caalbaasicha gufachiisuuf yaalan kabachiisni caalbaasii irraa dhaalamu fi caalbaasii fuula duraa irraa kan ugguramu tahuu hubatamuu qaba.

11. Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahe irraa kaasee waajjira maallaqaa Aanaa Gursum kutaa lakk 3 irraa qarshii (300)dhibba sadii kan hin deebineen bitachuu danda'a.

12. Caalbaasiin eega banamee booda yaada jijjiiruu, fooyyeessuun ykn Caalbaasii keessaa of-baasuun gonkumaa hin danda'amu.

13. Dorgomaan caalbaasii erga moo'ee booda guyyoota hojii 15 (kudha shan) keesssatti waliigaltee mallatteessuu qaba.

14. Dorgomaan erga moo'ee guyyaa hojii 15 (kudha shan) keessatti yoo Waliigaltee hin mallatteessine dorgomaa lammaffaa baheef carraan ni kennama.

15. Qaamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate irratti % 20 dabaluu ykn hir'isuu mirga qaba.

16. Bakka/Iddoon Sanduuqni Caalbaasii ykn sanadni itti dhiyaatu Waajjira MWD Aanaa Gursum kutaa Garee bittaa ta'a.

17. Waajjirichi filannoo fooyya'e yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar- tokkee isaa haquudhaaf mirga guutuu qaba.

18. Caalbaasiin kun guyyaa 8/10/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 26/10/2018 banaa ta'uudhaan guyyaa 26/10/2018 sa'aatii 11:00P.M irratti ni cufama. Caalbaasiin kun guyyaa 29/10/2018 sa'aatii 3:00 A.M bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursumitti kan banamu ta'a. Odeeffannoo dabalataaf:-Lakk.Moobaayilii: 0913234372/0989505331/0910131476

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum


Tender details

  • Deadline: 2026-07-03
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid opening: 2026-07-06 09:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum
  • Bid bond: 2% jachuunis Qr.30,000 (Qarshii kuma Soddoma)
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published: Jun 14, 2026
  • Posted at: 2026-06-15T07:59:30.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders