Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa Hospitaala Kompirehinsivii Ispeeshaalaayizdii Naqamteef Nyaata bilchaataa dhukkubsattoota Ciisanii yaalamaniif kan oolu dhaabbilee kallattiin eeyyama hojii daldalaa qaban wal dorgomsiisee caal-baasii ifaatiin bitu

Description

Beeksisa Caal-baasii Ifaa Biyyoolessaa 1ffaa

Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa Hospitaala Kompirehinsivii Ispeeshaalaayizdii Naqamteef Nyaata bilchaataa dhukkubsattoota Ciisanii yaalamaniif kan oolu dhaabbilee kallattiin eeyyama hojii daldalaa qaban wal dorgomsiisee caal-baasii ifaatiin bituu barbaada. Kanaafuu, dhaabbileen dhuunfaa fi waldaaleen (IMX) kan ulaagaa armaan gadii guutuu dandeessan dorgomuu ni dandeessu.

  1. Eeyyama kallattii kan qabu.
  2. Eeyyama haaromfamee kan qabu, galmaa'aa VAT kan ta'e,TIN No.kan qabu,waraqaa ragaa dhiyeessummaa kan qabu.
  3. Waraqaa qulqullinaa waajjira Galii Godinaa, Magaalaa fi aanaa irraa kan dhiyeeffachuu danda'u.
  4. Muuxannoo gahumsa dhiyeessummaa kallattiin dhaabbata mootummaa bittaa raawwatu irraa ragaa barreeffamaa dhiyeeffachuu kan danda'u. Ykn waraqaa galatoomaa  Waajjira mootummaa bittaa raawwatu sadarkaa godinaa,naannoo ykn federaalaa irraa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
  5. Dorgomtootni sanada caal-baasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluun beeksifni guyyaa gaazexaa irratti maxxanfamee irraa eegalee guyyoota walitti aanan 15 (kudha shan) keessatti kan fudhatu.
  6. Dorgomtoonni Wabii Kabachiisa Caal-baasii Qar.100,000.00 (kuma dhibba tokko) wabii baankii haala irratti hin hundoofne qofaan dhiyeeffachuu kan qabu.
  7. Dorgomtootni sanada caal-baasichaaf qophaa'ee Orjinaala Teekinikaa fi Faayinaansii orijinaala poostaa adda addaan akkasumas Kooppii tekiniikaa fi Faayinaansii Poostaa adda addaatti samiidhaan(gagaadhaan) saamsuun walii gala iddoo tokkotti kan olitti ibsame poostaa guddaa tokko keessattii sanada gurgurame tokkoon tokkoo sanadichaa irratti mallattoo taasisuun, maqaa dhaabbataa, maqaa hogganaa ykn qaama aangoo qabuun guutuun, chaappaa fi teessoo barbaachisu irrattii barreessuun gaafa gaazexaa irratti maxxanee ka'ee guyyaa walitti aanu 16ffaatti sa'aatii 4:00tti galee gaafuma sana ganama sa'aatii 4:30tti banama.
  8.  Dorgomaan mo'ate kabachiisa waliigaltee 10% bittaa walii galaa keessaa raawwachuu ni dirqama.
  9. Waajjirichi carraa biraa yoo argate caal-baasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquuf mirgi isaa kan eegamedha.

Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Bilb.:

0576611020/2592/1724/3910

Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa


Tender details

  • Deadline: 2026-07-14
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): guyyaa walitti aanu 16ffaatti sa'aatii 4:00tti
  • Bid opening: 2026-07-14 10:30
  • Bid opening (note): guyyaa walitti aanu 16ffaatti sa'aatii 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published: Jun 29, 2026
  • Posted at: 2026-06-30T10:41:56.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders