Godina Harargee Lixaatti Manni Murtii Aanaa Bookee jaarsa Gamoo G+1 Mana Murtii Aanaa Bookeetiif magaalaa Bookee Xiqqoo keessatti baajata hirmaannaa uummataatiin bara 2019 tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyooleessaatiin kontiraaktaroota gahumsa qabanii fi

Description

Beeksisaa Caalbaasii 1ffaa

Godina Harargee Lixaatti Manni Murtii Aanaa Bookee jaarsa Gamoo G+1 Mana Murtii Aanaa Bookeetiif magaalaa Bookee Xiqqoo keessatti baajata hirmaannaa uummataatiin bara 2019 tiin beeksisa caalbaasii ifaa biyyooleessaatiin kontiraaktaroota gahumsa qabanii fi ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisuun hojjachisuu barbaada,

kanaafuu kontiraaktarootni ulaagaale armaan gadii guttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu

1. Kontiraaktaroota hayyama ijaarsa waliigalaa GC sadarkaa 5/BC-5 fi isaa ol qaban.

2. Gibira bara 2017 kan kaffalanii fi hayyama daldalaa bara 2018 kanneen haarayoomsan.

3. Galmaa'aa Taaksii Dabalata qabeenyaa(VAT) kan ta'anii fi ragaa Galmaa'aa kaffalaa gibiraa (TIN) kanneen qaban.

4. Dorgomtoonni tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaanii waraqaa ragaa kanneen qaban.

5. Ragaa gahumsaa bara 2018 E.C seera qabeessa ta'e ministeera misooma magaalaa fi ijaarsa magaalaa irra dhiheeffatu qaban.

6. Dorgomtoonni sanada caalbaasii sumudaa W/Maallaqaa, Waaj/A/T/ konistiraakshinii fi Mana Murtii Aanaa Bookeetiin mirkanaa'e sanada piroojektii tokkoo qarshii 1000(kuma tokko) kan hin deebineen Waajjira Galiiwwan Aanaa Bookeetti kaffaluun bitachuu kan danda'an.

7. Bakki sanduuqni caalbaasii itti argamu Waaj/Maallaqaa Aanaa Bookee yoo ta'u erga caalbaasiin cufamee booda sanadni yaada dorgommii caalbaasii dhiyaatu fudhatama hin qabu.

8. Caalbaasiin Guyyaa 26/10/2018 hanga 16/11/2018 waaree booda sa'aatii 8:00 tti qilleensa irra tureeti Guyyaa 16/11/2018 sa'aatii 8:00 ttii kan cufamu yeroo tahu guyyuma kana 16/11 bara 2018 waaree booda sa'aatii 8:30tti kan banamu waan taheef yeroo ibsame duratti waajjira Maallaqaa Aanaa Bookee sanduuqa caalbaasiif qophaa'e keessatti galuu qaba. Guyyaan kun yoo guyyaa hojii tahuu baate guyyaa itti aanutti kan darbu tahuu isaa isin hubachiifna.

9. Dorgomtoonni yookiin bakka buutonni argamanis argamuu baatanis banamiinsa caalbaasichaa gufachiisuu hin danda'an.

10. Caalbaasichi (poostaa) Invelooppii[ shaniin] 5 kan dhiyaatu yoo ta'u, sanadni Teeknikaa orjinaalli kophaatti, poostaa tokkoon samiidhaan saamsamuu qaba, waraabbii (koppii)n isaas kophaatti poostaa biraatiin saamsamuu qaba, sanadni gatiin irratti guutames (financial document) orjinaalli isaa kophaatti poostaa tokkoon waraabbiin isaa poostaa biraa tokkoon saamsamee dhihaatu qaba, akkasumas wabiin caalbaasii poostaa biraatiin irratti maallatteeffamee dhihaachuu qaba. Poostaa sanada shananuu sumudaa dorgomaatiin mirkanaawee maqaan dhaabbata dorgomuu, gosti piroojaktii, gosti sanada poosticha keessa jiruu fi orjinaala fi koppii ta'uun isaa adda bahee irratti barraawee dhihaatu qaba.

11. Dorgomtoonni caalbaasiin osoo hin banamiin dura kabachiisa caalbaasii CPO baankiin mirkanaa'e Qarshii 100,000 (kuma dhibba tokko) qofa dhiyeeffachuu qabu.

12. Dorgomtootni sanada caalbaasii ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii orjinaalaa fi kooppii akkaataa kanaa olitti ibsameen addaan osoo hin baasiin dhiheessan sanadni isaanii osoo hin banamne guututti kufaa tahuudhaan caalbaasii ala taha.

13. Dorgomtootni bu'aa caalbaasii ulaagaa teeknikaa irratti kufan sanadni caalbaasii faaynaansii (Financial Document) isaanii osoo hin banamiin kufaa taha.

14. Dorgomtootni ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii guutanii darban keessaa dorgomaan (tuun) gatii xiqqaa qofa osoo hin taane "Gatii Xiqqaa Ogeessaan Madaalame(Technically Evaluated Least Price Bidder)" Dhiheesse (Dhiheessite) moo'ataa (Moo'attuu) tahee kan dabru(tu) taha.

15. Sanadootni caalbaasii ulaagaalee teeknikaa fi faaynaansii barreeffama haqamee fi qulqullina hin qabne, kanneen fuula hunda irratti mallattoo fi sumudaa hin qabnee fi kanneen samiidhaan hin samsamiin guututti kufaa taha.

16. Mo'ataan(Mo'attuun) erga bu'aan caalbaasii seeraan beekamee booda guyyoota hojii 5(shan) keessatti waajiraa abbaa projaktii wajjiin waliigaltee mallatteessuun hojii jalqabuu qaba.

17. Dorgomtootaaf ulaagaan madaallii teeknikaa akkaataa sanada caalbasii SBD qophaawe keessatti ibsameen kan madaalaman taha.

18. Waajjirichi caalbaasii kana gar-tokkee isaa yookiin guutuu guututti haquuf aangoo guutuu qaba.

Ibsa dabalataatiif lakk. Bilbilaa: +251 91 349 8611, +251 92 200 6557,+251 91 542 8005

Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Bookee


Tender details

  • Deadline: 2026-07-23
  • Publishing entity: Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Bookee
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published: Jul 02, 2026

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders