Godinaa Shawaa kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jiddaa bara baajataa 2019 seektarotaa fi Bulchiinsa Gandootaa Aanaa keenyaaf caalbaasii ifaan Meeshaalee gosa adda addaa kan akka

Description

Béeksisa Caal baasii Ifaa Yeroo 1ffa

Godinaa Shawaa kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jiddaa bara baajataa 2019 seektarotaa fi Bulchiinsa Gandootaa Aanaa keenyaaf caalbaasii ifaan Meeshaalee gosa adda addaa kan akka 

  1. Uffata seeraa hojjettootaa fi meeshaalee Ispoortii
  2. Meeshaalee barreeffama, Meeshaalee Qulqullinaa fi Dhumataa waajjira keessaa
  3. Meeshaalee Dhabbataa Leenjii Barnoota Teeknikaa fi Ogummaaf olaan
  4. Meeshaalee dhabbataa Elektirooniksii fi Farniicheerii
  5. Gommaa konkolaataa fi Motor Saayikilii
  6. Meeshaalee Ijaarsaa caal baasii ifaan wal dorgomsisee bituu barbaada. Ulaagalee

Dorgomichaaf Barbaachiisan

1. Eeyyama Daldalaa gosa meeshaa irratti dorgomuu kan qabu fi bara 2018 kan haaromsee, Gibira Mootummaa bara 2018 kaffaluu isaa ragaa A/T/Galiiwwan irraa dhiyyeessuu kan danda'u, Waraqaa galmessaa raga daldalaa, Galm'aa VAT kan ta'e, Galmeessa Ragaa TIN(Tax Indetifcation Number) kan dhiyessuu fi Waraqaa Ragaa Dhiyessummaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

2. Dorgomaan sanada caalbaasii guuyyaa beeksifni kun gaazexaadhan bahee irraa Eegalee guyyoota hojii mootommaa 21 (digdami tokko) keessaattii qaarshii hin deebinee loti lotiidhaan Qar. 400(dhibba afur) kaffaludhaan sanada caalbaasii qophaa,ee waajjira Mallaqaa Aanaa jiddaa lakk. Biiroo 4 tti qaamaan dhiyaatee bitachuu qaba.

3. Dorgomtonii kamiyyuu IMX dabalatee kabachiisa caalbaasii ida'ama bittaa waliigalaa irraa lotii lotiidhaan dhibbentaa %1(tokko) baankiin beekamaa irraa Qar. 15,000 (Kuma Kudha shan) CPO mirkaanaa'e ykn qarshiin kaashiin maqaa Wajjiraa Mallaqaa Aanaa jiddaatin qabsisuu kan danda'u fi ragaa kabachisaa caal baasitiin wal qabatu poostaa orjinaala keessa ka'u qabu.Akkasumas dorgomaan mo'ata ta'e lotii lotiidhaan ida'ama bittaa waligalaa mo'atee irraa dhibbentaa kudhan(10) kabachisaa waligaltee qabsisuuf dirqamaa qaba.

4. Dorgomtootni gatii yoo guutan VAT /With VAT/dabalatee guutuu qabu

5. Dorgomaan Bittaa VAT ala qarshii kuma digdamaa (20,000) ol raawwatamuuf with holdig tax dhibbentaa (%3) akkasumaas qarshii kuma digdamaa (20,000) ol rawwatamuuf VAT dhibbentaa(%7.5) karaa mana hojichaan kutee hambisuuf dirqama qaba, mallaqaa citeef nagahee seeraa qabeessa ni kennamaaf

6. Dorgomtootni beeksisni cal baasii ifaa guyyaa qilleensa irra oole jalqabee sanadaa caalbaasii qopha'ee guutudhan poostaa orjinnalaa fi kooppii addaan baasuun Maqaa fi chaappaa dhabbatichaa, lakk. bibilaa,mallattoo fi gosa caalbaasii irraati dorgomaan ifaa gochuun barreessuu fi sanada caalbaasii fuula hundaa irraatti chaappaa fi mallattoo bakka bu'aa dhabbatichaa irraa ka'un sanduqaa caalbaasii dhimmaa kanaaf qopha'ee guyyoota hojii 21(digdamii tokkoof)ykn hangaa guyyaa 4/12/2018 banaa ta'ee keessa galchuun, gaafa guyyaa digdamii lamaffaa (22) guyyaa 06/12/2018 sa'aatii 7:45 irratti cufamee gaafuma guyyaa kanaa sa'aatii 8:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni sirna baninsa caalbaasii irratti hirmaatan xalayaa bakka bu'insa seeraa qabeessa ta'ee qabatanii argamanitti godina shaawaa kaabaatti waajjira Maallaqaa Aanaa Jiddaa kutaa Adeemsa hojii ijoo Bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa fi tajaajila maraa lakkoofsa 4 ykn bakka mija'eetti kan banamu. Yoo ta'u,Dorgomtootni ykn bakka bu'oonni dorgomtootaa yoo hin argamnees caal baasichii ni banama.

7. Sanada dorgoma irra haqaa fi laqaa qabachuu hin qabu.Dogongoran yoo haqame mallattoo irra ka'uu qaba.

8. Dorgomtootni gatiin dhiyeessan kan turu(price validity date) guyyaa baninsaa irraa eegalee hanga ajajini bittaa /order/kennamutti guyyaa walitti aanaan 60 (Jahatama) turu qaba.

9. Dorgoman meeshaa mo'ate baay'ina, yeroo fi qulqullina (Orjinaala)ajajameen Godinaa shawaa Kaabaatti Waajjira Mallaqaa Aanaa jiddaati baasii mataa isaaniin dhiyeessun galii gochuu qabu.

10 Dorgomtoota caalbaasii mo'amaan ykn kufan akkuma mo'amuun isaanii beekkameen kabachisni caalbaasii qabsisan kan deebi'uuf yoo ta'u dorgomtoota mo'an garuu hanga kabachisa waliigaltee qabsisaanitti kan turu ta.a.

11 Dorgomtootni akkaataa armaan olitti ibsamee kanaan dirqama ykn akkaataa waliigaltee seenameen yoo raawwachuu baatan kabachifnii waliigalteef qabsifamee waajjirichaaf galii ta'a.

12. Dorgomtootni bara baajata 2018 fi isa dura caalbaasii waajjirri keenya baasee irraatti hirmatee nfo'ataa ta'ee akkaataa waliigaltee seeneen qulqullina,baay' inaa fi yeroo jedhamee keessati meeshaa hin dhiyeessine caalbaasii kana keessatti kan hin keessumessine ta'a.

13. Meeshaan dhiyaatu hundi orijinaala ta'uu kan qabuu fi akkaataa saapilii kenamuutiin kan dhiyaatu ta'uu qaba.

14. Dorgoman erga dorgome mo'achuun isaa beeksifame wajjirichii baayyina meeshaa gatii osoo hin jijjirin mo'ata irraa 20% hirisuus dabaluus ni danda'a.

15. Dorgoman mo'ata ta'e kaffaltii gafachuu kan danda'uu ergaa meeshaa ajajame hunda galii godhe booda.

16. Waajjirichii filannoo biraa yoo argatee guutumaan guutuutti ykn gar-tokkeen caalbaasicha haquuf mirgaa qaba.

Teessoon Magaalaa Muka xurrii daandii Magaalaa Lamii deemu gara keessatti 33 km galuun ykn Magaalaa Finfinnee daandii Magaalaa Sandafaa dirree mazoraan gara keessatti 37 km galuun qaamaan dhuftanii sanada caalbaasii bitachuu qabdu. Odeeffannoo dabalataaf lakk.Bilbilaa 011-673 6328/011-673 66112 Aanaa Jiddaa (Magaalaa Sirxii)

Godinaa Shawaa Kaabaati waajjirri Mallaaqaa Aanaa Jiddaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-12
  • Publishing entity: Godinaa Shawaa kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jiddaa
  • Bid bond: %1(tokko) baankiin beekamaa irraa Qar. 15,000 (Kuma Kudha shan)
  • Bid document price: Loti lotiidhaan Qar. 400(dhibba afur)
  • Published: Jul 16, 2026

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders