Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Waajjiroota Godina Jala Jiraniif meeshaalee Dhumoo, Meeshaalee Dhabbataa, Meeshaalee qulqullinaa, Gommaa Konkolaataa fi Uffata seeraa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii

Naannoo Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Waajjiroota Godina Jala Jiraniif meeshaalee Dhumoo, Meeshaalee Dhabbataa, Meeshaalee qulqullinaa, Gommaa Konkolaataa fi Uffata seeraa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, Dhaabbatoonni Ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.

1. Meeshaa qulqullinaan Dhiyeessuuf Hayyama daldalaa kan haaromee fi Gibira waggaa kan kaffale ta'uu isaa ragaa dhiyeesuu kan danda'u.

2. Dorgomaan Facaatii dhiyeesitoota keessaa galmaa'uu isaanii ragaa dhiyyeessuu kan danda'an. Dorgomtoonni Dabalata Taaksii(VAT) Galmaa'aa ta'uu isaanii ragaa dhiyeessuu qaban. Kabachiisa Caalbaasii Qar. 50,000.00 CPOn Caalbaasiin osoo hin banamin qabsiisuu qaban.

3. Dorgamtoonni Sanada caalbaasii maallaqa hindeebine qarshii 200.00 Abbaa Taayitaa Galiiwwanii galchuudhaan sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa irraa Bituun ni dand'ama.

4. Caalbaasiin Guyyaa Beeksifni kun bahee irraa eegalee hanga guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:00tti dorgomtootaaf Banaa ta'a. Caalbaasiin guyyaa qilleensarra oole irraa kaasee Guyyoota Walitti aanan 16f banaa ta'a.

5. Dorgomtoonni Sanada caalbasii irratti gatii tokko guutanii gaafa Beeksifni kun qilleensa irra oolee irraa eegalee sanduuqa dhima kanaaf qophaa'e Darbii 2 kutaa Lakk.8 keessa galchuu qaban, sanduuqni hanga guyyaa 16ffaa 4:00tti banaa ta'a. Caalbaasiin guyyuma kanatti sa'aatii 4:00tti cufamee Sa'aa 4:30tti dorgomtoota ykn bakka bu'aan isaanii bakka argamanitti ni banama. Dorgamtoonni ykn bakka bu'aan isaanii jiraachuu baannaanis caalbaasiin ni banama. Guyyaan baninsa caalbaasii Hojii motuummaa ala yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu banama.

6.Mo'ataan (Dorgomaan) Meeshaalee ittin dorgoman Tiraanispoortii isaaniitin hanga Ciroo Waajjira Maallaqaa godina Harargee Lixaa kuta Qabeenya galii gochuu qaban. Dorgomtoonni Meeshaalee barbaadamu qulqullinaa fi baay'ina barbaadameen guutummaa guututti galchuu qaban.

7. Meeshaaleen dhiyaate qulqullina kan hin qabne yoo ta'e daldalaan(Dorgomaan) baasii isaatin meeshaa jijjiiruu ykn Maallaqa deebisuu qaba.

8. Gatii Fee'insaa fi buusisaa dorgomaatu danda'a.

9. Istookii keessaa meeshaalee gahaa kan qabanii fi koree bittaa agarsiisuu kan danda'an.

10. Waajjirri Yaada fooyya'aa fi filatamaa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'e guutummaatti haquuf mirga qaba

Iddoon isaa Waajjira MGH Lixaa

Ciroo, Lakk.Bilb. 025 551 0517

Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-03
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published: Jul 19, 2026

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders