Products and Services
Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaatiif midhaan nyaataa barattootaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada
Description
Beeksisa Caalbaasii
Lakkoofsa Caalbaasii 002/2019
Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Waajjira Barnootaa Godina Harargee Lixaatiif midhaan nyaataa barattootaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.
Kanaafuu dhaabbatoonni ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan afferamtanii jirtu.
- Midhaan nyaataa kana qulqullinaan dhiyeessuuf hayyama daldalaa kan haaromeefi gibira waggaa kan kaffale ta'uu isaa ragaa dhiyeessuu kan danda'u.
- Dorgomtoonni facaatii dhiyeessitootaa keessaatti galmaa'u isaanii ragaa dhiyeessuu kan danda'an. Dorgomtoonni dabalata taaksii(VAT) galmaa'aa ta'uu isaanii raga dhiyeessuu qabu. Kabachiisa caalbaasii qarshii 50,000.00 CPO'n caalbaasiin osoo hin banamin qabsisuu qabu.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasii maallaqaa hindeebine qarshii 3000.00 Abbaa Taayitaa Galiiwwanii galchuudhan sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa irraa bituun ni danda'ama.
- Caalbaasiin kun guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee hanga guyyaa 10ffaa sa'aatii 4:00tti dorgomtootaaf banaa ta'a. Caalbaasiin guyyaa qilleensarra oole irraa kaasee guyyoota walitti aanan 10f banaa ta'a.
- Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti gatii tokko guutanii gaafa beeksifni kun qilleensa irra oole irraa eegalee saanduqa dhimma kanaaf qophaa'e darbii 2 kutaa lakk.8 keessa galchu qaban, saanduqni hanga guyyaa 10ffaa sa'aatii 4:00tti banaa ta'a. Caalbaasiin guyyuma kanatti sa'aatii 4:00tti cufamee sa'aatii 4:30tti dorgmtootaa ykn bakka bu'aan isaanii bakka argamanitti ni banama. Dorgomtoonni ykn bakka bu'aan isaanii jiraachuu baannaanis caalbaasiin ni banama. Guyyaan baninsa caalbaasii hojii mootummaa ala yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu banama.
- Mo'ataan(Dorgomaan) midhaan nyaataa ittin dorgoman tiraanispoortii isaaniitiin hanga mana barumsaa kutaa qabeenyaa galii gochuu qaba. Dorgomtoonni midhaan nyaataa barbaadamu qulqullinaafi baay'ina barbaadameen guutumaan guutuutti galchuu qabu.
- Midhaan nyaataa dhiyaate qulqulinaa kan hin qabne yoo ta'e daldalaan(dorgomaan) baasii isaatiin midhaan jijjiiruufi rakkoon yoo uumame rakkoo umameefisittigafa tamummaa guutuu kan fudhatu ta'a.
- Gatii fee'insaafi busisaa dorgomaatu danda'a.
- Istookii keessaa midhaan gahaa kanqabaniifi koree bittaa agarsiisuu kan danda'an.
- Waajjirichi yaada fooyya'aafi filatamaa yoo argate caalbaasii gartokkeenis ta'e guutummaatti haquuf qaba.
Idoon isaa Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa Ciroo
Lakkoofsa Bilbilaa 025 551 0517
Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-29
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): guyyaa 10ffaa sa'aatii 4:00tti banaa ta'a.
- Bid opening: 2026-09-29 10:30
- Bid opening (note): guyyaa 10ffaa sa'aatii 4:30tti banaa ta'a.
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 3000.00
- Published on: BARRIISAA (Sep 20, 2026)
- Posted at: 2026-09-21T11:24:23.000Z
- Source: 2merkato