Water Construction
Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaala Beddellee Piroojektii Ijaarsa Poultry Farm Fence, Site Work and water Tanker Godina Buunnoo Beddellee Magaala Beddellee tti ijaarsisuuf dorgomtoota ulaaga guutan caalbaasiif Marsaa Ifaa dhaaf affeera.
Description
WAAMICHA CAALBAASII MARSAA 1FFAA Lakkoofsa addaa Bittaa: Bed-IR-CW-18-2019
Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaala Beddellee Piroojektii Ijaarsa Poultry Farm Fence, Site Work and water Tanker Godina Buunnoo Beddellee Magaala Beddellee tti ijaarsisuuf dorgomtoota ulaaga guutan caalbaasiif Marsaa Ifaa dhaaf affeera.
Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Beddellee Ijaarsa Poultry Farm Fence, Site Work and Water Tanker Baajata bara baajata waggaa lamaa (2019- 2021) tti hojiirra oolu qabatee Kaffaltiin dursa ykn Advance Payment 20% kan kaffalamuu ta'a.
1. Waajjirichi ulaagaa gosa walii gala ykn kontraakteroota ijaarsaa Sadarkaa GC-1-GC 3 AND BC 1-BC 2 ta'aan hayyama isaanii bara 2019 ALI haroomfamee, Meeshalee fi Humna namaa ijaarsaaf barbaachisoo ta'aan dhiyeesse ijaarsa Poultry Farm Fence, Site Work and Water Tanker raawwachuu danda'an affeera.
2. Dorgomtoonni sanada caalbaasii bitachuu barbaadan hiyyannoo barreeffama Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee tti dhiyeeffachuu fi kaffatii hin deebine Birrii Itoophiyaa 1000 (kuma tokko) "Telebirr" dhaan Short Code 589408 Operator ID 611629 Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/Beddelleetti galii godhanii Nagahee Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/Beddellee irraa kenname qabachuun guyyaa beeksifni kun jalqaba gaazexaa irratti bahe irraa eegalee hanga guyyaa dhumaa tti guyyaa fi sa'aati hojii Mootummaa tti Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee lakkoofsa 05 (shan) irraa bitachuu ni danda'u. Dorgomaan ragaalee sanadoota biroo barbaachisoo ta'an kanneen armaan gadii hiyyata isaanii waliin dhiyeessuf dirqama qabu.
A. Waraqaa Ragaa Galmee Gahumsaa ogummaa rogummaa qabu (COC) Biiroo Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa irraa gosa; GC-1-GC 3 AND BC 1-BC 2 ta'ee fi kan haaromfamee.
B. Hayyama Daldalaa bara 2019 yeroo caalbaasiidhaaf haaromfamee fi Mirkaneessa Galmee Daldalaa qaamolee hayyamaman irraa.
C. Waraqaa Ragaa VAT fi Ragaa galmee TIN.
D. Waraqaa Ragaa Qulqulleessuu Taaksii fi Gibira Bara 2019 kaffaluu isaa agarsiisu Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii sadarka sadarkaan jiran irraa dhiyeessu qabu.
E. Waraqaa Ragaa Galmee Dhiyeessitoota irratti galmaa'uu isaa.
3. Dorgomtoonni Odeeffannoo Dabalataa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii, Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee lakkoofsa 05 irraa argachuu ni danda'u.
4. Wabiin Caalbaasii Wabii Baankii haala irratti hin hundoofne 350,000.00(Kuma dhibba sadiif kuma shantamma qofa) guyyaa caalbaasiin yaada itti kennamee booda guyyaa 118 (dhibbaa fi Kudha saddeet) f kan hojjetu ta'uu qaba. Wabii caalbaasiitiif Birriin 350,000.00(Kuma dhibba sadiif kuma shantamma qofa) bifa wabii Baankii haala irratti hin hundoofneen Maqaa Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee tiin ragaan Orijinaal dhiyaachuu qaba.
5. Caalbaasiin akkaata hojimaata caalbaasii Biyyoolessaa(NCB) banaa Labsii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamuun kan geggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha kunis (sadarkaa lama: sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaa dha. Lammaffaan sadarkaa :- madaallii faayinaansii dha).
6. Tuutni sanada caalbaasii Afaan Oromoon guutuu ta'ee dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu danda'a. akkuma armaan olitti ibsamee Birrii Itoophiyaa qarshii 1000 (kuma tokko) "Telebirr" dhaan Short Code 589408 Operator ID 611629 Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/Beddellee irratti galii godhanii Nagahee Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Bul/Mag/Beddellee tti dhiyeessuun hanga guyyaa hojii 21ffaa(Digdamii Tokkoffaa) fi sa'aati hojii guyyaa beeksisa jalqaba gaazexaa irratti jalqabe irraa eegalee sa'aati hojii wiixataa hanga Jimaataatti sanada caalbaasii qophaa'ee fudhachuu danda'u.
F. Dhiyeessuu fi baniinsa Caalbaasii
e) Yeroon xumura caalbaasii (gahumsa teeknikaa fi dhiyeessi faayinaansi of danda'e) dhiyaachuun Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee Darbii 2ffaa Lakkoofsa 207 (dhibba lamaa fi torba) tti guyyaa hojii 22ffaa (Digdamii Lammaffaa) sa'aatii biyya keessa Waaree dura 4:00 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazexaa irratti beeksise irraa eegalee ta'a.
f) Orijinaalli fi warabbiin gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti "Orijinaal fi waraabbi sanadoota gahumsa teeknikaa" jedhamee irratti barreeffame envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa ka'amee cufamuu qaba. Envelooppin alaa kun odeeffannoowwan biroo akkaata qajcelfama dorgomtootaa keessatti ibsameen kanneenakkateessoo dhiyeessi, Chaappaa dorgomaa, dhaabbaticha keessatti nama aangoo seera qabeessa qabuun mallatta'ee kan cuqqaalamee (saamsame) ta'uu mallattoo fi maqaa guutuu, lakka bilbila, maqaa mana hojii caalbaasii baasee, lakkoofsa addaa piroojektichaa fi KOREE CAALBAASII QOFA BIRATTI BANAMA kan jedhu ifatti qalama gadi hin gadhiisneen irratti barreeffamuu qaba. Wabiin kabachiisa caalbaasii Orijinaal sanada Tecknikaa Orijinaala Keessa ka'uu dhaan dhiyeessuu qaba.
g) Orijinaalli fi warabbiin sanadoota dhiyeessi faayinaansi addaan baafame envelope cufame keessatti kan mallatteeffame "Orijinaal fi waraabbi sanadoota dhiyeessi Faayinaansii" jedhamee irratti barreeffame yoo ta'u, envelope lamaan envelope alaa guddaa keessa ka'amee cufamuu qaba. Envelooppin alaa kun odeeffannoowwan biroo akkaata qajeelfama dorgomtootaa keessatti ibsameen kanneen akka teessoo dhiyeessi, Chaappaa dorgomaa, dhaabbaticha keessatti nama aangoo seera qabeessa qabuun mallatta'ee kan cuqqaalamee(saamsame) ta'uu mallattoo fi maqaa guutuu, lakka bilbila, Maqaa mana hojii caalbaasii baasee, lakkoofsa addaa piroojektichaa fi KOREE CAALBAASII QOFA BIRATTI BANAMA kan jedhu ifatti qalama gadi hin gadhiisneen irratti barreeffamuu qaba.
h) Lamaanuu piropozaala Teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii envelope adda ta'een envelope haadha tokko keessa kan ka'amu yoo ta'u, envelopen alaa kun odeeffannoowwan biroo akkaata qajeelfama dorgomtootaa keessatti ibsameen kanneen akka teessoo dhiyeessi, Chaappaa dorgomaa, dhaabbaticha keessatti nama aangoo seera qabeessa qabuun mallatta'ee kan cuqqaalamee (saamsame) ta'uu mallattoo fi maqaa guutuu, lakka bilbila, Maqaa mana hojii caalbaasii baasee, lakkoofsa addaa piroojektichaa fi KOREE CAALBAASII QOFA BIRATTI BANAMA kan jedhu ifatti qalama gadi hin gadhiisneen irratti barreeffamuu qaba.
7. Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.
8. Caalbaasichi guyyaan xumura dhiyeessi sanada yaada dorgommii xumure guyyuma sanatti Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/Beddellee Darbii 2ffaa Lakkoofsa 207 (dhibba lamaa fi torba) tti sa'aati biyya keessa Waaree dura sa'aati 4:30 tti guyyaa 22ffaa (digdamii lammaffaa) tti ni banama.
9. Sanadi dhiyeessi faayinaansi cufamee kan turuu fi sanduuqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka qaamni mana hojichaan hiyyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessi faayinaansi dorgomtoota gahumsa qaban beeksisan banamutti ni qabata.
10. Koreen mana hojichaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hunda'uun gahumsa dorgomtoota ni madaala. Ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa raga caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, Dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'ee sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisa teeknikaa isa xiqqaa sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati.
11. Envelope n Dhiyeessi faayinaansi dorgomtootaa ulaagaa teeknikaa ulaagaa guutan(Fitted) fi isa ol ta'aan qofatu guyyaa banamuu faayinaansi ni banama. Manni hojii guyyaa fi sa'aatin banamu faayinaansi dorgomtootaaf ni ibsa.
12. Sanada sobaa fi yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessi faayinaansi agarsiisuuf yaaliin yoo godhamee manni hojii dorgomichi dorgommiin ala ni taassisa.
13. Manni hojichaa "sanada gahumsa teeknikaa" "sanada dhiyeessi faayinaansii" envelope keessatti dogoggoraan kaa'amu ykn faallaa kanaatiin, kan dorgomaan fiduuf itti gaafatamummaa fi itti gaafatamummaa hin fudhatu.
14. Hojiirra oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalandarii 118f ta'a.
15. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee Ijaarsa Piroojektichaa Wagga tokkoo keessaatti xumuramee Kaffaaltii piroojektichaa wagga lama keessattii kan rawwatamu ta'e. haalli mijataan yoo jiraate(baajata guutuu qabaachuu) abbaan piroojektii guyyaa hojii xumurame xiqqeessu ni danda'aa.
HUB:- Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaala Beddellee caalbaasii hunda fudhachuu ykn diduudhaaf gar-tokkeen haquuf mirga nii qaba.
ITOOPHIYAA
OROMIYAA
BEDDELEE
Odeeffannoo dabalataaf Lakk BIL: 047 445 2385
047 445 0942
Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaala Beddellee
Tender details
- Deadline: 2026-11-03
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): 22ffaa (Digdamii Lammaffaa) sa'aatii biyya keessa Waaree dura 4:00
- Bid opening: 2026-11-03 10:30
- Bid opening (note): 22ffaa (Digdamii Lammaffaa) sa'aatii biyya keessa Waaree dura 4:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Beddelle
- Bid bond: Qarshii 350,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 09, 2026)
- Posted at: 2026-10-09T08:50:00.000Z
- Source: Qelal Tenders