Road and Bridge Construction

Waajjirri Karooraa fi Maallaqaa Aanaa Baddannoo Misooma Bulchinsa Ganda koriidara magaalaa Baddannoo Waajjira Magaalaa Baddannoo fi Waajjira Bulchinsa Aanaa Baddannoof Ijaarsa koriidara Daandii Mana Qopheessaa hanga Manna Barumsa sad.1ffaa Yaadataatti kon

Description

Beeksiisa Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa Marsaa 1ffaa

Waajjirri Karooraa fi Maallaqaa Aanaa Baddannoo Misooma Bulchinsa Ganda koriidara magaalaa Baddannoo Waajjira Magaalaa Baddannoo fi Waajjira Bulchinsa Aanaa Baddannoof Ijaarsa koriidara Daandii Mana Qopheessaa hanga Manna Barumsa sad.1ffaa Yaadataatti kontiraata Guutuun Hojjachiisuuf Kontiraaktaroota ijaarsaa sadarkaa fi ulaagaa armaan gadii guutancaalbaasii ifaa kanaan dorgomsiisee ijaarsisee xumursiisuu barbaada.

1. Gosa fi Bakka Hojii Ijaarsaa:

Gosa Hojii: Ijaarsa koriidara Magaalaa Baddannoo

Iddoo Ijaarsaa:Magaalaa Baddannoo

2. Ulaagaa Dorgom tootaa (Eligibility Criteria):

Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti dhiyaatan ragaalee seeraa kanneen armaan gadii dhiyeessuu qabu:

1. Heyyama daldalaa ijaarsaa seera qabeessa ta'ee fi bara baajataa 2019 E.C tiif kan haaromfame dhiyeeffachuun dirqama.

2. Sadarkaa Kontiraaktarummaa:GC-3 /RC-3 fi isaa ol kan ta'e dhiyeeffachuun dirqama.

3. Ragaa ga'umsa ogummaa kontraaktarichaa (professionalcompetence Certificate)ibsu dhiyeeffachuun dirqama.

4. Ragaa galmee dhiyeessitoota bittaa mootummaa (PPPA SupplierList Registration).

5. Ragaa galmee kaffaltii Taaksii dabalataa (VAT RegistrationCertificate) fi Ragaa Lakkoofsa addaa kafalaa gibiraa TINWaajjira Galiiwwaniirraa dhiyeeffachuun dirqama.

6. Ragaa kafaltii gibiraa kan bara dhiyoo (Tax Clearance Certificate)bittaa mootummaaf tajaajilu dhiyeeffachuun dirqama.

7. Bittaa Mootummaarraa kan hin dhoorkamin tahuu Ragaa agarsiisu Qaama aangoon kannameef iirraa dhiyeeffachuun dirgama.

8. Dorgomaan kamiyyuu Ragaa Walitti bu'insa Faayidaa hin malle irraa Bilisa tahuu isaa dhiyeessu qaba.

9. Ragaa Muuxannoo hojii qabaachuu isaanii ibsu akkaatuma sanada Caalbaasii keessatti ibsameen sanada waliigaltee hojii kanaan dura hojjatee fi xalayaa galataa fi xalayaa walharkaa fuudhinsaa qaama hojícha hojjateef irraa dhiyeessuu qabu.

10. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guutuu (Complete Bid Document) bitachuuf hayyama daldalaa haaroome agarsiisuun, Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo,Kutaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa,Magaalaa Baddannoo qaamaan dhufuun maallaqa hin deebine Qarshii 3,000 (Kuma sadi qofa) lakkoofsa herrega Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddnnootti galii godhuun bitachuu ni danda'a.

11. Caalbaasiin kun kan gatiin (List cost of bid) fi Ragaa teeknikaatiin itti waldorgoman waan taheef Dorgomtoonni sanada caalbaasii(gatii fi Teknika) orjinaalaa fi garagalcha (Copy) isaa addaan baasuun,poostaa adda addaatiin saamsameen mallattoo fi sumudaa ykn Chaappaa Dhaabbata isaatiin mirkaneessee dhiyeessuu qabu.akkasumaas dorgomaan fuula sanada yaadaa dorgommii fi sanada gatii fuula hundarratti mallattoo fi sumudaa ykn Chaappaa Dhaabbatichaatiin hin mirkaneessin battalumatti dorgommiin ala kan tahuudha.dabalataan sanadni haqaa fi laaqaa qabu fudhatama hin qabu.

12. Dorgomaan Gatii barbaachisu gabatee gatii keessatti erga guuteen booda dhumarratti iddoo Cuunfaa gabatee gatii (sumary) waliigalaaf qophaaye irratti akkaatuma gaafatameen guutuu qaba.

13. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii akkaataa qajeelfama Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti ibsameen baajata hojiif qabamerratti hundaahuun 0.5% gadi kan hin taanee fi 2% kan hin caalle Qarshii 500,000(Kuma Dhibba shan qofa) Ragaa Bankiidhaan mirkanaa'e CPO qofaan maqaa"Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo" kanaan qopheessanii sanada teknikaa waliin poostaa tokko keessatti saamsuun dhiyeessuu qabu.kabachiisni Caalbaasii Dorgomtoota Moohamaniif guyyaa bu'aan caalbaasii ifa tahe irraa kaasee kan deebi'uuf yoo tahu Dorgomaa Moohateef immoo hanga Kabachiisa Waliigaltee qabsiisutti kan turu taha.

14. Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa irratti bahee labsamee 19/2/2019 irraa eegalee hanga 10/3/2019 tti guyyoota hojii walitti aanan 15 (Kudha Shan) f qilleensa irra kan turu yoo tahu Caalbaasichi guyyaa 16ffaa jechuun gaafa guyyaa 10/3/2019 ganama sa'aa 4:00 irratti saamsamee,guyyuma sana sa'aa 4:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa qabeessa tahe argamanitti Magaalaa Baddannoo, Waajjira I/A Bulchaa keessatti ifatti kan banamu taha. (Guyyaan cufiinsaa fi baniinsaa guyyaa hojii yoo hin taane,guyyaa hojii itti aanu irratti baninsi kan raawwatamu taha).

6 .Hubachiisa:

Manni hojichaa filannoo fooyya'aa yoo argate,caalbaasii kana gartoodhaanis ta'e guutummaatti diiguuf mirgi isaa seeraan eeggamaadha.

Sanada fakkaataa (sobduu) dhiheessuun ykn yaada maallaqaa sanada teeknikaa keessatti ibsuun caalbaasii irraa ala nama taasisa.

Sanada Teeknikaa fi Sanada Maallaqaa wal-jijjiiruun postaa keessa kaa'uun kufaatii caalbaasiitiif sababa ta'a. Waajjirri dogoggora kanaaf itti gaafatamtummaa hin fudhatu.

Kontraakterri kamiyyuu Biiroo ykn Waajjiraalee Zoonii waliin seenaa waliigaltee addaan kutuu (termination) qabu xiinxala teeknikaa irratti kan kufu ni ta'a.Odeeffannoo Dabalataaf: Lakk. Bilbilaa: 0974757111 ykn 0922048650

 Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo, Magaalaa Baddannoo


Tender details

  • Deadline: 2026-11-19
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-11-19 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Baddannoo
  • Bid bond: Baajata hojiidhaaf qabame irraa 0.5% gadi kan hin taane fi 2% kan hin caalle (Hangamuu yoo ta'e Qarshii 500,000.00 irra ol ta'uu hin danda'u).
  • Bid document price: Qarshii 3000.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 29, 2026)
  • Posted at: 2026-10-30T08:30:57.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders