Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara bajataa 2018' tiif kan oolu bittaa deeskitooppii Qormaata Biyyooleessa Baratoota kutaa 12ffaa bajata Idilee caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gad
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara bajataa 2018' tiif kan oolu bittaa deeskitooppii Qormaata Biyyooleessa Baratoota kutaa 12ffaa bajata Idilee caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee qajeelfama dorgomtootaa
- Dorgomaan hayyama daldalaa seeraqabeessa kallatiin kan qabuufi hayyama daldalaa bara 2018 akka qajeelfama Waajjira Daldalaatti kan haaroome.
- Dorgomaan tarreefama dhiyeessitoota keessatti kan galmaa'e jiruufi galmee tarreefama dhiyeessitoota haarome keessatti galmaa'aa ta'uuf ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
- Ragaa kaffaltii gibira bara 2017 akka qajeelfama A/T/Galiitti dhiheessuu kan danda'u.
- Dorgomaan galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaaf (WAT) ragaa dhiheessuu kan danda'u.
- Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu fudhatama hin qabu.
- Gatiin meeshaa dhiyaatu Taaksii (VAT) dabalatee guutuu isin irra jiraata.
- Dorgomaan fuula sanadaa húnda irratti sumuda (stamp) isaanii dhahuun mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan kabachiisa caalbaasiif CPO maallaqa Itoophiyaa qarshii gatii waliigalaa caalbaasicha irraa 2% jechuunis Qarshii 67,500 (Qarshii kuma jahatamii torbaa fi dhibba shan) ykn CPO baankiidhaan mirkanaa'e dhiyeessuu qaba.
- Dorgomaan mo'e meeshaalee mo'atan hanga mankuusa (Istoora) Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum geessuu qaba.
- Dorgomaan caalbaasicha gufachiisuuf yaalan kabachiisni caalbaasii irraa dhaalamu fi caalbaasii fuula duraa irraa kan ugguramu tahuu hubatamuu qaba.
- Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazexa Addis Zaman irratti bahe irraa kaasee Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum kutaa lakkoofsa 3 irraa qarshii (600) dhibba jaha kan hin deebineen bitachuu danda'a.
- Caalbaasiin erga banamee booda yaada jijjiiruu, fooyyessuun ykn caalbaasii keessa ofbaasuun goonkuma hin danda'amu.
- Dorgomaan caalbaasii erga mo'ee booda guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan erga mo'ee guyyaa hojii 15 (kudha shan) keessatti yoo waliigaltee hin mallatteesine dorgomaa lammaffaa baheef carraan ni kennama.
- Qaamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate irratti % 20 dabalu ykn hir'isuuf mirga qaba.
- Bakka/Iddoon saanduqni caalbaasii ykn sanadni itti dhiyaatu Waajjira Maallaqa Aanaa Gursum kutaa garree bittaa ta'a.
- Waajjirichi filannoo fooyya'e yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gartokkee isaa haquudhaaf mirgi guutuu qaba.
- Caalbaasiin kun guyyaa 30/7/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 21/08/2018 banaa ta'uudhaan guyyaa 21/08/2018 sa'aatii 11:00 PM irratti ni cufama. Caalbaasiin kun guyyaa 22/08/2018 sa'aatii 3:00 AM bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni dorgomtootaa seeraqabeessa ta'an argamanitti Waajjira Maallaqa Aanaa Gursumitti kan banamu ta'a.
Odeeffannoo dabalataaf Lakkoofsa Mobaayilii 09 13 23 43 72, 09 89 50 53 31 ykn 09 10 13 14 76
Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallagaa Aanaa Gursum
Tender details
- Deadline: 2026-04-29
- Bid closing time: 17:00
- Bid opening: 2026-04-30 09:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Mallagaa Aanaa Gursum
- Bid bond: 2% jechuunis Qarshii 67,500
- Bid document price: Qarshii 600.00
- Published: Apr 08, 2026
- Posted at: 2026-04-08T09:21:38.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.