Aanaan Eekkaa Bosona akka Aanaatti jiru dorgomsiisee caalbaasiin gurguruu barbaada.

Description

Beeksiisa Caalbaasii ifaa gurgurtaa Bosonaa 1 ffaa

Qajeelfama Dorgomtoota Gurgurtaa Bosonaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar ku/Ma/Eekkaa Xaafoo Waajjira Maallaqaa Aanaa Eekkaa.

Aanaan Eekkaa Bosona akka Aanaatti jiru dorgomsiisee caalbaasiin gurguruu barbaada.

  1. Dorgomtootni Caalbaasii kana irratti hirmaachuuf Hayyama Daldalaa haarome, hayyama Daldalaa haarawa bahe Kan Qabu, Galmaa'aa Vaatii (VAT) kan ta'ee TIN kan qabu, Gibira Bara kanaa kan kaffalanii fi ragaa itti kaffalan dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.
  2. Dorgomtootni wantoota ifaa hin taaneen Caalbaasicha dogongorsu ykn jeequuf Yaaluun Guutumaan guutuutti dorgommiidhaan ala Nama taasisa.
  3. Caalbaasichi erga banamee booda Yaada dorgommiif dhiyaate, Jijjiiruu, fooyyessuu ykn Caalbaasii kessaa of basuun hin danda'amu.
  4. Daldalaan Caalbaasii mo'ate Waajjira Maallaqaa A/Eekkaa Waliin waliigaltee ni seena.
  5. Beeksisni caalbaasii guyyaa beeksifni kun bahe gaazexaa irratti bahe irraa eegalee guyyoota hojii 10 kan turu ta'ee gaafa guyyaa 11ffaa guyyaa 15/10/2018 tti sa'aatii 8:00tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan isaanii argamanitti W/Maallaqaa A/Eekkaatti kan banamu ta'a.
  6. Dorgomaan Sanada Dookimantii Caalbaasii Orjinaala 1 fi koppii 1 qobaa qobaatti Samiidhaan Saamsuun poostaadhaan dhiyeessuu qaba. Poostaa irratti Chaappaa, Mallattoo, bilbila, Maqaa Daldalaa/ Waldaa/Dhaabbataa, katabuu Qaba.
  7. Sanada Caalbaasii irratti fooyya'insa/ibsa yoo barbachise gaafachuun ni danda'ama.
  8. Daldaltoonni Bosona bitamu irratti dorgomaniif VAT %15 dabalachuu fi dabalachuu baachuu isaa ibsu qabu. Kan hin ibsine yoo ta'e akka VAT 15% dabalatetti qabama.
  9. Daldaltoonni hundi kabachiisa Caalbaasii Qr.100,000 (Kuma dhibba tokko) CPO dhaan Baankii Siinqeetti qabsiisa dhiyeessuu qabu.
  10. Qaamni Caalbaasii Moo'ate Waliigaltee seenuuf Kabachiisa Walii galteef Baay'ina Bosonaa %10 (kudhan) Maallaqa Callaa ykn CPO dhaan dhiyeessuu qabu.
  11.  Caalbaasicha Kan mo'atamanis Mo'atamuun isaanii erga adda bahee booda kabachiisa Caalbaasiif Kan dhiyeessan ni deebi'aaf.
  12. Qaamni komii Qabu ykn dhiyeessuu barbaadu seeraan Waajjirichaaf Guyyaa bu'aan caalbasii beekame guyyoota hojii 5 (Shan) keessatti dhiyeeffachuu danda'a.
  13.  Caalbaasichi Kun guyyaa Banamee irraa kaasee guyyoota kudha shan Ragga'ee Kan turu ta'a.
  14. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate Caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gartokkeedhaan haquuf mirga guutuu qaba.
  15. Sanada Caalbaasichaa Qarshii hin deebine 1000 /kuma tokko/ sanada tokko tokkoo isaatiif W/ Maallaqaa A/Eekkaatti Kaffaluun bitachuu ni danda'u.
  16. Dorgomaan kamiyyuu Ragaalee dhiyeeffatu haqaa fi laaqama qabaachuu hin qabu.

Tessoon keenya: - Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafoo Aanaa

Eekkaa KM 5 Gara kessaatti senamee.

Hubannoo fi Odeefannoo Dabalataaf:- Obbo Dassaalanyi Tasammaa Lakk.

Bilbilaa:0911977394

Obbo Mulugeetaa Kontaa-Lakk Bilbilaa- 0917415383

Obbo Edaasaa Tibbeessoo-lakk Bilbilaa - 0935283693

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo

Laga Daadhiiki Waajjira Maallaqaa Aanaa Eekkaa


Tender details

  • Deadline: 2026-06-22
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): guyyoota hojii 10 kan turu ta'ee
  • Bid opening: 2026-06-22 14:00
  • Bid opening (note): guyyoota hojii 10 kan turu ta'ee gaafa guyyaa 11ffaa guyyaa 15/10/2018 tti sa'aatii 8:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Eekkaa
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
  • Published: Jun 12, 2026
  • Posted at: 2026-06-12T08:37:54.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders