Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansabootti Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa bara baajataa 2018 keessa Maashina Qalma Horii caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dhaabbileen ulaagaa armaan gaditti tarrreeffame guuttan dorgomuu dandeessu.
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansabootti Manni Qopheessaa Magaalaa Warqaa bara baajataa 2018 keessa Maashina Qalma Horii caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dhaabbileen ulaagaa armaan gaditti tarrreeffame guuttan dorgomuu dandeessu.
Ulaagaalee dorgomtoonni guutuu qaban:-
- Dorgomtoonni heeyyama daldala isaanii kan meeshaalee ittiin fredorgomaniin walitti dhufeenya kallattii qabuufi, akkasuma gibira isaanii kan kaffalaniifi heeyyama isaanii akka seeraatti kann haarawoomsan ta'uu qaba.
- Dorgomtoonni biyya keessaa tarreeffama dhiyeessitootaa(suppliers list) keessatti galmaa'uu isaanii waraqaa ragaa dhiyeeffachuu qabu.
- Dorgomaan kamiyyuu kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaaf /VAT/ galmaa'uu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa dhiyeessuu qaba.
- Dorgomtoonni meeshaa kamiin akka dorgomaniif,maqaa biyya itti oomishameef, akkasuma maqaa gosa meeshaa ifatti ibsuu qabu.
- Dorgomtoonni caalbaasicha gufachiisuuf yaalan caalbaasiin ala kan ta'aniifi gara fuulduraattis bittaa mootummaa irratti akka hin hirmaannee fi kabachiisa caalbaasii qabsiisan kan dhaalaman ta'u
- Dorgomtoonni gabatee dhiyeessii gatii(price schedule) mana qopheessaa keenyaan kennamu irratti gatii taaksii dabalata qabeenyaa VAT dabalatee haqaa fi laaqa tokko malee guutuun chaappaa dhaabbatichaa, mallattoofi maqaa guutuu, akkasuma immoo teessoo dorgomaadhaa ibsuun, orijinaala tokkoofi koppii tokko invelooppii saamsameen biiroo lakk. 5tti sanduuqa dhimma kanaaf qophaa'e keessa galchuutu irra jiraata.
- Dorgomtoonni(dhiyeessitoonni) kabachiisa caalbaasii:20,000 (kuma digdama) qabsiisuu qabu.
- Kabachiifni caalbaasii dhiyaatu;maallaqa calla, cheekii mirkanaa'een ykn immoo wabii baankii haala irratti hin hundoofneen ta'uu danda a.
- Meeshaaleen dhiyaatu, qulquilina kan qabuufi haala facaatii tarreeffama teeknikaa(technical specification)ta'uutu irra jiraata.
- Dhaabbanni moo'ate meeshaalee ittiin moo'ate hamma gola qabeenya mana qopheessaa magaalaa Warqaatti kan dhiyeessu ta'a.
- Manni hojichaa bittaa raawwatu dorgomaa moo'ataa ta'ee filatame wajjiin waliigaltee osoo hin mallatteessiin dura gatii ittiin moo'ate osoo hin jijjiirin baay'ina dhiyeessii sanada caalbaasii irratti dhiyaate (ajaja itti kennu) irraa %20 hir'isuu ykn dabaluu ni danda'a.
- Beeksifni caalbaasii kun gaazexaa irratti bahee guyyaa hojii gaafa guyyaa 10ffaa 25/10/2018 sa'aatii 11:30 irratti cufamee guyyaa 11ffaa 26/10/2018 sa'aatii 3:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'aan dorgomaa, odiitii keessaa fi qaamoleen biroo hirmaatuu barbaadanitti kan banamu ta'a.
- Dorgomtoonni adeemsa raawwii caalbaasii irratti komii yoo qabaatan akkaataa qajeelfama/labsii/ bittaatiin komii isaanii guyyaa hojii guyyaa shan keessatti iyyata dhiyeeffachuuf mirga qabu.
- Dhiyeessaan kamiiyyuu moo'ataa ta'ee erga walii galtee seenee guyyaawalii galtee seene keessatti meeshaalee ittiin moo'ate guutummaa guututti galchuu qaba..
- Meeshaaleen gaafataman moodelaa fi haala ibsa teknikaa kennameen kan hin guutamne yoo ta'eefii dogongorri kamuu yoo uumame itti gaafatamummaa kan fudhatu dorgomaa ta'a.
- Dorgomaan kamiiyyuu erga sanadni yaada dorgommii/sanadni caalbaasiibanamee booda wantoota sanada caalbaasicha irratti barreeffame jijjiiruus ta'ee sirreessuu akkasuma immoo dorgommii keessaa baheera jechuu hin danda'u.
- Manni Qopheessaadhaa;filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gartokkeenis ta'ee guutummaa guututti mirga haquu ni qabaata.
- Odeeffannoo dabalataatiif lakk.Bil.: 0922055468fi 0910476851 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeessu.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Nanob Mana Qopheessaa Magal Worqaa
Tender details
- Deadline: 2026-07-02
- Bid closing time: 17:30
- Bid opening: 2026-07-03 09:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Arsii Lixaa Aanaa Nanob Mana Qopheessaa Magal Worqaa
- Bid bond: Qarshii 20,000.00
- Published: Jun 19, 2026
- Posted at: 2026-06-19T08:07:31.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.