Naannoo Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Najjoo Bara Baajetaa 2019 midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'cessituu adda addaa, Ittoo fi galtee ittoo, foon sangaa burundoo, sangaa foonii, hanqaaquu duudaa kan lukkuu, gindillaa qoraa
Description
Beeksisa Caalbaasii
Naannoo Oromiyaatti Manni Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Najjoo Bara Baajetaa 2019 midhaan dheedhii nyaataaf oolan, mi'cessituu adda addaa, Ittoo fi galtee ittoo, foon sangaa burundoo, sangaa foonii, hanqaaquu duudaa kan lukkuu, gindillaa qoraanii, qoraan falaxamaa, fuduraalee fi muduraalee adda addaa, akkasumas meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee barreeffamaa, uffata seeraa hojjettootaa fi meeshaalee dhumataa biiroo keessaa caalbaasii ifaan wal dorgomsiisee bituu barbaada. Haaluma kanaan dhaabbileen ulaagaa armaan gaditti ibsaman guuttan dhiyaattanii dorgomuu dandeessu.
Ulaagaa Barbaachisan:
1. Eeyyama hojii daldalaa bara 2019 kan haaromsee fi gibira waggaa kan kaffale ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
2. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
3. Waraqaa ragaa Ragaa VAT kan qabuu fi 7.5% kaffaluuf dirqama kan qabu.
4. Ragaa TIN kan qabu TOT/3% kaffaluuf dirqama kan qabu.
5. Waraqaa ragaa qaama seerummaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
6. Kabachiisa caalbaasii Qar.50,000 (kuma shantama) bank advice kan dhiyeessu.
7. Dorgomaan caalbaasicha mo'atee dhiyaate walii galtee mallatteessee dhiyeessii gaafatame qulqullina isaa eegee hanga Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Najjoo Sad.2ffaatti dhiyeessuu fi buusuuf dirqama qaba.
8. Dorgomtootni sanada caalbaasii irratti lakkoofsa bilbilaa, mallattoo,teessoo fi chaappaa itti gochuun poostaa Tekinikaa Originaalaa fi kooppii akkasumas, faayinaansiin isaa kooppii fi originaalaan poostaa garaa garaan saamsamee dhiyaachuu qaba.
9. Dorgomtootni sanada caalbaasii Qarshii hin deebine qar.500 (dhibba shan) Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Lakk. Herrega Baankii 1009800101124 galchitanii Kutaa baajetaa fi Faayinaansii Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Najjootti guyyaa gaafa 13/11/2018 hanga 02/12/2018tti sa'aatii hojii mootummaatti dhiyaattanii fudhachuu ni dandeessu.
10. Caalbaasichi guyyaa Gaazexaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15 qilleensa irra kan turu ta'ee, gaafa guyyaa 16ffaa ganama sa'aatii 4:00 irratti cufamee gaafuma kana 4:30 irratti bakka dorgomtootni jiranitti banama yeroo ta'u, dorgomaan argamuu dhibuun caalbaasicha banuuf hin gufachiisu.
11. Sanadni caalbaasii gatii irratti haqaa fi laaqa kan hin qabnee fi dubbifamuu kan danda'u ta'uu qaba.
Hub:-Manni Barumsichaa filannoo addaa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutummaa guutuutti haquuf mirga qaba.STAT MAN MANA Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bilbilaa: 09 41 93 92 10 ykn 09 13 94 87 68 fayyadamuun ni danda'ama.
Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Mana Barnootaa
Ifa Boruu Bultii Addaa Sad arkaa 2ffaa Najjoo
Tender details
- Deadline: 2026-08-04
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): 16ffaa ganama sa'aatii 4:00
- Bid opening: 2026-08-04 12:00
- Bid opening (note): 16ffaa ganama sa'aatii 4:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad arkaa 2ffaa Najjoo
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published: Jul 20, 2026
- Posted at: 2026-07-21T07:13:58.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.