Godina Harargee Bahaatti, Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee, bara baajata 2019f hojii ijaarsa Poolii Ifaa Daandii (Street Lighting) Misooma Koriidaraa Phase 2 hojjechiisuu waan barbaaduuf, kontaraktaroota hayyama hojii Electromekaanikaalaa

Description

BEEKSISA CAALBAASII

Godina Harargee Bahaatti, Waajjira Maallaqa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee, bara baajata 2019f hojii ijaarsa Poolii Ifaa Daandii (Street Lighting) Misooma Koriidaraa Phase 2 hojjechiisuu waan barbaaduuf, kontaraktaroota hayyama hojii Electromekaanikaalaa qaban fi ulaagaalee armaan gadii guutuu danda'an caalbaasii ifa ta'een dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada.

I. Ulaagaalee Dorgomtootaaf Barbaachisan

1.Hayyama hojii ijaarsa kan bara 2019 (ONLINE) haarome dhiheeffachuu qaba (ykn yoo yeroon hin geenyee xalayaa qaama heeyyama haaromsuu irraa dhiheeffachuu qaba). 

2. Waraqaa Ragaa Galmee Dhiycessitootaa (PPA Registration): Galmee dhiyeessitoota mootummaa irra kan galmaa'ee fi maqaan isaa lista dhiyeessitoota irratti kan argamu tahu qaba.

3. Ragaa galmee VAT fi TIN Abbaa Taayitaa Galiiwwan irraa dhiheeffachuu qaba.

4. Ragaa kaffaltii gibiraa bara 2018 Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa ykn Federaalaa irraa dhiheeffachuu qaba.

5. Hayyama daldalaa (Renewed Trade License) damee Electromekaanikaaliitiin dhiheeffachuu qaba.

6. Kontiraaktarii sadarkaa SC - EM 2 fi isaa ol ta'uu qaba.

7. Waraqaa Ragaa Dhaabbata (Certificate of Competency): Ministeera Ijaarsaatiin ykn qaama dhimmi ilaaluun sadarkaa (Grade) contractorichaa kan ibsu waraqaa ragaa dhiyeeffachuu qaba.

8. Muxxannoo Hojii (Technical Experience): Hojii ijaarsa Poolii Ifaa ykn hojii Electromekaaniikaalii walgitu irratti yoo xiqqaate waggaa 3 YKN isa OL kan hojjate dhiheeffachuu qaba.

9. Kabachiisa Caalbaasii (CPO): Qarshii 500,000 (Kuma dhibba shan) maqaa "Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee"tiin qabsiisuu qaba.

10. Adabbii Bittaa Mootummaa: Dorgomaan kamiyuu warqaa ragaa mana hidhaa bittaa mootummaa (EGP Supplier list) irraa bilisa ta'uu isaa mirkaneessu dhiheeffachuu qaba.

11. Site Visit: Iddoo ijaarsaa dhaqee qorachuu isaa kan mirkaneessu "Site Visit Certificate"dhiyeeffachuu qaba.

12. Sanada Caalbaasii Bittachuu: Sanada caalbaasii Qarshii 10,000 (Kuma kudhan) kan hin deebine kaffaluun, guyyaa beeksisni kun Gaazexaa irratti bahee irraa eegalee guyyaa hojii 15 keessatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee, kutaa Adeemsa Bittaa irraa bittachuu dandeessu.

13. Iddoo Sanadni Itti Galu: Dorgomtoonni sanada isaanii saanduqa caalbaasii Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee itti qophaa'etti galchuu qabu.

14. Haala Qophii: Sanadni caalbaasii kopii 2 fi orgiinaala tokko ta'ee dhihaachuu qaba.

*Yaadachiisa:

I. Waajjirri caalbaasicha guutummaatti ykn gar tokkoon haquuf mirga guutuu qaba.

II. Sanadni haqaa fi laqaa qabu fudhatama hin qabu.

III. Saanduqni caalbaasii erga cufamee booda sanadni dhiyaatu fudhatama hin qabu.

IV. Odeeffannoo dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa: 0921845053, 0922903950, ykn 0979979730 yeroo hojii bilbiluu dandeessu.

Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee


Tender details

  • Deadline: 2026-08-04
  • Publishing entity: Godina Harargee Bahaatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Baabbillee
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 10,000.00
  • Published: Jul 21, 2026
  • Posted at: 2026-07-21T08:19:27+00:00

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders