Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa: Affeerraa Dorgommii Caalbaasii Biyyoolessaa Banaa Bittaa Golga Ittisa Bishaanii (Pilaastikii Addaa/Geomembrane)
Description
Affeerraa Dorgommii (Open Bid Tender)
- Qaama Bittaa Gaggeessu: Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa
- Lakkoofsa IFB: OPIDB/001/2019 NCB
- Gosa Bittaa: Bittaa Golga Ittisa Bishaanii (Pilaastikii Addaa) (Geomembrane)
- Mala Bittaa: Dorgommii Biyyoolessaa Banaa
Ragaa barbaachisu:
- Hayyama daldalaa haaromsame.
- Ragaa gibiraa qulqullinaa (Tax clearance).
- Galmee dhaabbata keessan galmee dorgomtoota biyyaalessaa irratti.
- Ragaa galmee VAT.
- Ragaa waliigalteewwan seeraa (Certificate of compliance).
Dorgomtoonni fedhii qaban guyyaa hojii Wiixataa hanga Jimaataa sa'aatii 2:30 hanga 6:30 fi Sa'aatii booda 7:30 hanga 10:30tti Sanada Caalbaasii Afaan Oromootiin qophaa'e qarshii hin deebine 1,500.00 (Kuma Tokkoo fi Dhibba Shan) kaffaluun bitachuu danda'a.
Dorgommiin guyyaa beeksisni gaazexaa irratti maxxanfamee booda guyyaa hojii 10 qilleensa irra oolee, guyyaa 11ffaa sa'aatii 4:00tti cufamee, sa'aatii 4:30tti banama. Guyyaan 11ffaa guyyaa Ayyaanaa yoo ta'e, guyyaa itti aanu sa'aatii walfakkaatuun banama.
Dorgoomtootni Ragaa kaffaltii CPO ykn Ragaa Baankii qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) maqaa Oromia Irrigation & Pastoralist Development Bureau qopheessuun dhiyaachuu qaba.
Biiroon caalbaasii kana guutummaan guutuun ykn walakkeessaan fudhachuu fi dhiisuuf mirga guutuu qaba.
Teessoo: Finfinnee,
Kutaa Magaalaa Laaftoo, Aanaa 04, Naannoo Addaa Sarbet
Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa,
Daayirektooreetii Bittaa fi Faayinaansii Gamoo 7ffaa
Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa
Tender details
- Deadline: 2026-08-03
- Publishing entity: Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaatti Waajjira Misooma Jallisii Godina Wallaga Bahaa
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 1500.00
- Published: Jul 22, 2026
- Posted at: 2026-07-22T08:18:49.000Z
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.