Oromia

Waajjirri Maallaqaa Aanaa oddoo shaakkisoo maneen hojii mootummaa meeshalee adaadaa bituu barbaadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii

Waajjirri Maallaqaa Aanaa oddoo shaakkisoo manneen hojii mootummaa Aanicha keessatti argaamanif 1. Meeshaalee Barreessaa 2. Meeshaalee Qulqullessaa 3. Meeshaalee Dhaabbii xixxiqqa biiroo keessa 4. Bittaa Korboo Konkoolaataa, 5. uffata seera 6. Elekitirooniksii fi Furniture bara bajaata 2019 tiif caal-baasil ifaatiin wal-dorgomsisce bituu barbada. Kanafuu caal-baasii irrattii dorgomtootni hirmachuu barbadaan, bu'urumaa kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni danda'a.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa bara 2018 haromsan raga sanadootaa ittin galma'an Ragaa lakkofsa TIN fotoo kooppii isaa sanadaa caal-baasii walin qabsisaan dhiyyeesuu qabu.

2.Dorgomtooni dhiyaatan galma'aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa'uu isaanitiif ragaa fotoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.

3. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexaa Kallalcha oromiyaatiin ba'ee irraa eegalee guyyota hojii /20/ Didgaama keessaattii yeroo hundaa sa'aati hojii gosa sanada caal-baasii tokkon Tokkon isaaf maallaqaa hin deebine qarshii 200.00 (dhibbaa lama) kaffaluun Adeemsa bittaa waajjira maallaqaa Aanaa oddoo shaakkisoo lakk. 3tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni danda'u.

4. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan oolu gatii tilmammaa bittaa waligalaa %2 maqaa waajjira maallaqaa Aanaa oddoo shaakkisoo CPO ykn cheekii Baankiidhaan mirkanaa'e sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.

5. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa meeshaalee barreessaa, meeshalee qulqullesaa fi meeshaalee dhaabbii xixiqqa biiroo keessaa poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun gaafa guyyaa 21ffaa sa'aati 4:00 hanga sa'aati 6:00tti Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo lakk. 3 Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

6. Caalbaasichi meeshaalee barreessaa, meeshaalee qulqullesaa fi meeshaalee dhaabbii xixiqqa biiroo keessaa gaafa guyyaa 16ffaa sa'aati 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira maallaga Aanaa oddoo shaakkisoo keessatti banama.

7.Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Bittaa Korboo konkoolaataa fi uffata seera poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun gaafa guyyaa 17ffaa sa'aati 4:00tti hanga sa'aati 6:00tti Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

8. Caalbaasichi Bittaa Korboo konkoolaataa fi uffata seera gaafa guyyaa 17ffaa sa'aa 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo keessatti banama.

9.Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Bittaa Elekitirooniksii fi Furniture poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi-kooppii addaan baasuun gaafa guyyaa 18ffaa sa'aati 4:00tti hanga sa'aati 6:00tti Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

10. Caalbaasichi meeshaalee Elekitirooniksii fi Furniture gaafa guyyaa 18ffaa sa'aati 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo keessatti banama

11. Mo'ataan caalbaasii meeshalee ittiin mo'atee hundaa hangaa Waajjira maallaqa Aanaa oddoo shaakkisoo dhiyeessuu qaba.

12. Afaan caal-baasichaa ittinii geggeeffamuu Afaan Oromiffaatiin.

Waajjiricha filannoo fooyya'e yoo argatee caalbaasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan Kan cegame dha. Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bil- 0922649172

Waajjira maallaqa Aanaa Oddoo Shaakkisoo


Tender details

  • Deadline: 2026-08-15
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): guyyaa fii sa,aatii isaa gargaraa
  • Bid opening: 2026-08-15 14:00
  • Bid opening (note): guyyaa fii sa,aatii isaa gargaraa
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqa Aanaa Oddoo Shaakkisoo
  • Bid bond: 2%
  • Bid document price: Qarshii 200.00 tokkon Tokkon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 23, 2026)
  • Posted at: 2026-07-27T09:25:02.000Z
← Back to all tenders