Vehicle purchase

Godina Booranaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Taltallee Meeshaalee Dhumeeyyii, Elektirooniksii, Goommaa Konkolaataa fi Motorsaayikilii, Uffata Seeraa hojjattootaa fi Meeshaalee Dhaabbii bara baajataa 2019'ftajaajila seektaroota sadarkaa Aanaa jiraniifbarba

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee

Godina Booranaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Taltallee Meeshaalee Dhumeeyyii, Elektirooniksii, Goommaa Konkolaataa fi Motorsaayikilii, Uffata Seeraa hojjattootaa fi Meeshaalee Dhaabbii bara baajataa 2019'ftajaajila seektaroota sadarkaa Aanaa jiraniifbarbaachisan caalbaasii ifaan dorgomsiisuun bituu barbaada. Kanaaf daldaltoonni hojii akkanaa irratti bobbaatan ATG/A/Taltalleetti qarshii hin deebine 200 (dhibba lama) kaffaluun sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa Aanaa Taltallee Kutaa ABBQTM tii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanaan 15'tti sanadicha bitachuu ni dandeessu.

Ulaagaa sanadicha bitachuuf barbaachisu

1. Gibira bara 2018 kan kaffalee fi eeyyama daldalaa bara 2019 kan haaromse

2. Waraqaa ragaa galmee dhiyeessummaa kan qabu

3.Galmaa'aa VAT kan ta'e

4. Gatii waliigalaa dhiyeessu irraa 1 % CPO baankiin mirkanaa'e/maallaqa qabsiisuu kan danda'u

5. Sanadni guutamee yeroo dhiyaatu orjinaalaa fi koppii jedhamee samiin samsamee dhiyaachuu qaba. Akkasumas tokkoo tokkoo fuula sanadichaa irratti chaappaa fi mallattoon dorgomaa jiraachuu qaba.

6. Gatii dhiyaatu kamiyyuu haqamaa fi laaqamaa kan hin qabne

7. Yeroo caalbaasiin banamu bakka bu'aan kan dhiyaatu yoo ta'e bakka bu'iinsa seera qabeessa qabaachuu qaba.

8. Guyyaa sanadni itti gurguramu guyyaa caalbaasiin kun bahe irraa eegalee hanga guyyaa 15ffaatti ta'a. guyyaa caalbaasiin itti cufamu gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 3:30'tti yoo ta'u, guyyaa caalbaasiin itti banamus guyyuma kana sa'aatii 4:00 irratti Waajjira Maallaqaa Aanaa Taltalleetti bakka dorgomtoonni ykn bakka buutonni argamanitti ni banama.

9. IMX fi dorgomaan dhuunfaa dorgommii kana irratti hirmaatan aanaa itti hojjataa turan irraa hojii dhiycessii meeshaalee qulqullinaan xumuruu ykn dhiyeessaa turuu isaanii kan ibsu waraqaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

10. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutumaan guutuutti ykn gar-tokkeen haquu ni danda'a. Odeeffannoo dabalataaf Lakk. bilbilaa: 09 25 56 77 21, 09 46 31 40 88 ykn 09 19 24 41 02

Waajjira Maallaqaa Aanaa Taltallee

 

 


Tender details

  • Deadline: 2026-08-14
  • Bid closing time: 09:30
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
  • Bid opening: 2026-08-14 10:00
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Mallaqaa Aanaa Taltallee
  • Bid bond: 1%
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
  • Posted at: 2026-08-03T08:34:11.000Z
← Back to all tenders