Disposal, scrap and surplus sales
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abb/Nya'aa Medium Density Fiber Board (MDF)gurguruu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abb/Nya'aatti Waajjirri Qonnaafi Lafaa Aanaa Abb/Nya'aa qabeenya bu'aa bosonaa Medium Density Fiber Board (MDF) seeraan alaa socha'aa ture dhaalame mana murtii Aanichaaf dhiyaatee murtii kan aragte waan ta'eef, Bu'uuruma kanaan Waajjirichi daldaltoota/dorgomtoota ulaagaa armaan gadii guutan waldorgomsiisee gurguruu barbaada.
1. Dorgomtoonni heyyama daldalaa, heyyama mirkaneessa gahumsa dandeettii daldala bu'aa bosonaa haaromeefi kaffaltiiwwan mootummaa bara bajata kanaa raawwachuu isaa kan ibsu sanada qabaachuu qaba.
2. Ragaa dabalata Esset TAX (VAT) fi lakkoofsa TIN kan qabu ta'uu qaba
3. Dorgomtoonni waa'ee caalbaasii ragaa guutuu (specification) isaa yeroo hunda guyyaa hojii Waajjira Qonnaafi Lafaa Aanaa Abb/Nya'aa Damee Egumsa Naannoo Mooraa Bulchiinsaa keessatti argamutti dhufuun qarshii 500 kaffaluun fudhachuu ni danda'u
4. Dorgomtoonni sanada caalbaasii Waajjrichi qopheesse irratti guutuun koppii fi orijinaala adda baasuun poostaan saamsee guyyaa beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyaa hojii walitti aanu guyyoota 15 keessatti waajjira qonnaafi lafaa Aanaa Abb/Nya'aatti Damee Egumsa Naannoo Mooraa Bulchiinsaa keessatti argamutti dhufuun saanduqa waajjirichi qopheesse keessatti galchuu qabu.
5. Caalbaasiin kun kana banamu caalbaasichi guyyaa bahe irraa eegalee guyyaa hojii 15ffaa sa'aatii 6:00 irratti saamsamee sa'aatii 8:00 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa bakka argamanitti kan banamu ta'ee, guyyaan kun guyyaa sanbata xiqqaa fi sanbata guddaa irra yoo oole guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaataa irratti ni banama.
6. Gatii guutame haquufi laaquun dhorkaadha.
7. Waajjirichi filannoo addaa yoo argate beeksiisa caalbaasii kana gartokkeenis ta'ee gutumaan gutuutti haquuf mirga ni qaba. Odeeffannoo Dabalataaf Lakk Bilibila 09 21 33 38 48
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abb/Nya'aa
Tender details
- Deadline: 2026-08-13
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 15ffaa sa,aatti 6:00tti
- Bid opening: 2026-08-13 14:00
- Bid opening (note): guyyaa 15ffaa sa,aatti 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abb/Nya'aa
- Bid document price: qarshii 500
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
- Posted at: 2026-08-03T09:37:43.000Z