Vehicle
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Waajjira Mana Qopheessaa bara baajataa 2019 Suzuki Desire model 2022, Suzuki Desire model 2021 Konkolaataa piikaappii Moodela 2015 fi isaa ol/ pick-up/ konkolaataa tajaajilaa
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Lakkoofsa Caalbaasii: 02/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee Waajjira Mana Qopheessaa bara baajataa 2019 Suzuki Desire model 2022, Suzuki Desire model 2021 Konkolaataa piikaappii Moodela 2015 fi isaa ol/ pick-up/ konkolaataa tajaajilaaf oolan kiraay "Caalbaasii Ifaadhaan Dorgomsiisee kireeffachuu waan barbaadnuuf akka armaan gadiitti bu'uura dambii dorgomtootaatiin caalbasii irratti dorgomuu ni dandeessu.
Haalota Tarreeffaman
Beeksifni kun guyyaa Gaazexaa irratti bahee irraa eegalee guyyaa hojii walitti fufaa/walitti aanan 10f Waajjira Maallaqaa kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti qarshii hin deebine 600/dhibba jaha/baankii Siinqeetti lakk. Acc. 1054467260319 kaffaluu/galii gochuudhaan/ 'deposit slip' Waajira Galii Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee risiitii galii kuchisiisuudhaan sanada /dokumantii waajjira Maallaqaa Gafarsaa Gujee Adeemsa Bittaa Bulchiinsaa fi dhabamsiisa qabeenyaa fi tajaajila waliigala puuliitii bitachuu kan dandeessan ta'uu ni beeksifna.
Qajeelfama Dorgomtootaa:
1. Damichaan Eeyyama daldalaa haarome Maqaa isaanitiin kan qabanii fi gibira haala qajeelfamni kaahuun kan kaffalanii fi ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
2. Kan Kaffalaa gibira lakkoofsaa adda baasaa kan qabuu fi ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
3. Kaffalaa Taaksii dabalataa galma'aa fi waraqaa ragaa kan qabu akkasumaas galmaa'ummaa Misinisteera Maallaqaa Federaalaa ykn Biiroo Maallaqaa Oromiyaa kan qopheesse meeshaa fi Tajaajila tarreeffama dhiyeessummaatti kan galmaa'ee fi Ragaa dhiyeessuu qabu.
4. Dorgomtoonni kamiyyuu Kabachiisa Caalbasii Baankiin kan mirkanaa'e/ ragga'e/CPO Qarshii 150,000(Kuma dhibba tokkoo fi shantama) Sanada Caalbasii Waliin Dhiyeessuu dirqama qabu.
5. Dorgomtoonni kiraa konkolaataa irratti hirmaatan gatii dhiyeessan irratti baasiiwwan boba'aa dibata, suphaa fi wantoota biroo dhaabbilee dorgomtootaatiin /kireessitootaan/kan uwwifamu ta'a (Konkolaataa Furtuu waliin).
6. Konkolaataa pickup Baasiiwwan, durgoo konkolaachisaa, boba'aa, dibata, suphaa fi wantoota biroo dhaabbilee dorgomtootaatiin /kireessitootaan /kan uwwifamu ta'a.
7. Dorgomtoonni mo'attoota ta'an yemmuu waliigaltee mallatteessan kabachiisa waliigaltee (Wabummaa %10) qabsiisuu qabu.
8. Dorgomtoonni sanada Caalbaasii guyyaa gaazeexaa irratti bahee jalqabee hanga 11ffaatti guyyaa Hojii mootummaatti waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Adeemsa Bittaa, Bulchiinsaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila waliigala puulii sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu.
9. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti guutuudhaan Sorginaalaa fi kooppiidhaan adda baasuun poostaan saamsuudhaan Caalbaasii hanga 11ffaatti guyyaa Hojii mootummaatti waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Adeemsa Bittaa, Bulchiinsaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila waliigala puulii Saanduqa kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabdu.
10. Caalbasichi gaafa guyyaa 11ffaa ganama sa'aatii 4:00 ni cufama guyyuma kana sa'aatii 4:30 dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera qabeessa ta'an iddoo argamanitti waajjira maallaqaa Kutaa Magaala Gafarsaa Gujee keessatti banama.
11. Waajjirichi karaa fooyya'aa (filannoo) yoo argate caalbasicha walakkeessaaniis ta'e guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eegameedha.
12. Ragaa Dabalataan yoo barbaaddan Lakk.Bilbilaa: 0112 615 767 bilbiluun hubachuun ni dandeessu.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Waajjira Maallaqaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee
Tender details
- Deadline: 2026-08-21
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa 11ffaa ganama sa'aatii 4:00
- Bid opening: 2026-08-21 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 11ffaa ganama sa'aatii 4:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gujjee
- Bid bond: Qarshii 150,000.00
- Bid document price: Qarshii 600.00
- Published on: Addis Zemen (Aug 10, 2026)
- Posted at: 2026-08-11T08:16:46.000Z