Building Construction

Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaala naqamtee Piroojektii Ijaarsa horsiisa lukkuu (poultry farm) lot 3 Godina wallagaa baha Magaala Ukkee Gandaa 01tti ijaarsisuuf dorgomtoota ulaaga guutan caal baasiif Marsaa Iffaa dhaaf affeera.

Description

WAAMICHA CAAL BAASII MARSAA 1ffaa
Lakkoofsa addaa Bittaa: NEK-MF-CW-02/2019

Waajjirri Maallaqaa Bul/Magaala naqamtee Piroojektii Ijaarsa horsiisa lukkuu (poultry farm) lot 3 Godina wallagaa baha Magaala Ukkee Gandaa 01tti ijaarsisuuf dorgomtoota ulaaga guutan caal baasiif Marsaa Iffaa dhaaf affeera.

1. Waajjirri Mana qopheessaa Bulchiinsa Magaala naqamtee ijaarsa horsiisa lukkuu (poultry farm) Magaala naqamteetti Baajata waggaa lamaa (2019) tti hojiirra oolu qabatee jira.

2. Waajjirichi ulaagaa gosa walii gala ykn kontraakteroota ijaarsaa Sadarkaa GC-1 BC-1 ta'aan hayyama isaanii bara 2018 ALI haroomfamee, Meeshalee fi Humna namaa ijaarsaaf barbaachisoo ta'aan dhiyeesse ijaarsa horsiisa lukkuu kanaa raawwachuu danda'an affeera.

3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii bitachuu barbaadan hiyyannoo barreeffama Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/naqamteetti dhiyeeffachuu fi kaffaltii hin deebine Birrii Itoophiyaa 2000(kuma lama) "Telebirr"dhaan Short Code 518210 Operator ID 248155 Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/ naqamtetti galii godhanii Nagahee Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/Naqamtee irraa kenname qabachuun guyyaa beeksifni kun jalqaba gaazexaa irratti bahe irraa eegalee hanga guyyaa dhumaatti guyyaa fi sa'aati armaan gaditti ifee jiruun Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/naqamtee lakkoofsa 03 irraa bitachuu ni danda'u. Dorgomaan ragaalee sanadoota biroo barbaachisoo ta'an kanneen armaan gadii hiyyata isaanii waliin dhiyeessuf dirqama qabu.

VII. Waraqaa Ragaa Galmee Gahumsaa ogummaa rogummaa qabu (COC) Biiroo Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa ykn Ministeera Konistiraakshinii Federaalaa irraa gosa; GC-1 BC- 1 ta'ee fi kan haaromfamee.

VIII.Hayyama Daldalaa bara 2018 yeroo caal baasiidhaaf haaromfamee fi Mirkaneessa Galmee Daldalaa qaamolee hayyamaman irraa.

IX.Waraqaa Ragaa VAT fi Ragaa galmee TIN.

X. Waraqaa Ragaa Qulqulleessuu Taaksii fi Gibira Bara 2018 kaffaluu isaa agarsiisu

XI. Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii sadarka sadarkaan jiran irraa dhiyeessu qabu.

XII. Waraqaa Ragaa Galmee Dhiyeessitoota irratti galmaa'uu isaa.

4. Dorgomtoonni Odeeffannoo Dabalataa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii, Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/naqamtee lakkoofsa 02 irraa argachuu ni danda'u.

5. Wabiin caalbaasii Wabii Baankii haala irratti hin hundoofne 500,000.00(Kuma dhibba shan qofa) guyyaa caal baasiin yaada itti kennamee booda guyyaa180 (dhibbaa tokko fi saddeettamaa) fkan hojjetu ta'uu qaba. Wabii caal baasiitiif Birriin 500,000 bifa wabii Baankii haala irratti hin hundoofneen Maqaa Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/naqamteetiin ragaan Orijinaal dhiyaachuu qaba.

6. Caal baasiin akkaata hojimaata caal baasii Biyyoolessaa (NCB) banaa Labsii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argamuun kan geggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha kunis (sadarkaa lama: sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaa dha. Lammaffaan sadarkaa:- madaallii faayinaansii dha)

7. Tuutni sanada caalbaasii Afaan Oromoon guutuu ta'ee dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu danda'a. akkuma armaan olitti ibsamee Birrii Itoophiyaa 2000(kuma lama)"Telebirr"dhaan Short Code 518210 Operator ID 248155 Waajjira Galiiwwanii Bul/Mag/naqamtee irratti galii godhanii Nagahee Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Bul/Mag/naqamteetti dhiyeessuun guyyaa walitti fufaa sanbataa dabalate guyyaa beeksisii kun bahee irraa eggalee guyyaa 21ffaa (Digdamii Tokkoffaa) qilleensarra kan turuu ta'e wiixataa hanga sanbata guddattii sa'aati 2:30- 6:30 fi waaree booda sa'ati 7:30-11:30tti sanada caal baasii qophaa'ee fudhachuu danda'u. Dhiyeessuu fi baniinsa Caalbaasii

8. Dorgomtoonii sanadaa Caal-baasichaa (bid docement)hundaa irratti Mallattoo Teessoo fi Chapaa itti goochuudhaan Orijinaalli fi warabbiin sanadaa yaada dorgommii Teeknikaa Orjinaalii tokko fi Koppii tokkon qofaa qofaan qopha'ee, saamsamee Poostaa tokkotti samsamee akkasumas dhiyyeessii faayinaansii Orjinaalii tokko fi Koppii tokkon qofa qofaan qopha'ee,saamsamee Poostaa tokko samsamee Hapheen Samsamee poostan teekinikaa fi faayinansii qofa qofan adda bahe qophee saamsamee envelope haadhoo tokko keessa ka'amee kan dhiyyatuu ta'a. Envelooppin alaa kun odeeffannoowwan biroo akkaata qajeelfama dorgomtootaa keessatti ibsameen kanneen akka teessoo dhiyeessi, Chaappaa dorgomaa, dhaabbaticha keessatti nama aangoo seera qabeessa qabuun mallatta'ee kan cuqqaalamee(saamsame) ta'uu mallattoo fi maqaa guutuu, lakka bilbila, maqaa mana hojii caal baasii baasee, lakkoofsa addaa piroojektichaa fi Koree Caal baasii Qofa Biratti Banama kan jedhu ifatti qalama gadi hin gadhiisneen irratti barreeffamuu qaba. Wabiin kabachiisa caalbaasii Orijinaal sanada Teeknikaa Orijinaala keessa ka'aamuun dhiyaachuu qaba.
9. Caal baasichi guyyaan xumura dhiyeessi sanada yaada dorgommii xumure guyyuma sanatti Waajjira Maallaqaa Bul/Mag/naqamtee Darbii 2ffaa Lakkoofsa 01tti sa'aati biyya keessa Waaree dura sa'aati 3:30tti sanadni yaada dorgomii dhiyyatee cuufamee guyyama sana waaree duraa sa'ati 3:45tti guyyaa hojii 22ffaa (digdamii lammaffaa) tti ni banama.

10. Sanadi dhiyeessi faayinaansi cufamee kan turuu fi sanduuqa kanaaf qophaa'e keessatti bakka qaamni mana hojichaan hiyyamame kamiyyuu jirutti, hanga dhiyeessi faayinaansi dorgomtoota gahumsa qaban beeksisan banamutti ni qabata.

11. Envelope Dhiyeessi faayinaansi dorgomtootaa ulaagaa teeknikaa ulaagaa guutan (Fitted) fi isa ol ta'aan qofaf faayinaansi ni banama. Manni hojii guyyaa fi sa'aatin banamu waajjirri mallaqaa dorgomtootaaf ni ibsa.

12. Sanada sobaa fi yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessi faayinaansi agarsiisuuf yaaliin yoo godhamee manni hojii dorgomicha dorgommiin ala ni taassisa.

13. Manni hojichaa"sanada yaada dorgommii teeknikaa fi faayinaansii"envelope keessatti akkataa armaan olitti ibsameen hin dhiyyeessine kufaa godha.

14. Hojiirra oolmaan caal baasichaa guyyaa caal baasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalandarii150f ta'a.

15. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalandarii 365(dhibba dhibba sadifi jatami shan) ta'een kan xumuramu ta'a.haalli mijataan yoo jiraate (baajata guutuu qabaachuu) abbaan piroojektii guyyaa hojii xumurame xiqqeessu ni danda'aa.

HUB:- Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaala naqamtee caal baasii hunda fudhachuu ykn  diduudhaaf gar-tokkeen haquuf mirga nii qaba.

ITOOPHIYAA
OROMIYAA NAQAMTEE
 Odeeffannoo dabalataaf Lakk BIL: 0578901032
Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaala Naqamtee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-04
  • Bid closing time: 09:30
  • Bid closing (note): 22ffaa (digdamii lammaffaa) irratti waaree dura sa'aatii 3:30tti ni banama
  • Bid opening: 2026-09-04 09:45
  • Bid opening (note): 22ffaa (digdamii lammaffaa) irratti waaree dura sa'aatii 3:45tti ni banama
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 11, 2026)
  • Posted at: 2026-08-11T12:21:31.000Z
← Back to all tenders