Shoes and Other Leather Products

Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Lixaa Hojii Seektaroota Godina Bara 2019 tiif kan olu Meeshaalee adada bituu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Biiroo Marsaa 1 Bara 2019

Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Lixaa Hojii Seektaroota Godina Bara 2019 tiif kan olu

 Uffata Seeraa, Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektroniksii, Meeshaalee dhaabbataa Biiroo keessaa, fi Gommaawwan Konkolaataa labsii bittaa mootummaaNaannoo Oromiyaa Lakk 157/2002 fi Qajeelfama Bittaa mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.02/2004 irratti fi qajeelfamoota isaan bu'uureffatanii fooyya'nii bahan irratti hunda'udhaan Caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Balli'inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallachaa Oromiyaa irratti bahe calqabee gosoota fi waliigala odeeffannoo meehsaalee bitamuuf barbaadaman kan ibsu sanada caalbaasii akaakuu bittaa tokko tokkoo qopha'e kan hin deebine qarshii 1000 (Kuma tokko) herreega baankii keenya Baankii Siinqeetti Tele Birriidhaan /Koodii gabaabaa 541445 fi Operator ID 890411/ galchuudhaan Wajjira Galii Godinaatti naga'ee fudhachuudhaan yeroo hunda sa'atii hojii waajjira keenya Waajjira humna Ibsaa Damee Amboo fuuldura tti argamu gamoo waajjira Maallaqaa Godina shawaa Lixaa Kutaa Bittaa fi Bul. Qabeenyaa dhufudhaan bitachuun ni danda'ama.

Dirqama

Dorgomtootaa /Ulaagaa Dorgomtoonni guutuu qaban/

1. Gibira Bara kanaa Kan kaffalanii fi Zarfii daldaala meeshichaatiin heyyama daldala haarome Kan qaban, ragaa footoo kopiii qabatamaa dhiyeessuu qabu.

2 Galma'aa taaksii dabala qabeenyaa Kan ta'an footoo kopii sartafikeetii VAT dhiyeessuu qabu.

3 Tarree dhiyeessitootaa Keessatti kan galma'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maalaqaa ykn caasaalee sadarkaan jiran irraa baasanii koppii isaa dhiyeessuu kan danda'an,

4 Dorgomtoonni kamiyyuu baayina gatii waliigala kennitaniin kan shallagamu meeshaalee gosa akaakuu bittaa SC qophaa'e tokko irratti kabachiisa caalbaasii maallaqa caallaa waliigaltee booda deebi'u Qar. 50,000.00 (Kuma Shantama) herrega baankii maqaa waajjira keenyaatiin Baankii Siinqee jiru Lakk. 1071403051215 tti galii taasisuun nagahee galii adeemsa bul. faayinaansii waajjira keenyaatti erga itti citeen booda koppiin nagahee kanaa sanada caalbaasii waliin poostaa saamsame faana dhiyaachuu qaba.

5  Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkoon ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti qofa guutuudhaan Orjinaala isaa fi Footoo kopii isaa adda aaddatti (qofa qofaatti) poostaa samsamameen caalbaasiin kun guyyaa gaazexaa irratti bahee eegalee kan lakka'amu hanga guyyaa hojii 15 tti sa'aatii hojii kan gurguramu ta'ee, hanga gaafa guyaa hojii 16 waaree booda sa'a 8:30 irratti waajjira keenya armaan olittii bsametti saanduqa caalbaasii kanaaf qopha'e keessa galchuu qabu.

6 Caalbaasiin kun guyyaa 16 armaan ol lakkoofa 5 irratti ibsame waaree booda sa'aatii 8:00 irratti cufamee guyyuma kana sa'atii 8:30 tti dorgomtoonnii ykn bakka bu'oonni seeraa isaaniifii qaamoleen irratti hirmmaachuu barbaadan ykn barbaadan bakka arggamanitti ni banama. Dhaabbatni caalbaasicha galche ykn bakka bu'an yoo jiraachuu baates poostaan isaani ni banama.

7 Dorogomtoonni Caalbaasii kana irratti mo'ataa ta'an kamiyyuu yeroo waliigaltee mallatteessan gatii  waliigalaa meeshaalee mo'atanii %10 Wabummaa raawwii caalbaasiichaa Maallaqa callaa herrega baankii maqaa waajjira keenyaatiin Baankii Siinqee Lakk. 1071403051215 tti galchee naga'ee waajjira keenyaa kutaa bul. Faayinaansii irraa fudhchuudhaan waliigalteedhaaf dhiyaachuu qabu. Dorgomtoonni mo'ataa fi mo'ataman caalbaasicha erga ifa ta'ee waliigaltee mo'ataa waliin galamee booda kabachiisni caalbaasii duraa sanada caalbaasii wajjin galchan fudhachuu ni danda'u.

8.Dorgomtoonni caalbbaasii kana mo'atan baasii kamiyyuu danda'udhaan meeshaalee irratti mo'atan mana kuusaa waajjira Maallaqaa Godina shawaa Lixaa Magaalaa Ambotti dhiyeessuu qabu

9 Kaffalii Maallaga gatii meeshaalee dhiyaataniif taasifamuuf akka mija'u dhiyoessan kamiyyuu herrega Baankii Siinqee qabaachuu fi beeksisu qabu.

10 Wasjjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkes ta'ee gutummaa guututti Haquadhaaf mirga qaba.

11 Dorgomaan hundumtuu poostaa sanada yaada dorgommii dhiyeessu duuba isaa irratti bilbila dhaabbata isaanii ykn maanajara dhaabbata isaanii kan hojjetu, Telegiraamii fi E-mail isaanii kan hojjetu ifaatti barreessuu qabu. Ragaa dabalataan barbaadamuuf Lakkoofsa Bilbilaa 0 11-260-96-34/0911-35-34-32

 Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-31
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Bid opening: 2026-08-31 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Lixaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 tokko tokkoon
  • Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T07:02:22.000Z
← Back to all tenders