Shoes and Other Leather Products

Waajjira Maallaqaa Aanaa Dandii Seektarootaa Mootummaa Aanaa Keessa jiraniif Meeshaalee tajaajilaa birrootiif olan Uffata Seeraa hojjettootaa, Meeshaalee barrefamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektiroonksii, Meeshaalee Farnicharii fi Afataale add

Description

Beeksisa Caalbaasii

Waajjira Maallaqaa Aanaa Dandii Seektarootaa Mootummaa Aanaa Keessa jiraniif Meeshaalee tajaajilaa birrootiif olan Uffata Seeraa hojjettootaa, Meeshaalee barrefamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektiroonksii, Meeshaalee Farnicharii fi Afataale addaa adda,Gommaa konkolataa fi motar saayikilootaa, Meeshaalee Leenjii Koleejjii Pooliii Teeknikaaf oolan dhaabiifi dhumeyii Caalbaasii Ifaatiin Aanaa Dandii Magaalaa Giincii irraatti dorgomsiisee Bittachuu barbaadaa.

Ulaagaalee Dorgomtoonni guutachuu qaban

1. Heeyyema Daldaala Seera qabeessaa kan qabanii fi Gibira Bara kan Kaffalee fi kan haroomsiifatee fi raga dhiyeefachuu danda'uu.

2. Dorgomaan bittaa gatiin isaa Qar. 100,000.00 ol ta'e irratti hirmaatu kamiyyuu kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaaf /VAT/galmaa'uu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa dhiyeessuu qaba.

3. Dorgomtoon Sanada Calbaasiif qophaa'ee Guyyaa beeksiin Kun Gaazeexaa Kalacha Oromiiyaa irraatti maxxafamee bahee Irraa kaasee guyyaa hojii 15 keessatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dandii Biiroo Lakk.5 Qaamaan dhiyaachuudhaan Sanada Caalbaasii gosa tokkof Qarshii 1,100 Hin deebineen bittachuu fudhachuu ni danda'uu.

4. Dorgomaan Kabachiisaa Caalbaasii Maqaa Waajjira Maallaaqaa Aanaa Dandii (Dendi Woreda Finance Office)Lakk Akkaawuntii Baankii Siinqee lakkoofsaa herreegaa 1052524471219 Sanada Caalbaasii gosa tokkof Qarshii 25,000 maallaqa callaan galii goochun Baankii Slipii ykn,C.P.O, wabummaa Baankiitin(baank Inshuraansii sanada Orijinaalaa waliin dhiyeesuu qaba.

5. Dorgomtoonni sanada Gatii meeshaaf ittin guutanii VAT waliin gutachuudhaan Mallataa'ee Chaapeefamee Orijjinaalii fi kopii isaa Poostaa kessaa Qophaa Qophaa ka'uudhaan saamsuudhaan Postaa irratti fuula karaa tokkon Maqaa, teessoo fi bilbilaa Dorgomaa isaa ibsuudhaan karaa Postaa Fuula birraattin caalbaasii ifaa Bittaa Meeshaa Waajjira maallaqaa Aanna Dandii Bara baajataa 2019 jeechuudhan bareesanii Sanduuqa calbaasiif qophaa'ee Waajjira Maallaqaa A.Dandii birroo lakk.2 hanga 28/12/2018 sa'atti 4:00w.d galchuu nidanda'uu.

6. Sanduugni Calbaasiichaa gaafa 28/12/2018 4:00w.d ni cuufamaa(Saamsamaa)

7. Caalbaasiichii gaafuumaa kana 28/12/2018 sa'attii 4:30w.d Irratti Dorgoomtootaa ykn bakka bu'ootni isaanii bakka Argamaniitti ifaatti ni saaqamaa.

8. Waajjirichi Daandii foyyo'aa yoo argatee caal-baasicha gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti haquuf mirga isaa egamaadhaa. Odeeffanno dabalataaf:-Lakk. Bilbi. 0112581849, 0911893918 ykn 0911728231 Bilbiluudhaan gaafachuu ni danda'amaa. Teessoo:-Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Godiina Lixaa Shawaa Aanaa Dandii Magaalaa Giincii.

Waajjira Maallaqaa Aanaa Dandii.


Tender details

  • Deadline: 2026-09-03
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid opening: 2026-09-03 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Dandii.
  • Bid bond: qarshii 25000
  • Bid document price: qarshii 1100
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T07:29:47.000Z
← Back to all tenders