Shoes and Other Leather Products
Godina Gujii Bahaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aagaa Waayyuu maneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif Meeshaalee adadaa bituu barbadaa
More tags
Description
Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Marsaa 1 Bara 2019 Bahe
Godina Gujii Bahaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aagaa Waayyuu maneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif 1, Bittaa Uffata Seeraa 2, Meeshaalee Eelektirooniksii 3, Meeshaalee Qulqulleessaa 4, Meeshaalee Dhaabbii Xixiqqaa Biiroo 5, Meeshaalee Barreeffamaa 6, Meeshaalee Dhaabbii (Furniture) fi 7, Korboo Konkolaataa Bara Baajataa 2019tiif caalbaasii ifaatiin Wal-dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu caalbaasii kana irratti dorgomtootni hirmaachuu barbaadan, bu'uuruma kanaa gaditti ibsameen dhiyaattanii dorgomuu ni dandeessu.
1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaaniitiin heeyyama daldalaa bara 2019 haaromsuu isaanii seera qabeessa ta'ee gibira bara 2018 kan kaffalan, facaatii /list/ kennaa tajaajilaa keessa ragaa sanadootaa ittiin galmaa'anii fi Galma faayinaansii fi Ragaa lakkoofsa TIN footoo koppii isaa sanada caalbaasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.
2. Dorgomtoonni dhiyaatan galmaa'aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa'uu isaaniitiif ragaa footoo koppii dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.
3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa kallacha oromiyaa irratti maxxanfamee bahee eegalee guyyoota hojii 15/kudha shan/ keessatti yeroo hunda sa'aatii hojii maallaqa hin deebine qarshii 300 (dhibba sadii) kaffaluun Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa Waajjira maallaqaa Aanaa Aagaa waayyuu lakk. 10tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni danda'u.
4. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasiitiif kan oolu gatii tilmaama bittaa waliigalaa irraa %2 maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Aagaa waayyuutiin CPO ykn cheekii Baankiidhaan mirkana'e ykn maallaqa callaadhaan ykn qama seera qabeessa isaan gurmeesse irraa xalayaa deeggarsaa poostaan saamsuun sanada orijinaala caalbaasicha keessa galchuun dhiyeessuu qabu.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa uffata seeraa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee qulqulleessaa dhaabbii xixiqqaa biiroo keessaa, korboo konkolaataa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii (furniture), poostaa samiin saamsameen, Orijinaalaa fi koppii addaan baasuun poostaa haadhoo keessa galchuun samiin saamsuun gaafa guyyaa 16ffaa bara 2019tti sa'aatii 4:00 hanga sa'aatii 6:00tti Waajjira Maallaqa Aanaa A/Waayyuutti saanduqa caalbaasichaa kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
6. Caalbaasichi uffata seeraa, Meeshaalee Barreessaa Meeshaalee qulqulleessaa Dhaabbii xixiqqaa biiroo keessaa, korboo konkolaataa, Meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee Dhaabbii (furniture), gaafa guyyaa 16ffaa bara 2019tti sa'aatii 8:00 irratti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni bakka bu'ummaan isaanii seeraan kan mirkanaa'e qabachuun, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma waajjira Bulchiinsa Aanaa Waayyuu keessatti ni banama.
7. Mo'ataan caalbaasii meeshaalee ittiin mo'ate hunda hanga waajjira Maallaqaa Aanaa Aagaa Waayyuutti dhiyeessuu qaba.
8. Afaan caalbaasichaa ittiin gaggeeffamu Afaan Oromootiin.
9. Waajjirichi caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan kan eegameedha. Odeeffannoo Dabalataaf Lakk.Bilbilaa 0921335304, 0913007049 ykn 0916639884
Waajjira Maallaqaa Aanaa Aagaa Waayyuu
Tender details
- Deadline: 2026-08-31
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 6:00tti
- Bid opening: 2026-08-31 14:00
- Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Aagaa Waayyuu
- Bid bond: 2%
- Bid document price: Qarshii 300.00 tokkoon tokkoon
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
- Posted at: 2026-08-15T08:02:33.000Z