Shoes and Other Leather Products

Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walisoo Caalbasii Ifaa Marsaa Jalqabaa Bara Baajata 2019 Meeshaalee adadaa bituu barbadaa

Description

Beeksisa Caalbaasii

Godina Shawaa Kibba Lixaatti Mana Murtii Aanaa Walisoo Caalbasii Ifaa Marsaa Jalqabaa Bara Baajata 2019 Manni Murtii Aanaa Walisoo bittaa meeshaalee garagara akka: Uffata dambii hojjatootaa Meeshalee barreeffamaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee dhuumaa fi meeshaalee dhaabbii caalbaasii ifaa tiin wal dorgomsiisee bittachuuf dhiyeessitootaf waamicha taasisee jira

Ulaagaalee Dorgommiif Barbaachisan;

1. Hirmaatonni Caalbasii irratti hirmaachuuf hayyama daldalaa seeraa qabeesa fi gibira bara kana kafalan akkasumas Hayyamaa Daldalaa haromfamee fi kafalaa Vaatii kan ta'an lakk.TIN dhiyeessuu kan danda'an

2. Sanadoota dorgommiif barbaachisan Orijinaalaa fi kophii isaa poostaa adda addaatti samiidhan saamsaanii dhiyeeffachuu qabu.

3. Sammuda (Sample) Caalbaasiin duratti dhiyeeffachuu kan danda'u

4. Sanadni Caalbaasichaa Haqamaaf Laaqama tokko malee guutamee poostan saamsamee dhiyyachuu qabu.

5. Dorgomtootni sanda dorgommii dhiyaatu irratti Maqaa, Teessoo, Lakk.bilbilaa, Chaappaa fi maallattoo isaanii guutuu qabaachuu qaba.

6. Dorgomtootaa dhuunfaa warraa ta'aniif kabachiifni Caalbaasiin booda deebi'uu qarshii 5000 (CPO) Cheekiidhaan deggaramee ykn mallaqaa Callaa Harkaatti kan kaffaalanif waldalee IMX warra ta'anif immoo qarshiin armaan olitti tuqame kanaa irraatti wabummaa qamaa isaan gurmeesse irraa xalayaa seeraa qabesaa ta'ee dhiiyyeefachuu kan daandaa'u wajjiraa Mana Murtii A/Walisootti kan ibsu akkasumas guyyaa Caalbaasiin bahee qilleensaa irraa ture irraa lakkoofsaa caalbaasichaa kan ibsu danda'u warra dhiyeeffachuu danda'an qofa ta'uu qaba.

7. Dorgomtootni guyyaa Caalbaasiin kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 14(kudha Afur) keessatti ganama sa'atii 2:30-10:00 tti Mana Murtii Aanaa Walisoo biiroo Lakkoofsa 04 dhiyaachuun qarshii 200 kan hin deebine kaffaludhaan sanada waa'ee caalbaasii ibsu fudhachuun gatii meeshaalee tokkoon tokkoon ittiin dhiyaatu kan ibsu Poostadhaan saamsun

guyyaa beeksisni kun bahe kaasee hangaa guyyoota hojii 15fatti sa'aatii 8:30 tti biiroo lakk.4 tti akka galchitan ta'e caalbaasiin sa'aatii 8:40 kan banamu ta'a. Manni Murtiichaa filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasiicha irratti hin dirgamu.

Ibsa dabalataa

1. Iddoon Sanadni bitamu Godina Shawaa Kibba Lixaa Waajjira Polisii Aanaa Walisoo Cinaa Mana Murtii Aanaa Walisooti. Lakkoofsi bilbilaa 011 366 4491 ykn 011 366 4032

Manni Murtii Aanaa Walisoo


Tender details

  • Deadline: 2026-08-27
  • Bid closing time: 14:30
  • Bid closing (note): Guyyaa hojii 15fatti sa'aatii 8:30 tti
  • Bid opening: 2026-08-27 14:40
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii 15fatti sa'aatii 8:40 tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Manni Murtii Aanaa Walisoo
  • Bid bond: Qarshii 5,000.00
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T08:47:24.000Z
← Back to all tenders