Shoes and Other Leather Products

Godina Shaawa Lixaatiti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Amboo bara bajataa 2019 tiif kan ooolu Meeshaalee bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Lakk 01/2019

Godina Shaawa Lixaatiti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Amboo bara bajataa 2019 tiif kan ooolu Uffata secraa hojjettootaa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa. Meeshaalee Dhaabbii, Farniicharii fi Meeshaalee Eleektroonilksii, Meeshaalee Dhumeeyyii Biiroo keessaa, Goommaa Konkolaataa fi Doqdoqqee labsii Bittaa Mootummaa Naannoo Oromivaa baaseen caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee seektaroota Aanaa keenyaa keessa jiran hundaaf bituu barbaada.

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa kallacha Oromiya irratti bahee eegalee gosootaa fi waliigala odeeffannoo meeshaalee barbaadoman kan ibsu sanada caalbaasii gosa bittaa tokkoon qophaa'e Waajjira Galliiwwan A/Ambootti qarshii 1,000.00 (kuma tokkoo) hin deebine kaffaluudhaan yeroo hunda sa'aatii hojii mootummaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Amboo Kutaa Bit/Bulchinsa Qabeenyatti argamuun Sanada fudhachuu ni dandeessu.

Dirqama Dorgomtootaa

1. Gibira barichaa kan kaffalanii fi tarree daldala meeshichaatiin eeyyama daldalaa haarome kan qaban ta'ee ragaa qabatamaa dhiyeessuu kan danda'an.

2. Akkaataa qajeelfama dabalataa qabeenyaa VAT % 15 keessa bittaa raawwatame qarshii 20,000 ol yoo ta'e kara mana hojichaa %7.5 cite kan hafu ta'e nagahee seera qabeesaa ni kennama, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Mallaqaa bittaa mootummaa qarshii 10,000 of rawwatamuuf % 3 kute hanbisuuf dirqama qaba.

3. Tarree dhiyeessitootaa keessati galmaa'anii fi ragaa galmee dhiyeesummaa Ministeera Maallaqaa irraa dhiyeessuu kan danda'an

4. Dorgomtoonni kabachiisa wabummaa caalbasiichaa IMX ykn kan dhuunfaa CPO qarshii. 20,000 (Kuma digdama) sanada caalbaasichaa keessaa waliin CPO Baankiin mirkanaa'ee maqaa Waajjira Mallaqaa Aanaa Amboo Baankii Sinqee Lakk Herregaa 105270041217 qabsisu qaba.

5. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tokkoo ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti guutuudhaan orijinaala isaa fi kooppii isaa adda-addaatti poostaa gagaadhaan saamsamee hanga gaafa 28/12/2018 guyyaakeessaa sa'aatii 8:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Amboo Kutaa/Bit/Bu/qabeenyyaatti sanduuqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qaba. caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa irratti ba'e guyyaa 07/12/2018 eegalee guyyaa hojii walitti Aanuuf guyyoota 15 (kudha shan) qilleensa irra oola (sanadni ni gurgurama),

6. Caalbaasiin kun guyyaa armaan olitti lakk 5 irratti ibsame guyyaa keessaa sa'aatii 8:30 tti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa fi qaamoleen irratti hirmaachuu qaban bakka argamanitti,yoo argamu baatus ni banama

7. Dorgomtoonni mo'atan yeroo waliigaltee mallatteessan gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan irratti % 10 wabummaa raawwii caalbaasicha baankiidhaan kan raggaasifame (CPO) seera qabeessa dhiyeessuu qabu Dorgomtoonni mo'ataman (caalbaasicha kufan) mo'ataa fi mo'atamaan caalbaasichaa eega ifa ta'ee booda kabachiisni caalbaasii dura dookumantii caalbaasii wajjin galchan battalumatti fudhachuu ni danda'

8. Dorgomtoonni mo'atan baasii kamiyyuu danda'uudhaan meeshaalee mo'atan mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Ambootti dhiyeessuu qabu

9. Gatin dhiyaatuu VAT waliin ta'uu isaa ifatti ibsamuu qaba.

10. Waajjirichi mala ykn filannco biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkeenis ta'e guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga qaba.

11. Mo'ataan meeshalee mo'ateef yeroon qulqulinaan gosaan dhiyessuuf qaamaan dhiyaatee waligaltee mallatteessuu qaba

12. Wajjirri gatii meeshaa kaffaluu kan danda'u meeshaa gaafatame gutuumaan guutuuttii meeshaa gafatamee galii yoo taasise qofadha Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilbilaa, 09 67 40 21 22, 09 32 49 55 07ykn 09 10 97 07 50 

Godina Shaawa Lixaatiti Waajjira Maallaqaa Aanaa Amboo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-03
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-09-03 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shaawa Lixaatiti Waajjira Maallaqaa Aanaa Amboo
  • Bid bond: Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00 tokko tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T09:04:57.000Z
← Back to all tenders