Shoes and Other Leather Products

Godina Shawaa Kaabaa Bul/Magaala Fiicheetti Waajjira Maallaqaa Bara Baajata 2019 Meeshaalee Bituu Barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa

Godina Shawaa Kaabaa Bul/Magaala Fiicheetti Waajjira Maallaqaa Bara Baajata 2019 Bittaa Meeshaalee Uffata Seeraa (Lootii-Iffaa); Meeshaa Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhumaatii Biirookeessaa, Meeshaalee Dhaabbataa (Elektironiksii, Farniicharii), Gommaa konkolaataa fi meesha ijaarsaa (Lootii -2ffaa); Afeerraa Gosa Adda Addaa (Lootii-3ffaa); Maxxansaalee Gosa Adda Addaa (Lootii-4ffaa); Suuphaa Meeshalee Elektirooniksii (Lootii-5ffaa); fi Meeshaalee Leenjii Poolii Teekinika Fiichee (lootii-6ffaa) Caalbaasii Ifaatiin dhiyeessitoota Dorgomsiisee Seektaroota Magaalaatiif Bituu Barbaada.

Ulaagaalee Caalbaasichaa

1. Dorgomtootni hayyama hojii daldala seera qabeessaa Kan Bara 2018 haaromfame dhiyeeffachuu qabu.

2. Dorgomtootni Facaatii dhiyeessitootaa keessatti galma'aa ta'uu isaanii waraqaa ragaa Kooppii Dhiyeeffachuu qabu.

3. Dorgomtootni Ragaa Galmaa'aa taaksii dabalataa (VAT) fi ragaa lakk. Addaa Baasaa Kaffalaa gibiraa (TIN) kooppii dhiyeeffachuu qabu.

4. Dorgomaan kamiiyyuu Ragaa Galmaa'aa EGP(Electronic Government Procurement) ta'uu isaa agarsiisu Kooppii Dhiyeeffachuu qaba.

5. Dorgomaan kamiiyyuu Gosa meeshalee Samudni (Saampiliin) akka dhiyaatu Sanada Caalbaasii keessatti ibsame irratti guyyaa baniinsa caalbaasii akkaataa gafatamaniin kan hin dhiyeessine yoo ta'e sanadni isaa guutumaguututti kufaa ta'a (hin banamu).

6. Dorgomtootni sanada caalbaasii guyyaa caalbaasiin kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee bahe irraa kaasee guyyaa hojii walitti aanaan 15 keessatti waaree dura sa'aatii hojii mootummaa 2:30-6:30 waaree booda 7:30-11:30 tti tokkoon tokkoon lootii ykn sanadaatiif Qarshii hin deebine 300 (dhibba sadi) kaffaluudhaan Waajjira Maallaqa Bul/ Magaala Fiichee lakk.2 tti dhiyaachuun bitachuun ni danda'ama.

7. Caalbaasiin kan banamu gaafa guyyaa 16ffaa waaree booda sa'aatii 9:00 irratti saanduqni cufamee guyyuma kana sa'aatii 9:30 irratti bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan seera qabeessaa jirutti ni banama. Guyyaan 16ffaan Guyyaa hojiitii ala yoo ta'e, guyyaa hojii itti aanu sa'aatii wal fakkaatuutti ta'a.

8. Dorgomaan kamiiyyuu kabachiisa caalbaasitiif qarshii Deebi'u 150,000 (kuma tokkoo fi kuma shantama) 'Account' Imaanaa (1070552321213) Maqaa Waajjira Maallaqa Bul/ Magaala Fiicheetiin baname irratti Galchuun Ragaa Baankii irraa mirkanaa'e qofa sanada orijinaala caalbaasichaa waliin qabsiisuun qabu. Hubachiisa: CPO dhaan dhiyeessun Caalbaasii kana keessatti dhorkamee jira

9. Dorgomtootni lootii adda addaa bitan kopha kophaa isaa (addatti) poostadhaan saamsuun maqaa irratti barreessanii orjinaalaa fi koopii dhiyeessuu qabu.

10. Moo'ataan caalbaasii meeshaalee moo'ate hunda baasii ofii isaa danda'ee hanga Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaala Fiicheetti kutaa qabeenyyatti dhiyeessu qaba.

11. Waajjirri baayyina meeshaalee guutumaan guututti ykn gartokkeen akka dhiyeessan ajajuu ni danda'a.

12. Meeshaalee moo'atan haala barbaaddameen qulqullinni isaa yoo hir'ate ykn dogorgorri yoo uummame kan itti gaafatamu moo'aticha ykn dhiyeessaa ta'a.

13. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa irratti komii yoo qabaatan akkaataa labsii bittaa mootummaa bu'uureeffachuun komii isaanii dhiyeeffachuu ni danda'u.

14. Dorgomtootni sanada caalbaasii irratti gaaffii ykn yaada yoo qabaatan sanada osoo hin galchin guyyaa 5/ shan/ dura gaafachuu ni danda'u.

15. Waajjirichi caalbaasicha filannoo biraa yoo argate guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquu ni danda'a.

16. Dorgomtootni dorgomuu kan danda'an gosa hayyama fi ragaa dhiyeessummaa akkasumas ragaa seera qabeessa guutuu ta'e qaban qofa irratti ta'a.

17. Odeeffannoo guutuu isaa sanada caalbaasii qophaa'eerraa argachuu ni danda'ama Odeeffannoo dabalataa lakk.bilbilaa 01-11-35-10-11

Waajjira Maallaqaa Bul/ Magaala Fiichee


Tender details

  • Deadline: 2026-08-31
  • Bid closing time: 15:00
  • Bid closing (note): gyyaa 16ffaa sa,aatti 9:00tti
  • Bid opening: 2026-08-31 15:30
  • Bid opening (note): gyyaa 16ffaa sa,aatti 9:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Bul/Magaala Fiichee.
  • Bid bond: Qarshii 150,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 13, 2026)
  • Posted at: 2026-08-15T09:16:06.000Z
← Back to all tenders