Building Construction

Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Arsii, baajata bara 2019 qabateen piroojektii ijaarsa suphaa gamoo, ijaarsa kaafteeriyaa haarawaa, mana hojjettoota eegumsaa fi dallayaa waajjirichaa dhaabbilee/kontiraakteroota hojii ijaarsa waliigalaa sadar

Description

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa
Lakkoofsa Addaa Bittaa: - W/M/M/M/G/A/01/2019

Waajjirri Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Arsii, baajata bara 2019 qabateen piroojektii ijaarsa suphaa gamoo, ijaarsa kaafteeriyaa haarawaa, mana hojjettoota eegumsaa fi dallayaa waajjirichaa dhaabbilee/kontiraakteroota hojii ijaarsa waliigalaa sadarkaa sadii fi isaa ol (GC-3 and above) fi dhaabbata hojii ijaarsa gamoo sadarkaa lamaa fi isaa ol (BC-2 and above) wal dorgomsiisee hojjechiisuu barbaada. Kanaaf, dhaabbanni ulaagaalee armaan gadii guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan ni affeerra.

1. Dhaabbata bittaa ijaarsaa waliigalaa sadarkaa sadii fi isaa ol (GC-3 and above) fi ijaarsa gamoo sadarkaa lamaa fi isaa ol (BC-2 and above) gaafatameef waraqaa ragaa heeyyama hojii ijaarsaa rogummaa qabu bara baajatichaa haaromsiifame, ragaa kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT)", "lakk. kaffalaa gibiraa (TIN)", "waraqaa ragaa dhiyeessummaa "e-GP poortaala Ejansii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa irratti galmaa'ee, heeyyama daldalaa haaromfamee fi ragaa walitti bu'iinsa faayidaa hin malle dhiyeeffachuu qaba.

2. Dabalataan dorgomtoonni xalayaa gibira (ashuura) bara xumuranii kaffaluu isaanii ibsuu fi caalbaasii irratti hirmaachuu isaan dandeessisu Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii sadarkaan jiru (qaama gibira sassaabu) irraa dhiyeeffachuu qaba.

3. Dorgomaan fedha qabu sanadni caalbaasii argachuu kan danda'u (gurgurtaan) qarshii hin deebine 2000.00/ kuma lama/lakk. herreega Baankii Sinqee maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitiin banamee jiru akkaawontii 1071378041218 galii gochuun sanada caalbaasiif qophaa'e Waajjira Maallaqaa Godina Arsii Garee Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa kutaa lakk. 106 argachuun ni danda'ama.

 4. Guyyaan gurgurtaa sanadaa caalbaasii kan eegalu guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa digdamii tokkoof (21) kan gurguramu yoo ta'u, sanada yaada dorgommii (SYDC) hanga guyyaa hojii itti aanu gaafa guyyaa digdamii lammaffaa (22) hanga sa'aatii 4:00 "Local Time" saanduqa caalbaasichaaf qophaa'etti galchuun, guyyaama kana sa'aatii 4:30 "Local Time" iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa argamanitti Galma Walgahii Waajjira Maallaqaa Godina Arsii kutaa 206tti bakka miseensonni koree teekninikaa bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa Godina Arsii argamanitti kan banamu ta'a. Guyyaan digdamii lammaffaan Sanbataa fi Dilbata ykn Ayyaana Ummataa/ "Pubilc Holiday" yoo ta'e caalbaasiin kan banamu guyyaa hojii mootummaa itti aanu bakkaa fi sa'aatii ibsametti ta'a.

5. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii "CPO"ykn 'Unconditional bank guarantee Qarshii kuma dhibba sadii (300,000.00) baankii beekamaa ta'e irraa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'ee, yeroon turtii guyyaa 90 (guyyoota sagaltamaaf), maqaa abbaa pirojektii, maqaa pirojektii fi lakkoofsa addaa bittaa barreessuun, kabachiisa caalbaasii immoo poostaan ragaa teekinikaa fi faayinaanshaalaa ala kophaattii hapheessuun dhiyeessuu qaba. Ta'uu baannaan caalbaasii ala nama taasisa.

6. Ragaan teekinikaa orijinaala tokkoo fi kooppii lamaan qophaa'e, poostaan kophaa kophaatti erga qophaa'ee booda poostaa haadhoon bakka tokkotti poostaa hundarrattuu maqaa fi mallattoo bakka bu'aa dhaabbatichaa, maqaa dhaabbatichaa, teessoo dhaabbataa fi chaappaa dhaabbatichaatiin rukutamee saamsamee bifa ifa ta'een orijinaalii irratti" orijinaala" kan jedhuu fi waraabbii irratti "waraabbii 1ffaa fi 2ffaa" kan jedhu ta'uu qaba. Akkasumas, maqaa abbaa pirojektichaa, teessoo abbaa pirojektii, maqaa sirrii pirojektii irratti dorgomuu seeraan barreessuu qaba.

7. Ragaan faayinaanshaalaa orjinaala tokkoo fi waraabbii lamaan qophaa'ee poostaan qophaa qophaatti booda poostaa guddaan qophaa'ee fi sanadni teeknikaa poostaa guddaan qophaa'ee dhuma irratti akkuma qophaayetti adda addaan dhihaata.

8. Dorgomtoonni qabxii waliigalaa %100 keessaa 70 fi isaa ol yoo fidee gara faayinaanshaalatti kan darbu yoo ta'u dhaabbanni %70 gad-deebise kufaa ta'a.

9. Tokko tokkoo fuula sanada yaada dorgommii irratti mallattoo bakka bu'aa dhaabbataa fi chaappaa dhaabbatichaa hin qabne fudhatama hin qabu.

10. Dorgomtoonni caalbaasicha erga banamee erga banamee booda, yaada dorgommii dhiyeessan irratti fooyya'iinsa sanada caalbaasii dhiyeessuu fi caalbaasiin ala of gochuu hin qaban.

11. Dorgomtoonni poostaawwan sanada yaada dorgommii dhiyeessan kamuu irratti akeekkachiisa barreessuu qabu.

12. Waajjirichi saanduqaa caalbaasii erga cufameen booda, dorgomtoota caalbaasiif dhufan keessummeessuu hin danda'u.

13. Waajjirichi caalbaasii kana gar-tokkeedhaan ykn guutummaan guututti haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilbilaa:- +251223317696/222380564, Asallaa

Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Arsii


Tender details

  • Deadline: 2026-09-16
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): (22) hanga sa'aatii 4:00 "Local Time"
  • Bid opening: 2026-09-16 12:00
  • Bid opening (note): (22) hanga sa'aatii 4:30 "Local Time"
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Arsii
  • Bid bond: Qarshii 300,000.00
  • Bid document price: Qarshii 2000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 22, 2026)
  • Posted at: 2026-08-22T07:48:17.000Z
← Back to all tenders