Raw Materials and Supplies

Godina Baalee Bahattii Wajjirri Mallaqaa Aanaa Gololchaa manneen hojii motummaatif bajata bara 2019 tin meshalee dhabbii fi dhumataa wajjiraalee motummaa fi gandootaf calbasiin ifaan bitee dhiyessuu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii IfaBittaa Meeshaalee Bar 2019

Godina Baalee Bahattii Wajjirri Mallaqaa Aanaa Gololchaa manneen hojii motummaatif bajata bara 2019 tin meshalee dhabbii fi dhumataa wajjiraalee motummaa fi gandootaf calbasiin ifaan bitee dhiyessuu barbaada 

bu'uuruma kanaan dhiyessitoonni ulaaga Qajelfama armaan gadii guttan dorgomuu akka dandeecha afferamuu kessan kabajan isin beksifna.

Qajelfama Dorgomtootaa

  • Dorgomaan kamu gibira bara 2018/2019 kaf- aluu isaatiif raga wajjira galii irraa dhiyeffachu qaba
  • Dorgomaan kamiyyu 1 ragaa hayyama da- ladala bara2018/1019 harahome,2 Ragaa galmaha
  • VAT,3 Ragaa lakkofsa TIN fi 4a ragaa galmaa'um- maa dhiyessaa bittaa motummaa ta'uu isaa ibsu qa- baatee ykn postan samsee dhiheeffachuu qaba.
  • Kabachiisa caalbaasiif kan oolu qar.30,000 (kuma soddoma) qofa CPO baankii mirkanaa'e ykn qarshi callaan harkaatti qabatee dhiyaachuu qaba.
  • Dorgoman kamiyyuu meeshaalee dhabbaata kanneen akka Elektoniksii,mashinoota,motor-sayikila ta'an ibsa /moodela /biraandii/ isaa sirritti ibsuu qaba.
  • Meeshaawwan kan walitti hidhaamuus ta'e lafatti hidhamu erga hidhamen booda kan wal-harkaa fuudhamiinsi taasifamu ta'uu isaa
  • Dorgomaan Kamiyyuu sanada bitachuu kan dandahu guyyaa Beeksifni kun gazexaan bahe irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 15 sa'atii hojii motummaa Sanada Caalbaasichaa qarshii hin deebine qar. 500(dhibba shan) qofaan Waajjira galii A/Gololcha tti galii tasiisuun sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa A/Gololcha biiroo lakkofsa 1 bitachuu kan dandahu ta'uu,
  • Caalbaasichi kan saaqamu beksiifni bahee guyyaa hojii motummaa gaafa guyyaa 16 sa'atii 3:30 cufamee sa'atii 4:00 tti bakka dorgomtoonni ykn qaamni bakka bu'ummaa seeraa qabu argamanitti kan banamu ta'e dorgomaa ykn Bakka bu'aan yoo hin argamnes saqinsa kan hin dhorkine ta'e Guyyaa kun cufaa ykn ayyaana kan ta'u yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu sa'atii 3:30 cufamee sa'atii 4:00 tti kan saqamu ta'a.
  • Dorgomtooni sanada dorgommii isaanii ak- kaataa saamsanii dhiheessuu qaban: postaa Iffaa Sanada Faayinaanshaalaa Oriijinaalaa(Haadho), Posta 2ffaa Sanada Faayinaanshaalaa Koppii Postaa 3ffaa Sanada Teekniikaalaa Oriijinaalaa(Haadhoo) fi Postaa 4ffan Sanada Teekniikaalaa Kooppii kophaa kophaatti poostaa afuuriin (4) saamsuun Maqaa dhaabbata/dal- dala chaappaa dhabatichaa, Mallattoo mallattesee dhiyefachu qabaa
  • Dorgomaan kamiyyuu sanada yaada dorgom- mii tokko tokkoo fuula irratti Mallattoo dorgomaa fi chaappaa dhabbaticha rukutu qaba..
  • Dorgomtootni Meeshaalee uffata seer- aa,kophee, Yaadannoo/ajanda/qalama biikii, irratti dorgomtan Saamuda isaa caalbaasii osoo hin banamin dura dhiheefachuu qabu.
  • Injifataan Caalbaasichaa bu'uuruma qa- jeelfama dorgomtootaatiin akka xalayaan Injifannoo barreeffamaan isaanii ibsameen kabachisiisa walii- galtee gatii dimshasha ittin mohate kessa 10% CPOn qabsiisun qabsiisuun waliigaltee waajjiricha waliin mallatteessuu qabu.
  • Waajjirichii meeshaalee dorgomaan caalbaa- sii irrattii dhiyyatee moo'ee %20 dabaluu ykn hiriisee bittu nidanda'a.
  • Wajjirichi calbasii kana carraa foyya'aa ykn biro yoo argate calbaasicha gutummaan yookan gar- tokkeen haquu mirga guutuu qaba.

Odeffannoo Daba- lata Lakk Bilbila:- 0980617505/0924603838 Godina Baalee Bahattii

Waajjirri Mallaqaa Aanaa Gololchaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-07
  • Bid closing time: 09:30
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
  • Bid opening: 2026-09-07 10:00
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Mallaqaa Aanaa Gololchaa
  • Bid bond: Qarshii 30,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T09:23:08.000Z
← Back to all tenders