Shoes and Other Leather Products

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kolooboo Fin- finnee irraa KM 19 irratti fagaattee kan argamtu yoo ta'u bara Baajataa 2019tti Meeshaalee adadaa bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Lakk. 01/2019

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafar- sa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Kolooboo Finfinnee irraa KM 19 irratti fagaattee kan argamtu yoo ta'u bara Baajataa 2019tti Caalbaasii ifaa dhaan uffata seeraa hojjettootaa, Meeshaalee Dhumeeyyii biiroo Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii Biiroo fi Elektirooniksii, Meeshaalee Barreeffamaa, Mee- shaalee Haaromsaa fi Gommaa Konkolaataa akkaataa labsii 157/2002 fi qajeelfama bittaa bara 2004 bahe irratti hundaa'uun dhiyeessitoota waldorgomsiisee caal- baasii ifaatiin bituu barbaada.

Ibsa caalbaasichaa

Sanadni caalbasii kun guyyaa gaazexaa kallacha oromi- yaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii mootummaa walitti fufiinsaan guyyaa 15 niif ykn hagayya 14/2018 irraa hanga qaammee guyyaa 04/13/2018 tti kan gur- guramu yoo ta'u gaafa dhumaa ykn gaafa guyyaa 04/13/2018 guyyaa keessaa hanga sa'aatii 6:30 tti qofaa kan gurguramu nita'a. kanaafuu sanada caalbaasii haala meeshichaa ibsu hunda qarshii hin deebine 1500 (kuma tokkoo fi dhibba shan) qofaan account baankii siinqee wajjira maallaqaa Aanaa kolooboo 1065073721215 ta'e irratti galchuun waajjiricha irraa qaamaan argamuun bitachuu ni dandeessu. guyyaan itti sanadni caalbaas- ichaa banamu ayyaana irra yoo oole guyyaa itti aanutti darbuu kan qabuu fi yoo darbes dorgomtoonni bifa xa- layaatiinis ta'e bifa bilbilaan ni beeksifamu.

Ulaagaalee dorgomtootaa

1. Heeyyama daldalaa seera qabeessa kan qabaniif gibira bara 2018/2019 xalayaa caalbaasii irratti hir- maachuu danda'an (tax cleaners) waajjira galiiwwan irraa dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.

2. Galmaa'ota taaxii dabalata qabeenyaa (VAT), Gal- mee kaffalaa gibiraa (TIN number) waraqaaa galmee ragaa daldalaa kan qabaniif ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an.

3.Galmee dhiyeessitootaa keessatti galmaa'anii raga isaa dhiyeeffachuu kan danda'anii fi bittaa isaa 10,000 qarshii (kuma kudhan) oli ta'ee fi 2% (with holding) kaffaluuf fedhii kan qabu.

4. Waajirichi akka barbaachisummaa isaatti mee- shaalee bitu hanga 20% dabalee ykn hir'isee kan bitu ta'uu isaa beekee kan dorgomu.

5. Sanada caalbaasii bakka tokkotti qarshii hin deebine 1500 (kuma tokkoo fi dhibba shan) tiin guyyaa hojii 15 tiif ykn 14/12/2018 tii hanga 04/13/2018 tti waajjira maallaqaa aanaa koloobootii bitachuu nidandeessu.

6.Sanada dhiyaatu irratti waan sanadichi gaafatu ma- qaa oomisheessaa, bara oomishamee fi moodelli meeshaa guutamuu qaba.

7. Dorgomtoonni sanada dorgommii dhiyaatu irratti maqaa,teessoo,lakk bilbilaa,chaappaa fi mallattoo isaanii guutuu qabu

8. Dorgomtoonni hundi kabachiisa caalbaasii dee- bi'uu danda'u (cpo) baankii siinqee, baankii daldala itoophiyaa, baankii hojii gamtaa oromiyaa, baankii awaash fi baankii oromiyaa dhaan deeggarame qar. 100,000 (kuma dhibba tokko) dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.

9.Moo'ataan kamiyyuu meeshaalee moo'ate bay'inni isaa itti himame irratti walii galtee gochuu fi mee- shaalee itti himame hunda moodela isaa osoo hin jijjiiriin waajjira maalaaqaa aanaa koloobootti dhi- yeessuu kan danda'u ta'uu qaba.

10. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomuu dhaaf sanada yaada dorgommii irratti guutan oorjinaala fi koppii isaa adda baasun saamiidhaan saamsanii dhiyeessuu qabu.

11. Sanduuqni caalbaasii qaammee 04/13/2018 guyyaa keessaa sa'aa 8:00 irratti ni cuqqaalama.

12. Sanduuqni caalbaasii qaammee 04/13/2018 guyyaa keessaa sa'aatii 8;30 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'iinsi seeraa isaanii jiranitti mooraa waajji- ra bulchiinsaa aanaa kolooboo keessatti saanduuqni caalbaasichaa nibanama.

13. Hubachiisa Waajirichi tooftaa (carraa) biraa argan- naan caalbaasicha gartokkee isaasta'u guutummaan guutuutti haquudhaaf mirga qaba. Odeeffannoo da- balataaf 0917 06 09 98, 09 93 85 44 91,

 Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-09
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-09-09 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gujjee
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T10:17:41.000Z
← Back to all tenders