Shoes and Other Leather Products

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Sh/Lixaatti Waajjrri Mallaqaa Aanaa Calliyaa Bara Bajataa 2019 tiif kan oolu Meeshaalee Uffata Seeraa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa Meeshaalee Biiroo keessaa,Meeshaalee Dhaabbii fi Eleekitrooniksii adda a

Description

Beeksisa Caalbaasii

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Sh/Lixaatti Waajjrri Mallaqaa Aanaa Calliyaa Bara Bajataa 2019 tiif kan oolu Meeshaalee Uffata Seeraa, Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa Meeshaalee Biiroo keessaa,Meeshaalee Dhaabbii fi Eleekitrooniksii adda addaa, Meeshaalee Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa KPTG, gommaa Konkolaataa fi Motoraa caalbaasii ifaan dorgomsisee bituu barbaada

Kanaafuu dorgomtoota ulaagaa armaan gadii guutan ni af- feera.

1. Eyyama daldalaa seera qabeessaa kan qabuu fi gibira Moot. kanfaluun eyyama isaa kan haromsiise.

2. Dorgomaan galmaa'aa VAT fi taarreeffama dhiycessitootaa keessatti galmaa'uu isaa raga dhiyeessuu kan danda'u.

3.Dorgomaan IMX'n ijaaramanii jiranis ta'ee; daldalaa dhuunfaan kabachiisa caalbaasii gatii ittiin dorgomuuf guute ida'ama waligalaa irraa 1% qarshii isaa Maqaa Waajjira Mallaqaa Aanaa Calliyaatiin Lakkoofsa Herreega 1000073421504 Baankii Daldala Itoopiyaattii galchuun nagahee isaa sanada caalbaasii waliin wal qabsiisee galchuu qaba.

4.Dorgomtootni beeksisfni caalbaasii kun Gaazexaa kallacha Oromiyaatiin guyyaa bahe irraa eegalee itti fufinsaan guyyoota hojii 15 keessatti Waajjira Maallaqaa A/Calliyaatii sanada caalbaasii qarshii hin deebine 1000/kuma tokko/ kanfaluun bitachuu ni dandeessu

5. Dorgoomaan sanada caalbaasii bite Orjinaalaa fi Koppii isaa Invelooppii/Seemiidhaan cuqqaaluun/ saamsuun/ Poostaa lamaan deebisuu qaba.

6.Caalbaasiin kun guyyaa beeksifini bahee irraa eegalee gaafa guyyaa 16 isaa ganama keessaa sa'aa 3:30 irratti cufamee sa'aa 4:00 irratti waajjira mallaqaa A/calliyaatti bakka dorgomtootni/bakka bu'ootini isaanii/argamanitti ni saqama guyyaan baninsaa guyyaa ayyaanaa ykn cufaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanutti yeroo fi bakka jedhametti ni saaqama

7.waajjirichii carraa fooyya'aa yoo argate caalbaasii kana gar- tokkeen ykn guutummaan haquuf mirgi isaa cegamaa dha.

8.Hubachiisa :-Dorgomaan kamiyyuu meeshaalee mo'ate bakkaa fi yeroo jedhame keessatti geejjibsiisuun Waajjira Mallaqaa Aanaa Calliyaa Kutaa Qabeenyaatti galchuu qaba. Lakk bilbilaa 0917853214 ykn 0939229414

Godina Sh/  Lixaa Waajjira Maallaqaa A/Calliyaa Geedoo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-04
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
  • Bid opening: 2026-09-04 10:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa A/Calliyaa Geedoo
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T10:24:06.000Z
← Back to all tenders