Shoes and Other Leather Products

Godina Shawaa Lixaatti Waajirri Maallaqaa Aanaa Daannoo Hojii seektaroota Aanaa keenyaa bara 2019 tiif kan oolu Meeshaalee adadaa bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk.01/2019

Godina Shawaa Lixaatti Waajirri Maallaqaa Aanaa Daannoo Hojii seektaroota Aanaa keenyaa bara 2019 tiif kan oolu Uffata Seeraa, Meeshaalee Barreeffamaa, kMeeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Biiroo keessaa,- Meeshaalee Elektroniksii, Meeshaalee dhaabbataa Biiroo keessaa, fi Goommaawwan Konkolaataa fi Mo- toraa labsii bittaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 157/2002 fi Qajeelfama Bittaa mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.02/2004 irratti fi qajeelfa- moota isaan bu'uureffatanii fooyya'nii bahan irratti hunda'udhaan Caalbaasii ifaa baasee dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa Balli'inaan

Caalbaasiin kun guyyaa Gaazexaa Kallachaa Oromiyaa irratti bahe calqabee gosoota fi waliigala odeeffannoo meehsaalee bitamuuf barbaadaman kan ibsu sanada caalbaasii akaakuu bittaa qopha'e kan hin deebine qar- shii 500 (Dhibba shan) herrega baankii keenya Baankii Daldalaa 1000091387925 irratti galchuudhaan Wajjira maallaqaati naga'ee fudhachuudhaan yeroo hunda

sa'atii hojii waajjira keenya Mooraa Waajjira Bulchi- insa Aanaa Daannoo tti kan argamu gamoo waajjira Maallaqaa Aanaa Daannoo Kutaa Bittaa fi Bul. Qabeen- yaa darbii 1ffaa kutaa Lakk.7 dhufudhaan bitachuun ni danda'ama.

Dirqama Dorgomtootaa (Ulaagaa Dorgomtoonni guu- tuu qaban)

1Gibira Bara kanaa Kan kaffalanii fi Zarfii dal- daala meeshichaatiin heyyama daldala haarome Kan qaban, ragaa footoo kopiii qabatamaa qabu.dhiyeessuu

2- Galma'aa taaksii dabala qabeenyaa Kan ta'an footoo kopii sartafikeetii VAT dhiyeessuu qabu. Tarree dhiyeessitootaa Keessatti kan gal- ma'anii fi ragaa galmee dhiyeessummaa ministeera Maalaqaa YKn caasaalee sadarkaan jiran irraa baasanii koppii isaa dhiyeessuu kan danda'an,

3Dorgomtoonni kamiyyuu baayina gatii wali- igala kennitaniin kan shallagamu meeshaalee gosa akaakuu bittaa SC qophaa'e irratti kabachiisa caal-baasii maallaqa caallaa waliigaltee booda deebi'u Qar. 50,000.00 (Kuma shantama) herrega baankii maqaa waajjira keenyaatiin Baankii Baankii Daldalaa Lak- k.1000091387925tti galii taasisuun nagahee galii Adeemsa bulchiinsafaayinaansii waajjira keenyaatti erga itti citeen booda koppiin nagahee kanaa sanada caalbaasii waliin poostaa saamsame faana dhiyaa- chuu qaba.

4. Dorgomtoonni gatii meeshaalee tokko tok- koon ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti qofa guutuudhaan Orjinaala isaa fi Footoo koppii isaa adda aaddatti (qofa qofaatti) poostaa samsamameen caalbaa-siin kun guyyaa gaazexaa irratti bahee eegalee kan lakka'amu hanga guyyaa hojii 15 tti sa'aatii hojiitti kan gurguramu ta'ee, hanga gaafa guyaa hojii 16ffaa waaree booda sa'a 8:30 irratti waajjira keenya armaan olittii ibsametti saanduqa caalbaasii kanaaf qopha'e keessa galchuu qabu.

5. Caalbaasiin kun guyyaa 16ffaa armaan ol lak- koofa 5 irratti ibsame waaree booda sa'aatii 8:30 irratti cufamee guyyuma kana sa'atii 8:45 tti dorgomtoonnii ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii fi qaamoleen irratti hirmmaachuu danda'an ykn barbaadan bakka argama- nitti ni banama. Dhaabbatni caalbaasicha galche ykn bakka bu'an yoo jiraachuu baates poostaan isaani ni banama.

6. Dorogomtoonni Caalbaasii kana irratti mo'ataa ta'an kamiyyuu yeroo waliigaltee mallattees- san gatii waliigalaa meeshaalee mo'atanii %10 Wabum maa raawwii caalbaasiichaa Maallaqa callaa herrega baankii maqaa waajjira keenyaatiin Baankii Daldalaa 1000091387925tti galchee naga'ee waajjira keenyaa kutaa bul. Faayinaansii irraa fudhchuudhaan walii- galteedhaaf dhiyaachuu qabu. Dorgomtoonni mo'ata- ani fi mo'ataman caalbaasichi erga ifa ta'ee waliigaltee mo'ataa waliin galamee booda kabachiisni caalbaasii duraa sanada caalbaasii wajjin galchan fudhachuu ni danda'u.

7. Dorgomtoonni caalbbaasii kana mo'atan baasii kamiyyuu danda'udhaan meeshaalee ti mo'atan mana kuusaa waajjira Maallaqaa Aanaa Daannoo Magaalaa Sayyootti dhiyeessuu qabu.

8. Kaffaltii Maallaqa gatii meeshaalee dhi- yaataniif taasifamuuf akka mija'u dhiyeessan ka- miyyuu herrega Baankii Daldalaa fi Baankii Siinqee qabaachuu fi beeksisu qabu.

9. Waajjirichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gartokkes ta'ee gutummaa guututti Haquudhaaf mirga qaba.

Dorgomaan hundumtuu poostaa sanada yaada dor- gommii dhiyeessu duuba isaa irratti bilbila dhaabbata isaanii ykn maanajara dhaabbata isaanii kan hojjetu, Telegiraamii fi E-mail isaanii kan hojjetu ifaatti barrees- suu qabu.

Ragaa dabalataan barbaadamuuf Lakkoofsa Bilbilaa 0917441384 ykn 091314088

Godina Shawaa Lixaatti Waajira Maallaqaa Aanaa Daannoo


Tender details

  • Deadline: 2026-09-04
  • Bid closing time: 14:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:30ttii
  • Bid opening: 2026-09-04 14:45
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:45ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shawaa Lixaatti Waajira Maallaqaa Aanaa Daannoo
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 20, 2026)
  • Posted at: 2026-08-26T11:34:00.000Z
← Back to all tenders