Installation, Maintenance and Other Engineering Services

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Maagaalaa Fiichee bara baajata 2019 keessatti hojii ijaarsa Poolii Ibsaa Daandii (Street Lighting smart pole) misooma koriidaraa hojjechiisuu waan barbaaduuf caalbaasii ifaa biyyoolessaa baasuun kontaraktaroota hayyama hojii

Description

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa

Lakkoofsa Addaa Bittaa: BMF/01/2019

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Maagaalaa Fiichee bara baajata 2019 keessatti hojii ijaarsa Poolii Ibsaa Daandii (Street Lighting smart pole) misooma koriidaraa hojjechiisuu waan barbaaduuf caalbaasii ifaa biyyoolessaa baasuun kontaraktaroota hayyama hojii elektiromekaanikaalaa qabanii fi ulaagaa sanada caalbaasii keessatti taa'e guutan dorgomsiisee hojjechiisuu baarbaada.

1. Dorgomtoonni fedhii qaban ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu.

i. Dorgomtoonni Waraqaa Ragaa Dhaabbataa (Certificate of Competency) Ministeera Ijaarsaatiin ykn qaama dhimmi ilaaluun sadarkaa kontiraaktarichaa kan ibsu waraqaa ragaa dhiyeeffachuu qabu.

ii. Waraqaa Ragaa Gahumsa Ogummaa Elektiromekaanikaalaa Sadarkaa SC-EM 2 fi isaa ol yeroo turtii caalbaasichaatiif haaromfame dhiyyeeffachuu qabu.

iii. Hayyama hojii ijaarsaa kan bara 2019 haarome dhiheeffachuu qabu ykn yoo yeroon hin geenye xalayaa qaama heeyyama haaromsuu irraa dhiyeeffachuu qabu.

iv. Hayyama daldalaa elektiromekaanikaalaatiin kan bara 2019 haaromfamee seera qabeessa ta'e gosa daldalaa inni irratti bobba'e kan agarsiisu, Akkasumas galmee daldalaa dhiyyeeffachuu qabu.

v. Waraqaa Ragaa Galmee Dhiyessitootaa (EGP Registration) irratti kan galmaa'e tahuu qabu.

vi. Muuxannoo hojii (Technical Experience) hojii ijaarsa poolii ifaa ykn hojii elektiromekaanikaalii walgitu irratti yoo xiqqaate waggaa 3 ykn isaa ol kan hojjate ta'uu qabu.

vii. Ragaa Taaksii Dabalataa Qabeenyaa (VAT) fi ragaa galmee (TIN) galmaa'uu isaa agarsiisu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii iraatii, ragaa qulqullinaa kaffaltii taaksii agarsiisu kan Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa kenname hanga guyyaa caalbaasiin galutti yeroon turtii isaa kan irra hin dabarre dhiyyeeffachuu qabu.

viii. Waraqaa ragaa akkaataa seerota bittaa biyyattii keessa jiruun caalbaasii mootummaa irratti hirmaachuu danda'uu isaa ibsu waraqaa ragaa dhiyyeeffachuu qabu.

2. Caalbaasiin kan gaggeeffamu hojimaata caalbaasii dorgommii biyyaalessaan yoo ta'u, hirmaachisuummaan dorgomtoota biyya keessaa hundaaf akkaataa sanada caalbaasii keessatti adda baafamee fi ibsameen ta'a. Wabii kabachiisa caalbaasii CPO ykn wabii baankii haala irratti hin hundoofne 500,000 (kuma dhibba shan) qofa maqaa Waajjira Maallaqaa Bul/ Maagaalaa Fiicheetiin ragaan orijinaalli dhiyaachuu qaba. Yeroon hojii irra oolmaa kabachiisa caalbaasii guyyaa caalbaasiin banamee irraa eegalee guyyoota kalaandarii 90f ta'a.

3. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu Afaan Oromiffaatiin qophaa'an dorgomtoota fedhii qabaniin iyyata barreeffamaa dhiyeessuun kaffaltii hin deebine Qarshii 3000 (kuma sadii) kaffaluun guyyaa beeksisni kun Gaazexaa irratti bahee irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 21 keessatti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Fiichee, Kutaa Adeemsa Bittaa fi Bul/Qabeenyaa qaamaan dhiyaachuudhaan bitachuu dandeessu.

4. Dorgomtoonni sanada caalbaasii Invilopii sadii keessatti piropozaala teeknikaa, wabii kabachiisa caalbaasii fi piropozaala faayinaansii of keessaa qabu adda addaan dhiyeessuun dirqama.

5. Caalbaasiin kun guyyaa beeksisni kun qilleensa irra oolee eegalee guyyoota hojii walitti aanan 21f qilleensa irra erga oolee booda guyyaa 22 bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan seera qabeessa ta'ee koreen teekniikaa fi koreen raggaasistuu argametti sa'aatii 8:00tti cufamee guyyuma kana sa'aatii 8:30tti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagalaa Fiicheetti kan banamu yoo ta'u, guyyaan baninsa caalbaasii guyyaa hojii yoo ta'uu baatee guyyaa hojii itti aanutti kan hojiirra oolu ta'a. Sanadni caalbaasii yeroon hin dhiyaanne kufaadha.

6. Madaalliin sadarkaa lamatti kan raawwatamu yoo ta'u, dursa odeeffannoo gahumsaa teeknikaa itti aansee faayinaansii dorgomtoota madaallii gahuumsa teeknikaa darbaaniiti. Piropozaaliin faayinaansii dorgomtootaa kan banamu Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagalaa Fiicheetti madaalliin piropozaala teeknikaa xumuramuu isaa guyyaa koreen teeknikaa fi raggaasistuu beeksiise ta'a.

7. Ijaarsi piroojektichaa guyyaa hojiin jalqabee irraa eegalee hanga guyyoota kalaandarii 90tti kan xumuramu ta'a.

8. Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Maagalaa Fiichee filannoo fooyya'aa biraa yoo argate caalbaasii kana gar tokkeen ykn guutumatti haquuf mirgi isaa kan eegamedha.

Teessoo: Godina Shawaa Kaabaa, Bulchiinsa Maagaalaa Fiichee Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagalaa Fiichee odeeffannoo dabalataaf lakk.bilbilaa: 0111351011 ykn 0902216601 guyyaa hojii waareen dura sa'aatii 2:30-6:30 fi waareen boda sa'aatii 7:30-11:30tti qaamaan ykn bilbilaan gaafachuun ni danda'ama.

Godina Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaalaa Fiicheetti Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagalaa Fiichee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-22
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii walitti aanan 21f qilleensa irra erga oolee booda guyyaa 22 sa'aatii 8:00tti
  • Bid opening: 2026-09-22 12:00
  • Bid opening (note): Guyyoota hojii walitti aanan 21f qilleensa irra erga oolee booda guyyaa 22 sa'aatii 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Maagaalaa Fiichee
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Aug 28, 2026)
  • Posted at: 2026-08-28T09:20:06.000Z
← Back to all tenders