Shoes and Other Leather Products
Naannoo Oromiyaatti Godina Booranaa Baha Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa mootummaa Seekteera Magaalichaa keessatti argaamanif Meeshaalee wal-dorgomsisee bituu barbada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Iffaa Bahe
Naannoo Oromiyaatti Godina Booranaa Baha Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa mootummaa Seekteera Magaalichaa keessatti argaamanif 1. Bittaa uffata seera hojjattoota mootummaa 2. Meeshaalee Elektirooniksii 3. Meeshaalee Qulqullessaa 4. Meeshaalee Dhaabbii xixxiqqa biiroo keessa 5. Meeshaalee Barreessaa 6. Meeshaalee dhaabbii /Furniture/ 7. Korboo (Gommaa) konkolaataa fi baatiri,8. Motorri Saayikilotaa fi Suphaa Konkoolataa bara bajaata 2019 tiif caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada. Kanafuu caal-baasii irraattii dorgomtootni hirmachuu barbadaan, bu'urumaa armaan gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni dandessu.
1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa bara kan haromsame seera qabeessa ta'ee gibira Bara Kan ittin kaffalan, facaatii /list/ ragaa sanadootaa ittin galma'an fi Galma'a Faayinansii fi Ragaa lakkofsa TN fotoo kooppii isaa sanadaa caal-baasii walin qabsisaan dhiyyeesuu qabu.
2.Dorgomtooni dhiyaatan galma'aa taaksii dabaltaa (VAT) galmaa'uu isaanitiif ragaa fotoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.
3. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Gaazeexaa kallaachaa Oromiyaa ba'ee eegalee guyyota hojii 15/ Digdaama/ keessaattii yeroo hundaa sa'aati hojii maallaqaa hin deebine qr. 200.00 (Qar. dhibba Lama) kaffaluun Adeemsa Hojii Bittaa fi Bulchinsa Qabeenyaa Tajaajila maraa puuli waajjira maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageelleetii Booranaa dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta'e galchus ni danda'u.
4. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmammaa bittaa waligalaa % 1 maqaa waajjira maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageelleetii Booranaa CPO Baankiidhaan mirkanaa'ee sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
5. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa meeshaalee barreessaa, Hallu pirintaroota, faksii fi fotto koppii qulqullesaa,dhaabbii xixiqqa biiroo keessaa fi korbo konkolataa poostaa samiin saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 8/1/2019 hanga sa'aati 6:00tti WM Bul.Magaalaa Nageellee Booranaatti Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
6. Caalbaasichi meeshaalee barreessaa, hallu pirintaroota faksii fi fotto koppii, qulqullesaa, dhaabbii xixiqqa biiroo keessaa fi korbo konkolaataa gaafa 8/1/2019 sa'aati 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma WM Bul. Magaalaa Nageellee Booranaatti keessatti banama.
7. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa Meeshaalee Eleektirooniksii, dhaabbi/Furniture/, motorri saayikiloota fi uffata seera hojjattoota mootummaa poostaa samiin saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 8/1/2019tti hanga sa'aati 6:00tti WM Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa Saanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
8. Caalbaasichi meeshaalee Eleekitroonksii, dhaabbii/Furniture/, motorri Saayikiloota fi bittaa uffata seera hojjattoota mootummaa guyyaa 8/1/2019 sa'aa 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma xiqqaa Qajeelcha tajajiila mana Qopheessaa Bulchiinsaa Magaalaa Nageelleé keessatti banama
9.Mo'ataan caal-baasii meeshalee ittiin mo'atee hundaa hangaa WM Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa dhiyeessuu dirqama qaba.
10. Afaan caal-baasichii ittinii geggeeffamuu Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaatti. Waajjiricha filannoo fooyyee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan eegamedhaa.
Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bilbilaa 0464452289 vkn 0464451468
Wajjira Mallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-18
- Bid closing time: 12:00
- Bid opening: 2026-09-18 14:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Mallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Nageellee Booranaa
- Bid bond: 1%
- Bid document price: Qarshii 200.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T07:37:00.000Z