Food Items and Drinks
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu bara bajaata 2019ttii Nyaata Bilchaata wal-dorgomsiisee bituu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu bara bajaata 2019ttii Nyaata Bilchaata Caalbaasii Ifaaan akkata labsii bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.157/2002 fi Qajeelfamaa Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qajeelfamaa Bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.01/2004 bahe irratti hunda udhaan caalbaasii ifaan wal-dorgomsiisee bituu barbaada.
Ibsa Bal'inaan
Caalbaasiin kun guyyaa Gaazixaan Kallacha Oromiyaa tiin Maxxanfame irra calqabee Akkataa Gosa Hayyamaa Dhiyeessii Nyaata Bilchaata kan ibsu sanada caalbaasii qopha'e Kan hin deebine qarshii 1000..00/100 (kuma Tokko) Lakkofsa herrga Baankii Siinqee 1081596261210 lirratti kanfaluun Inititiiyuutii Leenjii fi qorannoo ispoortii Daraartuu Tulluu Sululta itti argamu Gamoo tokkoffaa kutaa Lakkofsaa 2 ragaa Baankii dhiyeefachuun Naga'ee galii kutachuun Sandaa Caalbaasii guyyaa caalbaasichi ba'ee irra kaase yeroo hundamaa sa'aatii hojii Mootummaattii Kuta Bitta bulchinsaa Qabeenya fi Faayinaansii Inistitiiyuutii Keenya irra bitachu ni dandeessu.
Dirqama Dorgomtoota (Ulaagaalee Caalbaasii Dorgomtoonni guutuu qaban)
1. Gibira bara 2018 kan kaffalanii fi Zarfii Dhiyeessii Nyaata Bilchaata heeyyama daldala haarome kan qaban, ragaa Orijinaala fi footoo koppii qabatama dhiyeessuu kan danda,an.
2. Galma'aa taaksii dabala qabeenyaa (VAT) kan qabaniifi foto koppii sartafikeetii dhiyeessuu kan danda,an.
3. Galma'aa TIN kan qabaniifi footoo koppii sartafikeetii dhiyeessuu kan danda,an.
4. Dorgomtoonni baayinaa Gatii Waligala Meesha dhiyeessanii Gosa adda addaa dokimentii tokko dorgomaan irraati %10 Kabachiisa Caalbaasii Lakkofsa herrga Baankii Siinqee 1081596261210 Inisitiiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluutti galii taasisuun Naga'ee galii Kutaa Baasii Inistitiiyuutii keenyaattii ergaa itti citeen booda Koppii Naga'ee kanaas Sandaa caalbaasii Waliin Poostaa gagaan samsaamee faana dhiyaachuu qabu. YKN baankiidhaan kan raggaasifame (CPO) seera qabeessa ta'e dhiyeessu qabu.
5. Waldaan IMX Haala sirreefama danbii IMXf bara 2009 fi bara 2011 foyya'ee ba'ee fi Qajeelfama BMWD Oromiyaa baraa 2009 baaseen ta'uu qaba.
6. Dorgomtoonni gatii Nyaata Bilchaata gosaa adda addaa ittiin dorgoman sanada caalbaasii irratti qofa guutuudhaan Orjinaala isaa fi footoo koppii isaa adda addaatti poosta gagaadhaan samsamameen dhiyeessuu qabu.Caalbaasiin kun Guyyaa Gaazexaa irraatti ba'ee eegalee Institiiyuutii keenya bakka kutaa Mana hojjii asiin olitti ibsamee saanduqaa Caalbaasii kanaaf qophaa'ee Galchu qabu. Guyyoottaan hojii 15 (kudha Shaan) qilleensaa irra kan Oolu ta'ee gaafa guyyaa 15ffa Sa'aa 4:30 irratti sanduqii bakka Koreen Bantuu Caalbaaasii argamanitti kan samsaamu ta'a. gaafa guyyaa 16ffaa (kudha ja'affa) Fulbaanaa 06/2019 8:00 Institiiyuutii keenya bakka koreen Bantuu Caalbaasii fi dorgomtoonni YKN Bakka bu'oonnii aragamaniitti Caalbaasiichi Ifaan kan banamu ta'a.
7. Caalbaasiin kun guyyaa armaan ol lakkofsaa 6 irratti ibsamee sa'aatii 8:00 irraatti dorgomtoonnii YKN bakkabu'oonii seeraa isaniifi qaamolen irratti hirmaachuu barbaadan bakka argamanittii ni banama. Dhabbannii caalbaasichaa galchee YKN bakka bu'aan yoo argamudhabaate dorgommicha hin gufachisu.
8.Dorgomaan Mo'atee Waligalte Guyyaa jedhame keessatti Mallateessu fedha dhabe fi Nyaata mo'ate dhiyeessuuf fedha hin qabu yoo ta'e Kabachisaa Caalbasiicha kan dhaalamu ta'a.
9. Waldaa IMX kabachiisa Caalbaasiichaa haala sirreefama danbii IMXT bara 2009 fooyaa'e bahee fi Qajeclfama BMWD oromiyaa bara 2009 fi baraa 2011 kan rawwatamu ta'a.
10. Dorgomtoonni caalbaasil kana mo`atan baasii kamiyyuu danda'udhaan Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoorti Darsartun Tullou Sululta keessaattii dhiyeessuu qabu.
11. Kaffali maallaga kan taasifamuuf kamiyyuu herrega Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa qabaachuu fi becksisu qabu
12. Dhabbani Dorgommi kanaaf dhiyaatu Seena hojii tajaajila Dhaabbata Kamiyyuu keessatti Kanaan duraa Rakkoo kan hin uumne fi Of eegannoon kan irraani hin barreefamne ta'u qaba
13. Inistitiyuuichi mala ykn filannoo biraa yoo argate caalbaasii kana gar-tokkeenis ta'ee gutummaa gutuutti haquudhaaf mirga qaba
14. Dorgomaan ta'ee jedhe Caalbaasii kan gufachisuuf yaalii taasisu seeran kan itti gaafatamu ta'a. Ragas dabalataaf Lakk. Bilbila 0910283657 yku 0959636400
Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoorti Daraartuu Tulluu Sulultaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-15
- Bid closing time: 22:30
- Bid closing (note): guyyaa 15ffa Sa'aa 4:30
- Bid opening: 2026-09-16 14:00
- Bid opening (note): gaafa guyyaa 16ffaa (kudha ja'affa) Fulbaanaa 06/2019 8:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Sulultaa
- Bid bond: 10%
- Bid document price: Qrshii 1000
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
- Posted at: 2026-08-29T07:49:00.000Z