Raw Materials and Supplies

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataattii Waajirri Mallaqaa Meeshaalee adda addaa,bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Iffaa

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ilfataattii Waajirri Mallaqaa Meeshaalee adda addaa, (meeshaa dhaabbii biiroo keessaa,meeshee barreeffamaa,meeshaalee elektirooniiksii meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee ijaarsaa,uffata danbii, Gommaa konkolaataa,midhaan dheedii fi mi'eessituu adda addaa caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bu'uura qajeelfama labsii bittaa mootummaan lakk.157/2002 baheen baajata bara 2019 tiin seektaroota mootummaa aanichaatiif bituu barbaada.

Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii guutuu dandeessan akka dorgomtan affeeramtaniittu.

1. Dorgomtoonni meeshaalee kana dhiyeessuuf eeyyama daldaalaa seera qabeessa kan qabuu fi gibira bara kan kanfalee eeyyama isaa haaromfate.

2. Galma'aa VAT kan ta'ee fi ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

 3.Gosa meeshaa kam irratti akka hirmaatan ykn dorgoman sanada isaaniirratti adda baasanii barreessuu qabuu eeyyama daladaalaa isaaniis dhiyeessuu qabu

4. Meeshaa /mi'a /irratti dorgoman maqaa isaa /brand name/ iddoo itti hojjatame adda baasuu qabu.

5. caalbaasiin erga banamee booda waanta sanadairrtatti guutan jijjiiruu,fooyyessuu, fi dhiisuun hin danda'amu.

6. Waajirichi akkaataa barbachisummaa isaan meeshaalee xiqqeessuu fi dabaluu ni danda'a.

7. Akkataa guca dhiyaateen guutee yoo dhiyeessuu baate dogoggora uumamuuf kan itti gaafatamu qaama dhiyeessedha.

8. Iddattoo/sample/ meeshaa Sanaa yeroo hojii hunda waajira Maallaqaa

Ilfataa lakkoofsa 3 dhiyeessuu qabu.

9. Mo'ataan kamiyyuu meeshaalee mo'ate fe'ee fidee mana meeshaa waajirichaatti galii taasisu qaba

10. Gatiin tokkoo yeroo guutamu haqaa fi laaqaa kan hin qabne ta'ee gatiin dhiyaatus VAT 15% waliin ta'uu kan qabuu ta'uu ibsuun sanadinni dhiyaatuu orjinaalaa fi koppii poostaa kophaa kophaattii samsuun saanduuqaa caalbaasiif qophaa'eetti guyyaa jedhameetti galchuutu irraa eegama.

11. Dorgomaan tokko mo'amuu isaa yoo beeke dorgommichaaf maallaqa wabummaa qabsiise yeroo sanatti fudhata.

12. Caalbasiin kun gaafaa guyyaa 21/12/2018 Gaazexaa Kallacha Oromiyaa bahe irraa eegalee waliitti fufinsaan guyyaa hojii 15 keessatti maallaqa hin deebine qarshii 300 /Dhibba sadii /Abbaa taayitaa galiiwwanii aanaa ilftaatti galii gochuun Waajjira Maallaqaa aanaa Ilfataa lakk. 3 sanada bitachuu ni danda'ama.

13. Dorgomaan sanada caalbaasii isaa orjinaalaa fi koppii isaa adda baasee saamsee dhiyeessuu qaba.

14. Dorgomaan kamiyyuu dorgomaa caalbaasii ta'uuf maallaqa gatii waliigalarraa 1% kabachiisa caalbaasiif /bid bond/ cheekii baankiin mirkaneesseef qabsiisuu qaba.

15. Dorgomtoonni sanada caalbaasii isaaniirratti maqaa isaanii fi naannoo isaanii sirreessanii barreessuun mallatteessuu qabu.

16. Becksifni caalabaasii bahce gaafa guyyaa 05/01/219 sa'aatii 6:30 irratti cufamee, guyyaa sana bakka dorgomtoonnii ykn bakka bu'oonni dorgomtootaa jiranitti sa'a 8:00 irratti ni banama.

17. Waajirichi carraa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutumaan guutuutti ykn gartokkeen haquu ni danda'a Hubachiisa Dorgomtoonni mi'oota yeroo jedhame keessatti galii taasisanii qarshii isaanii fudhachuu qaba. Godina Shawaa lixaa Aanaa Ilfataa Dallaa Waajira Bulchiinsaa keessaa Odeffanoo dabalataaf Lakk.bilbilaa 0910134520

 Waajira Maallaqaa Aanaa Ilfataa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-15
  • Bid closing time: 12:30
  • Bid opening: 2026-09-15 14:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajira Maallaqaa Aanaa Ilfataa
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
  • Posted at: 2026-08-29T07:55:31.000Z
← Back to all tenders