Shoes and Other Leather Products

Biiroo Maallaqaa Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree meeshaalee sekteroota Aanaa keenyaaf tajaajilu meeshaalee dorgomsiisee bituu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii

Lakk. 01, 2019

Biiroo Maallaqaa Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree meeshaalee sekteroota Aanaa keenyaaf tajaajilu meeshaalee dhumataafi dhaabbii Waajjira keessa,uffata seeraa hojjettoota, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaafi dhumataa Waajjira keessaa akkasumas meeshaalee elektirooniksii, farniicheerii, gommaa konkolaataafi kalamanadaarii Meeshalee Gogaa fi Bu'alee gogaa,Meeshaalee Kollaajjii BLTO caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada.

1. Dorgomtootni Eeyyama daldala seera qabeessa bara 2018 ykn 2019 fi caalbaasii bara 2018tiif xalayaa caalbaasii irratti hirmachuu danda'an warreen haaromsifataniis ta'e eeyyama daldaala haaraa fudhatan (Tax Clearances 2018) Waajjira galiiwwan irraa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.

2.Dorgomtootni ragaa dabalataa qabeenya (VAT) galmee ragaa kaffalaa gibiraa (Tin Number), waraqaa galmee ragaa daldalaafi waraqaa galmee dhiyeessummaa keessatti kan galmaa'anfi ragaalee ifatti mul'atan dhiyeeffachuu kan danda'an.

3. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa bitachuu barbaadan Waajjira Galii Aanaa Jimmaa Raaree Gamoo Bulchiinsaa darbii 1ffa meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinafi elektirooniksiif bakka tokkotti qar.500.00 (dhibba shan) qarshii hin deebine kaffaluun bitachuu akkasumaas uffata seeraa,gommaa konkolaataafi kallamadaariifi farniicheeriif tokko tokkoo isaaniif qar.450.00 (dhibba Afurii fi shantama) kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun gaafa guyyaa beeksifni kun ba'e irraa eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan) sa'aa hojii mootummaa waaree dura 2:30-6:30tti akkasumaas waaree booda 7:30-11:00 ta'ee gaafa guyyaa 15 Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree Gamoo Abbaa Alangaa darbii 1ffa irratti argamu Sanada caalbaasiicha poostaan samsameen financialfi technical kooppiifi orijiinala tokko tokkoo isaa poostaa qofa qofaan bakka tokkotti poostaa tokkoon sanduuqa caalbaasii maqaa mana hojii keenyaan qophaa'e keessa qopheessuun galchuun dirqama.

4.Sanduuqni caalbasichaa guyyoota hojii 15f (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 15f sa'aa 11:00 irratti cufamee bulee gaafa guyyaa 16a sa'aa 3:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seera qabeessaa argamanitti sirna baninsa caalbaasichaa Waajjirri Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree darbii 1 ffaa kutaa 3ffaa ykn bakka haallii mija'eetti ni banama.

5. Dorgomtootni Kabachiisa Wabummaa caalbaasichaa Qarshii 20,000(Kumaa Digdamaa) caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirknaa'e maqaa waajjirra Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree Lakk Heregaa Bankii 1000064719665 Irraatti qabsisuu qaba, akkasumas dorgomaan mo'ate gosa meeshaa mo'ate irratti mana hojichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuufi meeshaa mo'ate irratti ida'ama waliigalaa keessaa dhibbantaa( % 10) CPO qabsiisuuf dirqama qaba.

6.Akkaataa qajeelfama dabalata qabeenyaa (VAT) % 15 keessaa bittaan raawwatame qarshii 20,000 ol yoo ta'e, karaa mana hojiicha % 7.5 citee kan hafuu ta'een nagahee seera qabeessa ni kennama, akkasumas akkaataa qajeelfama Ministeera Maallaqaan bittaa mootummaa qarshii kuma kudhan ol raawwatamuuf dhibbantaa (% 3) kutee hambisuuf dirqama qaba.

7. Dorgomtootni caalbaasicha Mo'atan hundi gosa meeshaa waliigaltee raawwatan hunda baasii mataa isaaniin Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raareetti kuusaa meeshaa waajjira Maallaqaa Aanaatti dhiyeessun galii gochuu qabu.

8. Waajjirichi caalbaasii kana karaa fooyya'aa yoo argatee guutumaa guututti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.

Bakka Itti Argamu:

Magaala Waayyuu Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree Fageenyi Magaalaa Finfinnee irraa hanga Magaalaa Waayyuutti jiru Km 254 Daandii Asfaalti.

Lakk bilbilaa. +251917323102 ykn +251912852505

Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu


Tender details

  • Deadline: 2026-09-14
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii 15f (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 15f sa'aa 11:00
  • Bid opening: 2026-09-15 09:00
  • Bid opening (note): Guyyoota hojii 15f (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafa guyyaa 16a sa'aa 3:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu
  • Bid bond: Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Lootiidhaan Adda addaa dha
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 27, 2026)
  • Posted at: 2026-08-29T08:56:03.000Z
← Back to all tenders