Event Organizing and Planning

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa caal-baasii Ifaan Hojiilee Qopheessaa Sagantaafi Maxxansaalee adda addaa dorgomsiisee hojjechiisuufi maxxansiisuu barbaada.

Description

Shwaa
Beeksiisa Calbaasii Ifaa

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa caal-baasii Ifaan Hojiilee Qopheessaa Sagantaafi Maxxansaalee adda addaa dorgomsiisee hojjechiisuufi maxxansiisuu barbaada. Haaluma kanaanis dhaabbileen ulaagaalee armaan gadiitti tarreeffaman guutaniifi hojii kanarratti akka dorgoman afeera.

Hojiilee kunis:-

  • 1ffaa-Qopheessaa Sagantaa(Event Organizer)
  • 2ffaa-Maxxansaalee Adda addaa( Various Publications)

Ulaagawwan Dorgommii.

1. Eeyyama daldalaa bara 2018 kan haaromfateefi gibira mootummaa kaffaluu isaa raagaa guutuu (tax clearance) dhiyeeffachuu kan danda'u;
 
2. VAT galmaa'aa kan ta'eefi raga kan dhiyeessuu danda'au

3. Ragaa Eenyummeessaa Kaffalaa Gibiraa (TIN) dhiyeessuu kan danda'u

4. hojiiwwan walfakkaatoo kanaan dura hojjeteefi dhaabbata Hojjeteef irraa
muuxannoo dhiyeessuu kan danda'u;

5. Maxxansaalee adda addaaf Saamuda (sample) kan dhiyeessuu danda'u

6. Sanada caal-baasii faayinaansii fi teekinika (technical and financial proposals) isaa addan baasuun poostaa lamaan saamsamuun chaappaan kan mirkanaa'e dhiyessuu kan danda'u

7. Caal-baasichaa gatii dorgommii hanga dhiyeessan irraa kabachiisa caal-baasii %2 baankiin kan mirkanaa'e (CPO) qabsiisuu kan danda'u

8. Mo'ataan caal-baasichaa bakka komiishinichi filatetti deemee hojjechuufi dhiyeessuuf fedhii kan qabu

9. Mo'ataan caal-baasichaa yeroo waliigaltee mallatteesse keessatti hojjetee xumuruu qaba.

10. Dhaabbatni tokko hojii tokkoo olitti dorgomii hin danda'u

11. Dhaabbatni dorgomu kamuu poostaa saamsamame dugdaisaa irratti hojii dorgomuu barbaadu barreessee galchuu qaba

12. Dorgomtoonni caal-baasichaa guyyaa beeksisi kun gaazexaa Kallachaa Oromiyaa irratti ba'e irraa eegalee guyyoota hojii 15(kudha shan) keessatti sa'a hojii Mootummaatt sa'a 2:30 hanga sa'a 10:30tti Waajjira Komiishinicha Finfinnee Naannoo Boolee Alam Siniimaa Gamoo Noah Real state darbii 7ffaa irratti kan argamu kutaa Faayinaansii irraa ibsaa fi tarreeffama caal-baasii kanaaf qophaa'e Sanada caal-baasii qar.750(dhibba torbaaf shantama) kan hin deebine baankii Siinqii lakk. Herreega Baankii 1047921671211 irratti galii gochuunragaa baankii dhiyeessee bitachuun gatii tokkoo guuttanii saanduqa caal-baasichaaf qophaa'etti galii gochuu dandeessu.

13. Caal-baasichi kan banamu guyyaa caal-baasiin cufame guyyaa hojii bilbila galm'aniin kan beeksifnu yoo ta'u, bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti Waaree dura sa'atii 5 akka L.E itti galma waajjira Komiishinchaatti ta'a. Komishinichi dorgomtootaaf bilbila dorgomtootni kennaniin kan boeksisu ta'a.

Hubachiisa

Dorgomtootni caal-baasichaa seerota hin tuqamne kan Naannoo fi Federaalaa kabajuuf dirqama qaba.

Dorgomtootni caal-baasichaa qajeelfama dorgomtootaaf kennamuuf kabajuu qabu Mo'ataan guyyoota 15 (kudha shan) keessatti gatii ittiin mo'ate irraa %30 qabsiisuu qaba Komiishinichi caal-baasicha guutummaanis ta'e walakkaan mirga haquu qaba 

Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-12
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii 15( kudha shan) keessatti sa'a hojii Mootummaatt sa'a 2:30 hanga sa'a 10:30tti
  • Bid opening: 2026-09-14 12:00
  • Bid opening (note): Caal-baasichi kan banamu guyyaa caal-baasiin cufame guyyaa hojii bilbila galm'aniin kan beeksifnu yoo ta'u, bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti Waaree dura sa'atii 5
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Komiishinii Tuurizimii Oromiyaa
  • Bid bond: 2%
  • Bid document price: Qarshii 750.00
  • Published on: 2merkato.com (Sep 01, 2026)
  • Posted at: 2026-09-01T06:21:05.000Z
← Back to all tenders