Vehicle
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Manchoo bara baajata 2019tti dhaabbilee daldalaa fi waldaalee maakiroo fi xixiqqaa wal-dorgomsiisee caalbaasii ifaan Doozerii, Iskaavaaterii, Gireederii, Roollerii, Looderii, loobeedii, Shawar-trak, fi siino-traakii kireeffachuu
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Manchoo bara baajata 2019tti dhaabbilee daldalaa fi waldaalee maakiroo fi xixiqqaa wal-dorgomsiisee caalbaasii ifaan Doozerii, Iskaavaaterii, Gireederii, Roollerii, Looderii, loobeedii, Shawar-trak, fi siino-traakii kireeffachuu barbaada.
Haaluma kanaan ulaagaalee (Criteria) caalbaasicha irratti hirmaachuuf barbaachisu:
1. Heyyama daldalaa bara baajaticha haaromfame dhiyeeffachuu kan danda'u.
2. Gibira Mootummaa bara baajatichaa kaffaluu isaa ragaa waajjira Galiiwwanii irraa kan dhiyeeffatu.
3. W/ra daldalaa fi misooma gabaatti hanqina naamusaatiin kan hin himatamne ta'uu raga waajiricharraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
4. Lakkoofsa kaffalaa gibiraa/Tin number/kan dhiyeessuu danda'u.
5. Seeraa Bittaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Federaalaa kan kabaju gahumsaaf raga ifaa kan dhiyeeffachuu danda'u.
6. Ragaa Kaffaltii dabalataa qabeenya /VAT/ galmaa'uu isaa kan mirkaneessu dhiyeeffachuu danda'u.
7. Dorgomtoonni waraqaa raga tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaanii mirkaneessu dhiyeeffachuu kan danda'an.
8. Dorgomaan Maqaa, Teessoo fi Mallattoon sirrii ta'e sanadicha irratti guutanii fiduu qabu.
9. Kabachiisa caalbaasii mirkaneessuuf kan ta'u C.P.O baankiin mirkanaa'e qarshii 300,000 (kuma dhibbaa sadii) Qabsiisuu kan danda'u.
10. Gatiin dorgomtoonni ittin mo'atan idaa'amni isaa 10,000/kuma kudhanii/fi isaa ol yoo ta'e gibira gurgurtaa parsantii lama %3 kaffaluuf dirqama qaba.
11. Caalbaasichi kan adeemsifamu afaanuma sanadni caal-baasii ittiin qophaa'een ta'a.
12. Dorgomaan hunduu sanada caalbaasii fuula tokko illee utuu keessaa hin hambisiin guutani deebisuu qabu.
13. Gosa, baayina, bara oomishaa barbaadamee fi yeroo barbaadame keessatti maashinoota qulqullina qabuu fi sadarkaa isaa eeggate dhiyeessu kan danda'u.
14. Dorgomaan boba'aa maashinootaaf barbaachisa dhiyeeffachuu qabu. Sababa boba'aatii Hojiin akka hin dhaabbanneef jecha dorgomaan wabii dhiyeessii boba'aa sheelii beekamaa bakka aanichatti dhiyaatu irraa dhiheeffachuu qaba.
15. Dorgomaan Ragaa abbaa qabeenyuuma maashinootaa (Leebiree) dhiyeeffachuu ykn qaama biraa irraa kan kireeffate yoo ta'e waliigaltee kireessaa fi kireeffataa gama Mana Hojii A/Alangaatiin kan mirkanaa'ee chaappaan Mana Hojii A/Alangaa dugda waliigaltee irratti chaappeffamee dhiyeeffachuu kan danda'u.
16. Barri tajaajilaa maashiinichaa akka lakkoofsa Awurooppaattii bara 2016- 2018 fi isaa ol kan ta'e.
17. Sanadni Teekiniika (Orjinaalaa fi koppiin poostaa kophaa kophaan saamsamaamee), Faayinaanshaallii (Orjinaalaa fi koppii poostaa kophaa kophaan saamsamaamee) waligalaa postaa (4 afuriin) samsamaamee Postaa haadhoo tokkoon dhiyaachuu qaba.
18. Bakka biraa kan hojjetan muuxannoo hojii seera qabeessa dhiyeeffachuu kan danda'u.
19. Dorgomtoonni waraqaa raga kireessa maashinii haaroome waajjira koonistiraakshinii,/waajjira Maallaqaa,bulchiinsa mootummaa naannootiin mirkanaa'e dhiyeeffachuu kan danda'an.
20. Dorgomtootni qabxiilee asii olitti tarreeffaman guutuu dandeessa Sanada caalbaasii W/rri Maallaqaa Aanaa Manchoo qopheesse gaafa Guyyaa 29/12/2018 hanga 25/01/2019tti qarshii Ithoophiyaa 500 (dhibba shan) kan hin deebine Waajjira Galiiwwanii Aanaa Manchoo lakk. 2 dhihaattanii guyyaa caalbaasiin kun gaazexaa Addis Zamaniin bahe irraa eegalee guyyaa hojii motummaa 21 (digdami tokko) keessa sanada caalbaasii bitachuu ni dandeessu.
21. Sanduqnii Sanada caal-baasii gaafa guyya 26/01/2019 saa'atii 4:00tti cufamee, gaafuma sana saa'atii 4:30tti W/ra Maallaqaa A/Manchootti bakka abbaan dhaabbata daldalichaa ykn bakka bu'aan seera qabeessa ta'e argametti kan banamu ta'a.
Gama biraatiin W/ri keenya filannoo gara biraa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn guutuummaan guutuutti haquuf mirga guutuu kan qabu ta'uu isin hubachiifna.
Odeeffannoo dabalataaf lakkoofsa bilbilaa: 0935081963 ykn 0902162576 irratti bilbiluu ni dandeessu.
Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Manchoo
Tender details
- Deadline: 2026-10-06
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-10-06 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Jimmaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Manchoo
- Bid bond: Qarshii 300,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Sep 04, 2026)
- Posted at: 2026-09-04T08:45:52.000Z