Building Construction
Waajjira Bulchinsaa A/EjereeGamoo Abbaaa Darbii Afurii (G+4) Magaalaa Ejeree keessatti dorgomtoota ulaagaa gutaan wal- Dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.
Description
Beeksisa Caalbaasii Lakk.1ffaa
Godina Shawaa Lixatti, Aanaan Ejeree Waajjira Bulchinsaa Aanichaa, Gamoo Abbaaa Darbii Afurii (G+4) Magaalaa Ejeree keessatti dorgomtoota ulaagaa gutaan wal- Dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.Godina Shawaa Lixaatti, Waajjirri Bulchinsaa Aanaa Ejeree, bara Baajataa 2019tti gamoo abbaa darbii Afurii (G+4) magaalaa Ejeree keessatti turtii bara bajataa waggaa Lama keessatti hojjachiisuu barbaada.
1. Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Bulchinsaa Aanaa Ejeree; kontiraaktaroota gosa waliigalaa ykn kontiraaktaroota ijaarsaa GC-4 ykn BC-3 fi isaa ol ta'an hunda kan hayyamni hojii isaanii bara 2019 E.C tiif haaromfame affeeree jira.
2. Sanadni caalbaasii iyyannoo barreeffamaa dhiyeessuun fi kaffaltii hin deebine Qar 2,000 ( kuma Lama) beeksisa guyyaa jalqaba gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii hunda sa'aatii hojiitti hanga guyyaa dhumaatti waajjira maallaqaa A/Ejeree, Magaala Ejeree tti argamu irraa bitamuu ni danda'a. Wiixataa hanga Jimaataa yeroo sa'aatii hojitti Dorgomaan qarshii 2.000 (kuma lama) baankii siinqee Damee Ejeree Lakk.Herreegaa 1052500521224 tti galchuun nagahee baankii waajjira Maallaqaa Aanaa Ejereetti fiduu qaba. Dorgomaan "VAT" fi ragaa galmee TIN, hayyama daldalaa seera qabeessa ta'ee fi ragaa galmee seera qabeessa ministeera konistiraakshinii ykn Abbaa Taayitaa konistiraakshinii Oromiyaa biraa fudhatee galmaa'e iyyata waliin qabatee dhiyaachuu qaba.
3. Dorgomtoonni odeeffannoo dabalataa waa'ee caalbaasii kanaa argachuu, sakatta'uu fi sanada caalbaasii, waajjira Maallaqaa A/Ejeree armaan olitti ibsame irraa argachuu ni danda'u.
4. Caalbaasiin hundi kabachiisa wabii caalbaasii maallaqa callaa baankii siinqee Damee Ejeree lakk. Herreegaa. 1052500521224 irratti Qarshii 500,000 (kuma dhibbaa Shaannii qofa) guyyaa caalbaasiin banameen booda guyyoota 120'f kan hojjetu ykn kan turu Maqaa Waajjira Maallaqaa A/Ejereetiin galii ta'ee naga'een baankii gara naga'ee waajirichaatti jiijjiramuun dhiyaachuu qaba.
5. Caalbaasiin akkaataa hojmaata caalbaasii biyyoolessaa banaa labsii bittaa mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa keessatti argamuun kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoota ulaagaa guutan hundaaf banaadha. Kunis (Sadarkaa lama: Sadarkaan jalqabaa madaallii duraa fi teeknikaa dha; inni lammaffaan madaallii faayinaansii ti).
6. Tuutni sanada caalbaasii afaan Oromootiin guutuu ta'e dorgomtoota fedhii qabaniin bitamuu ni danda'a; lyyata barreeffamaa, waraqaa ragaa galmee VAT, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Federaalaa ykn Naannoo irraa kan dhiyaatu irratti ragaa galmee haarom fame, waraqaa ragaa galmee daldalas haaromfame, hayyama daldalaa haaromfame, Ragaa galmee kaffalaa gibiraa fi gibira Quiqulicessuun Biiroo Galii Oromiyaa Ykn ERCA irraa fi EGP keessatti galmaa'uun teessoo armaan gadisti ibsameen kaffaltii hin deebine Qar. Itoophiyaa 2000 (kuma lama) Herrega baankii armaan olitti ibsametti galchuudhaan nagahee gara waajjira maallaqaa A/Ejereetti jijjiirame waliin kan dhiyaatu hanga guyyaa hojii 21 gaafa jalqaba beeksisni gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti bahe irraa ceggalee jirutti guyyaa hojii wiixataa hanga Jimaataa sa'aatii hojiitti ta'a.
7. Dhiyeessuu fi baniinsa caalbaasii
A. Yeroon xumura caalbaasii (gahumsa teeknikaa fi dhiyeessii faayinaansii of danda'ee) dhiyaachuun guyyaa hojii 22 sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:00 ykn sana dura guyyaa jalqaba gaazexaa kallacha Oromiyaa irratti beeksisame irraa eegalee ta'a. Guyyaan digdamii lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a
B. Orjinaalaa fi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa adda addaan envelope cufame keessatti Orijinaala fi waraabbii sanadoota gahumsa teeknikaa" jedhamee mallatteeffamee keessa kan kaa'amuu fi envelopen lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa caalbaasii irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "koree caalbaasii biratti qofa kan banamu" jedhamee ifatti kan barreeffame yoo ta'u, Wabii kabachiisa Caalbaasii qofaatti saamsuun sanada teeknikaa orjinaala waliin ni kaa'ama. (waarabbin sanada gahumisaa Tekinkaa akkaataa sanada caalbasii SCI keessatti ibsaameen dhiyyachuu qaba)
C. Orijinaalli fi koppiin sanadoota dhiyeessii faayinaansii addaan baafamee envelope cufame keessatti kan mallatteeffame "Orijinaal fi Koppii Sanadoota Dhiyeessii Faayinaansii" jedhamee kan mallatteeffame yoo ta'u, envelopen lamaan envelope alaa guddaa keessa kaa'amee cufamuu qaba. Enveloppiin alaa kun teessoo dhiyeessii fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabu yoo ta'u, "Bakka Koreen caalbaasii jirutti qofa banama" jedhamee ifatti kan barreeffame ta'uu qaba. (waarabbiin sanada faayyinasii akkaataa sanadaa caalbasii SCI keessatii ibsaameen dhiyaachuu qaba).
D. Sanadni Lamaanuu (Piropozaala Teeknikaa fi Faayinaansii) Envelope haadhoo alaa tokko keessa kan kaa'amu yoo ta'u envelopen alaa kun teessoo dhiyaannaa fi Odeeffannoowwan biroo waraqaa ragaa irratti agarsiifaman kan qabuu fi "Bakka koreen caalbaasii jirutti qofa kan banamuu" jedhamee irratti barreeffamuu qaba.
E. Chaappaa, mallatteessuu fi mallattoon caalbaasii akkaataa qajeelfama dorgomtootaatiin ibsameen ta'uu qaba
F.Sanada caalbaasii qopheessuu keessatti dorgomtoonni ragaa caalbaasii sanada caalbaasii keessa jiru qorachuun irraa eegama.
G. Sanadni ulaagaa guutuu guyyaa beeksisa jalqabaa guyyaa Hojii irraa eegalee guyyuma sanatti sa'aatii biyya keessaa sa'aatii 8:30tti guyyaa 22ffaa ni banama. Guyyaan digdamii-lammaffaan guyyaa hojii yoo hin taane, guyyaa hojii itti aanu ta'a
H. Sanadni dhiyeessii faayinaansii cufamee saanduqa kanaaf qophaa'e keessa kan turuu fi bakka odiitarri ykn qaamni maamilichaan hayyamame kamiyyuu jirutti, dorgomtoota gahumsa qaban beeksisuun kan banamu ta'a.
I. Koreen Abbaa pirojeektii/maamilaan ramadame bu'uura deebii kennuu isaanii sanada caalbaasii irratti hundaa'uun gahumsa dorgomtootaa ni madaala, ulaagaa madaallii guutuu qaba, waraqaa ragaa caalbaasii keessatti ramadame hojiirra oolchuudhaan, Dorgomaan sadarkaa kanatti ni kufa yoo ta'e sanada caalbaasii irratti deebii hin kennu yookiin walsimsiisa teeknikaa isa xiqqaa sanada caalbaasii irratti himatame galmaan gahuu dhabuu isaati.
J. Dhiyeessiin faayinaansii dorgomtoota ulaagaa Teeknikaa guutan ykn Fitted fi isaa ol ta'an qofatu guyyaa banamuu faayinaansii banama. Faayinaansii baname dorgomtoota ulaagaa guutuu hin qabne (i. e Ulaaga guutuu qabaachuu qabu kan hin qabne osoo hin banamin ni deebi'a). Abbaan piroojektii guyyaa fi sa'aatii banamuu faayinaansii dorgomtootaaf ni ibsa..
K. Sanadni sobaa yoo dhiyaate fi yookiin sanada gahumsa teeknikaa irratti dhiyeessii faayinaansii agarsiisuuf yaaliin yoo godhame sanadni dorgomaa caalbaasichaa akka kufu ni taasisama.
L. Maamilchi "Sanada Gahumsa Teeknikaa" "Sanada Dhiyeessii Faayinaansii" envelops keessatti dogogoraan kaa'amu ykn faallaa kanaatiin kan dorgoman diduu ni danda'a, itti gaafatamummaas hin fudhatu
1. Hojiima oolmaan caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota kaalaandarii 120 ta'a.
2. Ijaarsi hojii guyyaa hojiin jalqabame irraa eegalee hanga guyyoota kaalaandarii 540 (Dhibba shaniif afurtama) ta'een kan xumuramu ta'a. Haalli mijataan yoo jiraate (baajata guutuu qabaachuu) maamilchi guyyaa hojiin xumuramu xiqqeessuu ni danda'a.
3. Kontiraaktaroota hojii harkaa qaban adeemsi hojii fiizikaalaa %75 ol guutuu ta'uu fi ragaan dorgomaa Maamila pirojektootaa irraa walitti qabamuu qaba.
4. Waajiri Bulchinsaa A/Ejeree caalbaasii kana gar tokkeen ykn hunda fudhachuu ykn diduudhaa mirga gaba Odeeffannoo dabalataaf: Bilbila:- 0913666545
Waajjira Bulchinsaa A/Ejeree:-
Tender details
- Deadline: 2026-09-28
- Bid closing time: 14:00
- Bid closing (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatii 8:00tti
- Bid opening: 2026-09-28 14:30
- Bid opening (note): Guyyaa 22ffaa sa,aatii 8:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Bulchinsaa A/Ejeree
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qrshii 2000
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T09:17:32.000Z
- Source: 2merkato