Food Items and Drinks
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Bahaa nyaata barattootaa Manneen Barnoota Aanoota adda addaa Godina Harargee Bahaatiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kana gu
Description
Beeksisa Caalbaasii
Lakk. 001/2019
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Bahaa nyaata barattootaa Manneen Barnoota Aanoota adda addaa Godina Harargee Ba-haatiif caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kana guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan afeeram- tanii jirtu.
1. Hayyama daldalaa dhiheessa nyaataa kan qabu.
2. Gibira baraa kan kaffaleefi hayyama daldalaa kan haaromse.
3. Galmee dhiheessitootaa keessatti kan galmaa'eefi ragaa kan qabu.
4. Vaatii kan galmaa'eefi ragaa dhiheeffachuu kan danda'u.
5. Kabachiisa caalbaasii (CPO) maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Ba- haatiin qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) dhiheessuu kan danda'u.
6. Ulaagaalee sanada caalbaasii irratti akka guutaman gaafataman guutuu kan danda'u.
7. Dorgomtoonni beeksifni sanada caalbaasii gaazexaan guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15f sanada tokkoof maallaqa hin deebine qarshii 500.00 (dhibba shan) kaffaluudhaan yaroo hojii mootummaatti Waajjira Maallaqaa Adeemsa Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaatii bitachuu ni dandeessan.
8. Caalbaasiin guyyaa gaazexaan baherraa eegalee guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 3:30 irratti cufamee guyyuma sana sa'aatii 4:00tti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni argamanitti kan banamu yammuu ta'u, guyyaan 16ffaa guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii walfakkaatuutti caalbaasiin banama.
9. Dorgomtoonni sanada caalbaasii faayinaanshiyaalaafi teknikaalaa orijinaalaafi koppii poostaa adda addaatiin saamsuun dhiheessuu qaban.
10. Waajjirichi karaa fooyya'aa biraa yoo argate caalbaasicha gartokkeen yookaan guutumaan guutuutti haquuf mirgi seeraa kan eeggame ta'a.
Ragaa dabalataatiif lakkoofsa bilbilaa 0966746796 irratti bilbiluun gaafachuu dan- deessu.
Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Bahaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-24
- Bid closing time: 09:30
- Bid closing (note): guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 3:30
- Bid opening: 2026-09-24 10:00
- Bid opening (note): guyyaa hojii 16ffaa sa'aatii 4:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bul/Moot/Naan/Oromiyaatti Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Bahaa
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00 sanada tokkoof
- Published on: BARRIISAA (Sep 06, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T09:19:56.000Z
- Source: 2merkato