Shoes and Other Leather Products

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Lixaa Waajirri Maallaqaa Aanaa Jibaat(shanan) Magaala Finfinnee irraa K/M 185 magaala godinaa(Amboo) irraa K/M 70 fagaattee kan argamtu yoo ta'u sekteroota aanicha keessatti argamaniif Meeshaalee Adad

Description

Beeksisa Caalbaasii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Lixaa Waajirri Maallaqaa Aanaa Jibaat(shanan) Magaala Finfinnee irraa K/M 185 magaala godinaa(Amboo) irraa K/M 70 fagaattee kan argamtu yoo ta'u sekteroota aanicha keessatti argamaniif Uffata seeraa, Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee dhaabbii Xixiqqaa biiroo Meeshaalee dhaabbii akkasumas Doqdoqqee (Motersaaykiloota),Gommaa konkolaataa fi dogdoqqee Lapsii bittaa Mootummaa lakka 157/2002 ba'e bu'uura godhachuudhaan Caalbaasii Ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada.

A. Ibsa Waligalaa

Caalbaasiin kun Guyyaa gaafa gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin ba'e irraa eegalee Ibsa meeshaalee kan qabate Sanada/Dookmentii/ qarshii hin deebine Qar.1000(Kuma Tokko) kanfaluudhan guyyaa hojii sa'a 2:30- 11:30 tti Godina Shawaa Lixaa W/Maallaqaa Aanaa Jibaat(shanan) Biiroo lakk 4 dhufuudhaan bitachuu kan dandeessan ta'uu ni ibsina.

Dorgomtoonni Caalbaasii kanaa Caalbaasiin kun Guyyaa ba'e irraa eegalee yeroo hunda guyyaa hojii sa'a 2:30-11:30tti Godina Shawaa Lixaa W/ Maallaqaa Aanaa Jibaat(shanan) Sanada fudhattan irratti Gatii guutuudhaansaanduqa dhimma kanaaf qophaa'ee keessa buusuu qabdu.

B. Ulaagaalee Dorgomtootaa

1. Gibira bara hojii kanaa kan kanfalee fi eyyama isaa kan haarom fate raga kana ibsu kan dhiyeessuu danda'u

2.Galmaa'aa VAT ta'uu isaaniitiif koppii ragaa kanaa kan dhiyeessuu danda'u

3. Dorgomtoonni Biiroo Maallaqaa Oromiyaatti galmee dhiyeessitoota meeshaalee fi Tajaajilaa keessatti kan galma'anii fi koppii ragaa kanaa kan dhiyeessuu danda'an, akkasumas Weebsaayitiidhaan kan galmaa'an yoo ta'es koppii ragaa kanaa dhiyeessuu kan danda'an.

4. Dorgomtoonni kam iyyuu hirmaataa cal-baasii kanaa ta'uuf qar.deebi'u Qar 70,000(Kuma Torbaatama) kabachiisa caal baasii CPO baankii CBE fi COOp mirkanaa'e ykn Biid boondii dhiyeessuu danda'u

5. Dorgomtoonni caalbaasii kana meeshaalee caalbaasii kanaaf dhiyaatan guutumaan guutuutti ykn gar tokkeen dorgomuu ni danda'u. Haata'u malee gosa meeshalee tokkoof baay'ina ibsamee gad dhiyeessuun hin danda'amu.

6. Dorgomtoonni turtiin gatii isaanii guyyaa caalbaasiin baname irraa jalqabee hanga waliigaltee mallatteesuudhaan meeshaalee mo'atan hanga dhiyeesanitti gatiin isaanii kan ragga'e ta'a.

7. Mo'ataan caalbaasii kanaa yemmuu waliigaltee mallatteessu wabii Raawwii hojmaata gaarii gatii waliigalaa meeshaalee mo'atan 10% CPO baankiidhaan mirkanaa.e qabsiisuu kan danda'an

8. Dorgomtoonni Gatii ittiin dorgoman Sanada caalbaasii irratti guutuudhaan Dhaabbaticha qaama Aanga'een mallataa'ee chaappaa gochuudhaan orijinaala fi koppii isaa poostaa samsamameen guyyaa caalbaasiin kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin ba'e irraa eegalee guyyoota hojii 15(Kudha shan) yeroo hojii hunda sa'a 2:30-11:30 tti kutaa Biiroo lakk 4 itti saanduga caalbaasichaaf kaawwame keessa buusuu ni danda'a. Saanduqni caalbaasil kanaa kan cufamu gaafa guyyaa 15 guyyaa keessaa sa'a 8:00 irratti cufamee guyyuma sana sa'a 8:30 irratti bakka dorgomtoonni ykn B/ Bu'ooni seeraa argamanitti kan banamu ta'uu ni ibsina. Guyyichi Guyyaa Pyysanaa YKN cufaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanutti sa'a ibsametti kan banamu ta'a. Kun akka jirutti ta'ce, argamuu /dhabuun/ dorgomtootaa adeemsa caalbaasichaa kan hin gufachiisne ta'a

9. Namni Waliigaltee Caalbaasii kanaa raawachuuf dhufu umuriin isaa waggaa 18 of ta'uu qaba

10. Dorgomtoonni caalbaasichaa Lakka Herreega Baankii Socho'aa YKN (CPO) kan gaban ta'ee ragaa mirkaneessu dhiyeessuu qabu. Sanadni Calbaasichaa erga banamee booda yaada dhiyaate jijjiiruu YKN mormuun kan hin danda'amne dha.

11. Adeemsi caalbasichaa kan raawwatamu Afaan Oromoo tiin ta'ee ibsa meeshaalce dhiyaatutti Afaan Ingiliffaa itti dabalamuun ni danda'ama.

12. Dorgomaan kam iyyuu kan inni dorgomuu danda'u sanada caalbaasii Orijinala qofaan ta'a Ibsa Dabalatas Lakk. Bilbilaa 011-239-00-97 ykn 86/04 Lakk Mobaayili 0913311591ykn 0910159044

Waajjira Maallaqaa Aanaa Jibaat


Tender details

  • Deadline: 2026-09-19
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): Guyyaa 15ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Bid opening: 2026-09-19 14:30
  • Bid opening (note): Guyyaa 15ffaa sa,aatti 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa A/jibaat
  • Bid bond: Qarshii 70,000.00
  • Bid document price: Qrshii 1000
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
  • Posted at: 2026-09-07T09:26:46.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders