Shoes and Other Leather Products
Waajjira Maallaqaa Aanaa Abbaa Gadaa Meeshaalee Adaadaa bituu barbaada.
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Suluultaatti kan argamu Aanaa Abbaa Gadaa Finfinnee irraa KM 22 fagaattee kan argamtu Waajjirri Maallaqaa Aanaa Abbaa Gadaa Bara Baajataa 2019 keessa Seektaroota Aanaa keessa jiraniif Uffata seeraa hojjettootaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee adda addaa, Meeshaalee Dhaabbii Biiroo, Goommaa Konkolaata fi Baatirii Konkolaataa Kiraa Konkolataa dhiyeessitoota Wal-dorgomsiisee Caalbaasii ifaadhaan bituu barbaada.
Ibsa Balli'inaan
Dhiyeessitoonni ulaagaalee armaan gadii guuttan guyyaa beeksifin kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin maxxanfamee ba'e irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15f hanga Gaafa14/01/2019 sa'aatii 11:00 itti waa'ee meeshaalee bitamanii kan ibsu sanada caalbaasii qophaa'e qarshii hin deebine qarshii 500 (dhibba shan) kanfaluun Waajjira maallaqaa Aanaa Abbaa Gadaa dhufuun bitattanii dorgomuu ni dandeessu
Ulaagaalee barbaachisoo
1. Gibira bara 2019 kan kaffalee fi raga danda'u/ dandeessu. . dhiyeeffachuu kan
2 Galmaa'aa Taaksii Dabalata Qabeenyaa /VAT kan ta'ee/taate fi ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u/dandeessu.
3. Tarree dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'e /galmoofte fi raga dhiyeeffachuu kan danda'u dandeessu.
4. kabachiisa Caalbaasii Qarhii 50,000 (kuma shantamaa) Qarshii dheedhiin Ykn CPO baankii Siinqee irraa qofaa dhiyeeffachuu qabsiisuu kan danda'u /dandeessu ta'uu qaba/qabdi.Kanaan ala waan biraatiin CPO'n dhiyaate fudhatama hin qabu
5. IMX dhaan kan gurmaa'e/ gurmoofte yoo ta'e qaama ijaare irraa xalayaa kabachiisa
6. Caalbaasii qarishii 50,000 (qar.kuma shantamaa) xalayaa kabachiisa waliigaltee 10%wabii ta'uu isaan kallatiidhaan xalayaa wabumaa Waajjira maallaqaa Aanaa keenyaafkallatiidhaan kan barreeffame dhiyeeffachuu kan danda'u /dandeessu ta'uu qaba/qabdi.
7. Mo'ataa ta'ee erga mirkanaa'ee booda walii galtee mallatteessuuf fedha kan qabu /qabdu
8.mo'achuun isaa /ishee erg mirkanaa'ee booda guyyoota 30 (soddoma/) keessatti wantoota moo'ate /moo'atte hundumaa dhiyoessu kan danda'u/ dandeessu.
9. Guyyoota jedhame keessatti kan hin dhiyeessine yoo ta'e kabachiisa dhaalamuu Akka danda'u/ caalbaasii fi kabachiisawaliigaltee dandeessu fi seeran gaaffatamuu hamanee/hamantee kan mallatteessu /mallateessitu ta'uu qaba/qabdi.
10. Kabachiisa waliigaltee gatii walii gala ittiin moo'ate keessaa 10% Qarshi dheedhiin ykn CPO baankii siiqee irraa dhiyeeffachuu kan danda'u/dandeessu
Kanaafuu namootni dhuunfaa ykn dhaabbileen dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa kallacha Oromiyaa tiin maxxanfamee bahe irraa eegalce hanga 14/01/2019 sa'aatii 11:00 itti qofa gatii tokko ittiin dorgomtan orjinaala fi koppii isaa kophaatti saamsuudhaan saanduga caalbaasiidhaaf gopha'e keessa galchuu ni dandeessu. 10. Gaafa guyyaa 16ffaa 15/01/2019 sa'aatii 3:00 gubbaatti saanduqnicaalbaasii cufamee guyyaadhuma kana sa'aatii 3:30 irratti saanduqni caalbaasii iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii argamanitti waajjira maallaqaaAanaaAbbaa Gadaa keessatti ni banama. Guyyaa 16ffaan waajirri cufaa/ Ayyaana yoo ta'eGuyyaa hojii itti-aanu sa'aatii jedhametti saanduqni caalbaasii cufamee banama Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar- tokkeedhaan ykn guutuma guututti haquuf mirga qaba. Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bilbilaa 0913780472 ykn 0911775162
Waajjira Maallaqaa Aanaa Abbaa Gadaa
Tender details
- Deadline: 2026-09-25
- Bid closing time: 09:00
- Bid opening: 2026-09-25 09:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirra maallaqaa Aanaa Abbaa Gadaa
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
- Posted at: 2026-09-07T09:46:24.000Z
- Source: 2merkato